LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb19 Waxabajjii ful. 7
  • Wanta Itti Bashannantan Ogummaadhaan Filadhaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Wanta Itti Bashannantan Ogummaadhaan Filadhaa
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2019
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Bashannana Yihowaa Gammachiisu Filadhu
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Bashannana Filachuu kan Dandeenyu Akkamitti?
    Jaalala Waaqayyoo Keessa Jiraadhaa
  • Bashannana Gaarii Filachuun Kan Danda’amu Akkamitti?
    “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa”
  • Yihowaa Qofa Waaqeffadhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2019
mwb19 Waxabajjii ful. 7

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Wanta Itti Bashannantan Ogummaadhaan Filadhaa

Wanta itti bashannannu ogummaadhaan filachuu kan qabnu maaliifi? Fiilmii ilaallu, sirba dhaggeeffannu, weebsaayitii daawwannu, kitaaba dubbisnu ykn geemii viidiyoo taphannu yommuu filannu, wantoota gara sammuu keenyaatti galchinu filachaa jirra jechuu dha. Filannoon goonu immoo amala keenya irratti dhiibbaa godha. Kan nama gaddisiisu garuu, bashannanni yeroo harʼaatti argamu baayʼeen wantoota Yihowaan balaaleffatu of keessatti kan qabate dha. (Far 11:5; Gal 5:19-21) Kanaan kan kaʼes, Kitaabni Qulqulluun wantoota Yihowaadhaaf ulfina fidan yaaduu keenya akka itti fufnu nu gorsa.—Flp 4:8.

VIIDIYOO BASHANNANA AKKAMIIN FILACHUU QABA? JEDHU ILAALAA; ACHIIS GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • A Roman gladiatorial game

    Taphni gilaadiyaataroota Roomaa durii, bashannana ammayyaa yeroo harʼaatti argaman tokko tokkoo wajjin kan walfakkaatu akkamitti?

  • A pioneer brother works in field service with a younger brother in the congregation

    Obboloonni gumii keessa jiran, dargaggoonni wanta itti bashannanan ogummaadhaan akka filatan isaan gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?

  • A soldier

    Bashannana filannu ilaalchisee Roomaa 12:9 hojii irra oolchuu kan qabnu akkamitti?

  • Young Witnesses play soccer

    Naannoo keessanitti bashannanawwan gaarii taʼan akkamiitu jira?

WANTA OFIIN RAAWWANNUUN MOO WANTA WARRI KAAN RAAWWATANIIN BASHANNANUU WAYYA?

Bashannanawwan beekamoon yeroo harʼaatti argaman hedduun, wanta ofiin raawwannuun utuu hin taʼin, wanta warri kaan raawwataniin bashannanuu jajjabeessu. Fiilmiiwwan, kitaabonnii fi sagantaaleen televizyinii buʼaa dandeettii yaaduu namoota kaaniiti malee kan keessan miti. Wanta warri kaan raawwataniin bashannanuun kan dandaʼamu taʼus, namoonni hedduun wanta ofiin raawwannuun bashannanuun faayidaa guddaa akka qabu hubataniiru. Fakkeenyaaf, namoonni tokko tokko meeshaa muuziqaa taphachuun ykn fakkii kaasuun isaan gammachiisa. Kaan immoo taphawwan ispoortii taphachuu ykn miillaan deemuu ykn bakkawwan bashannanaa deemuun isaan gammachiisa. Bashannanni filannu maal iyyuu yoo taʼe, ‘wanta hundumaa ulfina Waaqayyootiif haa goonu.’—1Qo 10:31.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi