LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lff barumsa 53
  • Bashannana Yihowaa Gammachiisu Filadhu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Bashannana Yihowaa Gammachiisu Filadhu
  • Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • CAALAATTI BARADHU
  • MAAL BARATTE?
  • QORANNOO DABALATAA GODHI
  • Bashannana Filachuu kan Dandeenyu Akkamitti?
    Jaalala Waaqayyoo Keessa Jiraadhaa
  • Bashannana Gaarii Filachuun Kan Danda’amu Akkamitti?
    “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa”
  • Wanta Itti Bashannantan Ogummaadhaan Filadhaa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2019
  • Yihowaa Qofa Waaqeffadhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
Dabalataan Ilaaluuf
Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
lff barumsa 53
Barumsa 53. Abbaan, haatii fi intalli isaanii fandiishaa nyaachaa televizyinii ilaalaa jiru.

BARUMSA 53

Bashannana Yihowaa Gammachiisu Filadhu

Isa Bifa Maxxansaan Jiru
Isa Bifa Maxxansaan Jiru
Isa Bifa Maxxansaan Jiru

Yihowaan “Waaqa gammadaa” dha. (1 Ximotewos 1:11) Nutis gammachuu akka argannu barbaada. Hojii irraa boqonnaa fudhannee yommuu bashannannu ni gammada. Barumsa kana keessatti, yeroo boqonnaa keenya karaa nuunis taʼe Yihowaa gammachiisuun itti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla.

1. Wanta ittiin bashannannu yommuu filannu maal yaadachuu qabna?

Ati yeroo boqonnaa keetti maal gochuu jaallata? Namoonni tokko tokko yeroo boqonnaa isaanii manatti kitaaba dubbisuudhaan, muuziqaa dhaggeeffachuudhaan, fiilmii ilaaluudhaan ykn intarneetii fayyadamuudhaan dabarsuu jaallatu. Kaan immoo michoota isaanii wajjin miilaan deemuu, bishaan daakuu ykn tapha ispoortii taphachuu jaallatu. Filannaan keenya maal iyyuu yoo taʼe, wanti ittiin bashannannu ‘Gooftaa biratti fudhatama kan qabu’ taʼuu isaa mirkaneeffachuu qabna. (Efesoon 5:10) Sababiin isaas wantoonni namoonni ittiin bashannanan wantoota Yihowaan jibbu kan akka hammeenyaa, halalummaa ykn gocha hafuurota hamoo kan of keessatti qabatani dha. (Faarfannaa 11:5 dubbisi.) Maarree bashannana keenya ogummaadhaan filachuuf maaltu nu gargaara?

Michoota Yihowaa jaallatan yoo filanne, nu irrattis taʼe bashannana filannu irratti dhiibbaa gaarii geessisu. Barumsa darbe irratti akkuma baranne, “namni ogeeyyii wajjin deemu ogeessa taʼa.” Gama biraatiin immoo, namoota ulaagaalee Yihowaa hin jaallannee wajjin yeroo dheeraa kan dabarsinu yoo taʼe ‘rakkina irra buuna.’—Fakkeenya 13:20.

2. Bashannana irratti yeroo hangamii akka dabarsinu toʼachuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

Bashannanni filannu gaarii taʼus, bashannanuudhaan yeroo dheeraa akka hin dabarsine of eeggachuu qabna. Taʼuu baannaan garuu, wantoota caalaatti barbaachisoo taʼaniif yeroo gaʼaa dhabuu dandeenya. Kitaabni Qulqulluun, “Yeroo keessan akka gaariitti itti fayyadamaa” jechuudhaan nu jajjabeessa.—Efesoon 5:15, 16 dubbisi.

CAALAATTI BARADHU

Bashannana ilaalchisee murtoo gaarii gochuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe baradhu.

3. Bashannana gaarii hin taane irraa fagaadhu

Wanta ittiin bashannannu of eeggannoodhaan filachuu kan qabnu maaliifi? VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.

VIIDIYOO: Bashannana Akkamiin Filachuu Qaba? (4:39)

  • Taphni Roomaa durii keessatti taphatamaa ture bashannana yeroo ammaa jiru wajjin kan wal fakkaatu akkamitti?

  • Viidiyicha irratti akkuma ibsame, Daaniin bashannana ilaalchisee maal barate?

Roomaa 12:9 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Caqasni kun bashannana gaarii taʼe filachuuf kan si gargaaru akkamitti?

Wantoonni Yihowaan jibbu tokko tokko kam faʼi? Fakkeenya 6:16, 17 fi Galaatiyaa 5:19-21 dubbisaa. Caqasoota kana erga dubbistanii booda, gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Wantoota caqasa kana keessatti ibsaman keessaa, wantoonni bashannana yeroo harʼaa jiran keessatti baramoo taʼan kam faʼi?

Wanta ittiin bashannantu ogummaadhaan filachuu kan dandeessu akkamitti?

Akkana jedhii of gaafadhu:

  • Maaliinan bashannana? Wanta Yihowaan jibbu kan dabalatu dhaa?

  • Yooman bashannana? Sochiiwwan barbaachisoo taʼaniif yeroo na dhabsiisaa?

  • Eenyuu wajjinan bashannana? Namoota Yihowaa hin jaallannetti akkan dhihaadhu ykn akkan isaanii wajjin yeroo dabarsu kan na taasisu dhaa?

Hamma dandaʼametti wanta balaadhaaf nu saaxilu irraa fagaachuun gaarii dha. Bashannana gaarii hin taane kam irraa iyyuu fagaachuu kan qabnu kanaafi

Konkolaataa fiixee gaara tokkoo irra deemaa jiru. Duubni konkolaatichaa hallayyaa keessa buʼuu jalqabeera.

4. Yeroo keetti ogummaadhaan fayyadami

VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.

VIIDIYOO: Wanti Yeroo Kee Fudhatu Maali Dha? (2:45)

  • Obboleessi viidiyicha irratti ibsame wanta gaarii hin taane kan hin ilaalle taʼus, yeroon inni bashannanaan dabarsu dhiibbaa akkamii isa irraan geessiseera?

Filiphisiyus 1:10 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Caqasni kun bashannana irratti yeroo hangamii dabarsuu akka qabnu murteessuuf kan nu gargaaru akkamitti?

5. Bashannana gaarii taʼe filadhu

Bashannanni tokko tokko Yihowaa kan hin gammachiisne taʼus, wantoonni ittiin bohaaruu dandeenyuu fi isa hin gaddisiisne hedduun jiru. Lallaba 8:15 fi Filiphisiyus 4:8 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Bashannana akkamiitu si gammachiisa?

Fakkiiwwan: Namoonni umurii garaa garaa irra jiran bashannana gaariidhaan bohaaraa jiru. 1. Shamarreen tokko muuziqaa dhaggeeffachaa fakkii kaasaa jirti. 2. Ijoolleen dhiiraa sadii kubbaa kaachoo taphachaa jiru. 3. Dhiironni lama biskileetii oofaa jiru. 4. Mucaan xinnoon tokko konkolaataa ittiin taphatu hojjechaa jira. 5. Namichi tokko dibbee rukutaa jira. 6. Mucaan tokko abbaa isaa wajjin geemii taphachaa jira. 7. Dubartiin tokko suuraa kaasaa jirti.

Bashannana gaarii taʼeen bohaaruu dandeessa

NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Wantoota kana hamman hin raawwannetti, bashannana hammeenya, halalummaa ykn gocha hafuurota hamoo of keessatti qabateen bohaaruun koo rakkina hin qabu.”

  • Atoo maal jetta?

MAAL BARATTE?

Yihowaan bashannana gaarii akka filannuu fi akka ittiin bohaarru barbaada.

Irra Deebii

  • Kiristiyaanonni bashannana akkamii irraa fagaachuu qabu?

  • Yeroo bashannana irratti dabarsinu ilaalchisee of eeggannoo gochuu kan qabnu maaliifi?

  • Bashannana Yihowaa gammachiisu filachuu kan barbaaddu maaliifi?

Galma

QORANNOO DABALATAA GODHI

Wanta ittiin bashannannu filachuun itti gaafatamummaa eenyuu akka taʼe qori.

“Dhugaa Baatonni Yihowaa Viidiyoowwan, Kitaabotaa Fi Muuziqaawwan Adda Baasanii Dhorkan Qabuu?” (Mata duree jw.org irratti baʼe)

Bashannanaa fi wantoota yeroo boqonnaatti raawwattu ilaalchisee murtoo gaarii gochuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe ilaali.

“Wanti Itti Bashannantan Faayidaa Qabaa?” (Masaraa Eegumsaa, Onkoloolessa 15, 2011)

Seenaa jireenyaa “Jibba Halaalaa Qabu Moʼeera” jedhu irraa namni tokko bashannana filatu kan jijjiire maaliif akka taʼe dubbisi.

“Kitaabni Qulqulluun Jireenya Namootaa ni Jijjiira” (Mata duree Masaraa Eegumsaa irratti ba’e)

Haati takka bashannana seenaawwan waaʼee addunyaa hafuuraa ibsan of keessatti qabate ilaalchisee murtoo ogummaa irratti hundaaʼe kan goote akkamitti akka taʼe ilaali.

Bashannana Gochawwan Hafuurota Hamoo Of Keessatti Qabate Irraa Fagaadhu (2:02)

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi