BOQONNAA 31
Muuziqaa Akkamiin Filachuu Qaba?
Muuziqaadhaaf iddoo hammamii kennita?
□ Isa malee jiraachuu nan dandaʼa.
□ Isa malee jiraachuu hin dandaʼu.
Muuziqaa yoom yoom dhaggeeffatta?
□ Yeroon karaa deemu
□ Yeroon qoʼadhu
□ Yeroo hunda
Muuziqaa akkamii jaallatta? Maaliif? ․․․․․
DANDEETTIIN muuziqaatti gammaduu numa wajjin waan uumame fakkaata. Dargaggoota hedduudhaaf muuziqaan dirqamadha. Shamarreen waggaa 21 Ambar jedhamtu akkana jetteetti: “Muuziqaa malee jiraachuu hin dandaʼu. Yeroon qulqulleessu, yeroon nyaata qopheessu, yeroon waa bituu deemuu fi yeroon qoʼadhu dabalatee yeroo hundumaa muuziqaa nan dhaggeeffadha.”
Rukuttaan muuziqaa herregaan kan qophaaʼu taʼuu dandaʼa; yeroo dhaggeeffannu garuu herrega taʼuu isaarra darbee miira keenya tuqa. Akkuma ‘dubbiin yeroo sirrii taʼetti dubbatamu gaarii’ taʼe muuziqaan yeroo sirrii taʼetti dhageenyus nu jajjabeessuu dandaʼa. (Fakkeenya 15:23) Shamarreen waggaa 16 Jeesiikaa jedhamtu akkana jetteetti: “Yeroo tokko tokko namni kamiyyuu miira koo hubachuu akka hin dandeenye natti dhagaʼama. Muuziqaan jaalladhu yeroon dhaggeeffadhu garuu kan dhiphatu ana qofa akka hin taanen hubadha.”
Kan Wal Isin Falmisiisumoo kan Wal Isin Fakkeessudha?
Ati muuziqaa kan jaallattu taʼus warri kee garuu ilaalcha addaa qabaachuu dandaʼu. Dargaggeessi tokko akkana jedheera: “Abbaan koo, ‘Waca kana narraa cufi! Gurra na dhukkubsaa jira!’ naan jedha.” Wanti isaan jedhan waan si nuffisiiseef warri kee wantuma salphaa arbeessaa akka jiran sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Shamarreen takka, “Isaan yeroo dargaggoota turanoo? Muuziqaan dhaggeeffatan gadhee akka taʼe warra isaaniitti hin dhagaʼamnee?” jetteetti. Shamarreen waggaa 16 Ingireed jedhamtus, “Namoonni guguddaan wanta durii gadhiisuu waan barbaadan hin fakkaatu. Muuziqaan dhaloota keenyaas gaarii akka taʼe utuu hubatanii gaarii ture” jetteetti.
Wanta Ingireed dubbatteef xiyyeeffannaa kennuun barbaachisaadha. Akkuma beektu durii kaasee namoonni guguddaanii fi dargaggoonni dhimmoota filannaadhaaf dhiifamanirratti walii hin galan. Garaagarummaan akkasii jiraachuun isaa garuu muuziqaan yeroo hunda wanta wal falmisiisu taʼuu qaba jechuu miti. Wanta warra kee wajjin irratti walii galturratti xiyyeeffachuun kee falmii hambisuuf si gargaara. Warri kee Kitaaba Qulqulluudhaaf kabaja qabu yoo taʼe akkas gochuun siif salphata. Maaliif? Sababiin isaas, Dubbiin Waaqayyoo atis taate warri kee wanta fudhatama hin qabne akka adda baafattanii fi wantoonni filannaadhaaf dhiifaman maalfaa akka taʼan akka hubattan isin gargaara. Kana gochuuf, (1) ergaa muuziqaa sanaa fi (2) yeroo muuziqaa sana dhaggeeffachuudhaan dabarsitu gamaaggamuu qabda. Mee isa jalqabaa haa ilaallu.
Ergaan Muuziqaa Sanaa Maalidha?
Muuziqaan akkuma nyaataati. Nyaata gaarii hamma si gaʼu yoo nyaatte si fayyada. Nyaata gaarii hin taane xinnumallee yoo nyaatte garuu si miidhuun isaa hin oolu. Kan nama gaddisiisu yeroo baayʼee kan nama hawwatu muuziqaa gaarii hin taanedha. Dargaggeessi Istiiv jedhamu, “Muuziqaan namatti tolu hundi walaloon isaa jibbisiisaa kan taʼe maaliifi?” jechuudhaan gaddaan dubbateera.
Sagalee isaa jaallatteetta taanaan ergaan isaa rakkina hin qabuu? Gaaffii kana deebisuuf akkana jedhii of gaafadhu: ‘Namni tokko summii na obaasuu yoo barbaade akkan dhugu kan na amansiisu akkamitti? Wanta dhangaggaaʼaatti makee naa kennamoo wanta miʼaawaa taʼetti makee naa kenna?’ Iyyoob inni nama amanamaa taʼe, “Akkuma arrabni nyaata dhandhamu, gurri jechoota adda hin baafatuu?” jedhee gaafateera. (Iyyoob 12:11) Kanaafuu, muuziqaa tokko rukuttaa isaa ykn sagalee isaa waan jaallatteef qofa callistee dhaggeeffachuu mannaa, mata duree fi walaloo isaa ilaaluudhaan ‘jechoota isaa adda baafadhu.’ Akkas gochuu kan qabdu maaliifi? Walaloon isaa yaadaa fi ilaalcha keerratti dhiibbaa waan godhuufi.
Kan nama gaddisiisu muuziqaan yeroo harʼaatti baʼaa jiruu fi nama hawwatu hedduun walaloon isaa saalqunnamtii, lolaa fi qoricha sammuu hadoochu fudhachuu kan jajjabeessudha. Muuziqaa akkasii dhaggeeffachuun dhiibbaa akka sirratti hin goone yoo sitti dhagaʼame summiin isaa si miidhaa jira jechuudha.
Murtoo Mataa Keetii Godhi
Hiriyoonni kee muuziqaa gadhee akka dhaggeeffattu dhiibbaa guddaa sirratti godhu taʼa. Industiriin muuziqaas dhiibbaa sirratti godha. Raadiyoo, intarneetii fi televizyiniitti gargaaramuudhaan muuziqaarraa galii hedduu argachaa jiru. Ilaalcha namootaarratti dhiibbaa gochuudhaan muuziqaa tokko akka jaallatan gochuuf ogeeyyii dandeettii guddaa qaban qacaru.
Hiriyoonni kee fi miidiyaan muuziqaa dhaggeeffattu akka siif murteessan kan heyyamtu yoo taʼe, sana booda filannaa mataa keetii gochuun si rakkisa. Garba isaanii taata. (Roomaa 6:16) Kitaabni Qulqulluun dhimmoota akkasiirratti dhiibbaa addunyaa akka dandamattu si jajjabeessa. (Roomaa 12:2) Kanaafuu, “wanta sirrii fi dogoggora taʼe gargar baasuuf dandeettii hubannaa” kee leenjisuu qabda. (Ibroota 5:14) Muuziqaa yeroo filattu dandeettii hubannaa keetti fayyadamuu kan dandeessu akkamitti? Yaadawwan armaan gadii ilaali:
Qola isaa ilaali. Yeroo baayʼee qabiyyee isaa beekuuf qola isaa ykn beeksisa isaa ilaaluun qofti gaʼaadha. Fakkiiwwan hammina, saalqunnamtii ykn hafuurota hamoo wajjin wal qabatan qaba taanaan of eeggachuu qabda. Muuziqaan isaas akkasuma taʼuun isaa hin oolu.
Walaloo isaa qori. Waaʼee maalii dubbata? Dhuguma yaada akkasii irra deddeebitee dhaggeeffachuu ykn faana jechuu ni barbaaddaa? Yaanni isaa wantoota itti amantuu fi Kitaabni Qulqulluun barsiisu wajjin wal simaa? Muuziqaa afaan biyya alaa yoo taʼellee qabiyyeen isaa karaa naamusaa fudhatama kan qabu taʼuu isaa mirkaneeffachuuf carraaqqii gochuu qabda.—Efesoon 5:3-5.
Dhiibbaa isaarratti yaadi. Dargaggeessi Filiippi jedhamu, “Muuziqaanii fi walaloon yeroo baayʼee dhaggeeffadhu dhiphina sammuu akka natti fiden hubadhe” jedheera. Dhiibbaan muuziqaan namootarraan gaʼu garaagara taʼuu dandaʼa. Garuu muuziqaan dhaggeeffattu miira akkamii si keessatti uuma? Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Muuziqaa ykn walaloo kana ergan dhaggeeffadhee booda yaanni sirrii hin taane sammuu koo keessa ni deddeebiʼaa? Jechoota gaarii hin taanee fi muuziqaa sanarratti dhagaʼe fayyadamuu jalqabeeraa?’—1 Qorontos 15:33.
Waaʼee warra kaanii yaadi. Muuziqaa dhaggeeffattu ilaalchisee warra keetti maaltu dhagaʼama? Yaada akka siif kennan gaafadhu. Wanta Kiristiyaanota kaanitti dhagaʼamuu dandaʼus yaadi. Isaan keessaa tokko tokko muuziqaan dhaggeeffattu isaan jeeqaa? Miira warra kaaniitiif jettee amala kee sirreessuu dandaʼuun kee mallattoo bilchinaati.—Roomaa 15:1, 2.
Gaaffilee olitti ibsaman of gaafachuudhaan karaa hafuuraa utuu of hin miidhin muuziqaa si gammachiisu filachuu dandeessa. Garuu wanti irratti yaaduu qabdu kan biraanis jira.
Yeroo Hammamiitiif Dhaggeeffachuu Qabda?
Muuziqaa gaariin akkuma nyaata gaarii si fayyaduu dandaʼa. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun, “Damma yoo argatte, hamma si barbaachisu qofa nyaadhu, akka malee yoo nyaatte garuu si hooqqisiisuu dandaʼa” jedha. (Fakkeenya 25:16) Dammi qorichummaa akka qabutti ilaalama. Taʼus, wanti gaariinillee yoo baayʼate si miidhuu dandaʼa. Kanarraa maal baranna? Wanta gaarii taʼeyyuu karaa madaallii isaa eegeen fayyadamuu qabna.
Dargaggoonni tokko tokko garuu muuziqaan jireenya isaanii akka toʼatu heyyamu. Fakkeenyaaf, Jeesiikaan ishiin olitti ibsamte akkana jetteetti: “Yeroo hunda, yeroon Kitaaba Qulqulluu dubbisullee muuziqaa nan dhaggeeffadha. Akkas gochuun koo wantan dubbisurratti xiyyeeffachuuf akka na gargaaru warra kootti nan hima. Garuu isaan na hin amanan.” Atoo akka Jeesiikaa sitti dhagaʼamaa?
Muuziqaa dhaggeeffachuudhaan yeroo hammamii dabarsaa akka jirtu beekuu kan dandeessu akkamitti? Gaaffilee armaan gadii of gaafadhu:
Guyyaa guyyaadhaan muuziqaa dhaggeeffachuudhaan yeroo hammamiin dabarsa? ․․․․․
Jiʼa jiʼaan muuziqaadhaaf maallaqa hammamiin baasa? ․․․․․
Muuziqaan hariiroon maatii koo wajjin qaburratti dhiibbaa gochaa jiraa? Taanaan, haala isaa fooyyessuuf maal gochuu akka dandeessu gaditti barreessi. ․․․․․
Barsiifata Keerratti Sirreeffama Godhi
Muuziqaan saʼaatii kee hedduu si jalaa fudhachaa jira taanaan daangaa kaaʼuunii fi barsiifata madaalamaa qabaachuuf carraaqqii gochuun kee gaariidha. Fakkeenyaaf, guyyaa guutuu heedfoonii kaaʼattee ooluu ykn akkuma manatti galteen muuziqaa banuu dhiisuun si barbaachisuu dandaʼa.
Yeroo muraasaaf muuziqaa utuu hin dhaggeeffatin gammaduu barachuuf maaliif hin yaaltu? Akkas gochuun kee qoʼannaa keerrattis si gargaara. Istiiv inni olitti ibsame, “Muuziqaa yoo cufte qoʼannaa keerraa caalaatti fayyadamta” jedheera. Muuziqaa malee qoʼachuuf yaaluudhaan caalaatti wanta qoʼatturratti xiyyeeffachuu akka dandeessu ilaali.
Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼan dubbisuu fi qoʼachuufis yeroo ramaduu barbaadda taʼa. Yesuus Kiristoos yeroo tokko tokko kadhachuu fi xiinxaluuf bakka jeequmsi hin jirre deema ture. (Maarqos 1:35) Atoo bakka jeequmsi hin jirretti qoʼattaa? Taʼuu baannaan, daftee karaa hafuuraa guddina gochuu dhiisuu dandeessa.
Filannaa Sirrii Godhi
Muuziqaan kennaa Waaqayyooti; garuu karaa sirrii hin taaneen akka itti hin fayyadamne of eeggachuu qabda. Akka shamarree Maarliin jedhamtuu fi “Muuziqaa balleessuun narra jiru tokko tokko qaba. Garuu baayʼee namatti tolu” jechuudhaan ifatti dubbattee hin taʼin. Wanta gadhee taʼe dhaggeeffachuudhaan sammuu fi garaa ishiirratti miidhaa akkamii geessisaa akka jirtu yaadi. Kiyyoo akkasiirraa of eegi. Muuziqaan akka si mancaasu ykn jireenya kee akka toʼatu hin heyyamin. Muuziqaa yeroo filattu ulaagaalee olaanoo Kiristiyaanotaaf kenname hordofi. Qajeelfamaa fi gargaarsa Waaqayyoo argachuuf kadhadhu. Hiriyoota ejjennoo akka keetii qaban horadhu.
Muuziqaan si bashannansiisuu dandaʼa. Yeroo kophummaan sitti dhagaʼamu si tasgabbeessa. Garuu muuziqicha yeroo cuftu rakkinni kee ammas akka jiru hubachuun kee hin oolu. Muuziqaan hiriyoota dhugaa bakka buʼuus hin dandaʼu. Kanaafuu, muuziqaan jireenya kee keessatti iddoo guddaa akka qabaatu hin godhin. Ittiin bashannani, garuummoo iddoo isaaf hin malle hin kenniniif.
Darbee darbee bashannanuun si barbaachisa. Qajeelfamoonni Kitaaba Qulqulluu bashannana gaarii taʼerraa akka gaariitti fayyadamuuf kan si gargaaran akkamitti?
CAQASA IJOO
“Akkuma arrabni nyaata dhandhamu, gurri jechoota adda hin baafatuu?”—Iyyoob 12:11.
GORSA GAARII
Warri kee muuziqaa ykn garee muuziqaa tokko kan jaallattu maaliif akka taʼe akka hubatan yoo barbaadde atis muuziqaa isaan jaallatan tokko tokko jaallachuuf yaali.
KANA BEEKTAA?
Warri kee muuziqaa jaallattu akka dhaggeeffatan gochuurraa duubatti jetta yoo taʼe kun muuziqaan sun rakkina akka qabu kan argisiisu taʼuu dandaʼa.
WANTAN GOCHUU YAADE
Muuziqaan dhaggeeffadhu toʼachuuf akkanan godha ․․․․․
Hiriyoonni koo muuziqaa fudhatama hin qabne akkan dhaggeeffadhu dhiibbaa yoo narratti godhan akkanan isaaniin jedha ․․․․․
Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․
MAAL SITTI FAKKAATA?
● Muuziqaa dhaggeeffattu of eeggannoodhaan filachuu kan qabdu maaliifi?
● Muuziqaan tokko fudhatama kan qabu taʼuu fi dhiisuu isaa beekuu kan dandeessu akkamitti?
● Filannaa muuziqaa kee balʼisuuf maal gochuu dandeessa?
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 259rra jiru]
“Muuziqaa gaarii hin taane dhaggeeffachaa akkan jiru yeroon hubadhu dafeen cufa. Akkas gochuu yoon baadhe muuziqaa sana dhaggeeffachuuf sababa barbaaduufan qorama.”—Kaameron
[Saanduqai/Fakkii fuula 258rra jiru]
Filannaa Muuziqaa Kee Balʼisi
Yeroo umuriin kee waggaa shan ture caalaa amma gosa nyaataa garaagaraa ni jaallattaa? Taanaan, kun kan taʼe dhandhama nyaataa garaagaraa baraa waan deemteefi. Muuziqaanis akkasuma. Muuziqaa gosa tokko qofa hin dhaggeeffatin. Muuziqaa gosa garaagaraa dhaggeeffachuuf yaali.
Karaan kana gochuu itti dandeessu tokko meeshaa muuziqaa barachuudha. Akkas gochuun sammuu kan hojjechiisuu fi gammachiisaa qofa utuu hin taʼin, gosoota muuziqaa yeroo baayʼee hin beeksifamne dhaggeeffachuufis carraa siif bana. Meeshaa muuziqaa barachuuf yeroo argachuu kan dandeessu akkamitti? Saʼaatii televizyinii ilaaluudhaan ykn geemii taphachuudhaan dabarsiturraa hamma tokko hirʼisuu dandeessa. Dargaggoonni tokko tokko maal akka jedhan hubadhu.
“Meeshaa muuziqaa taphachuun baayʼee namatti tola; miira kee ibsuufis si gargaara. Sirboota haaraa taphachuu barachuun koo muuziqaa gosa garaagaraa akkan jaalladhu na gargaareera.”—Biraayan, 18, gitaara, dibbee fi piyaanoo taphata.
“Meeshaa muuziqaa tokko akka gaariitti taphachuu yoo barbaadde shaakaluu qabda. Yeroo tokko tokko si nuffisiisuu dandaʼa. Muuziqaa tokko akka gaariitti taphachuu yeroo dandeessu garuu baayʼee gammadda, waa akka milkeessite sitti dhagaʼama.”—Jeed, 13, vaayoliinii taphatti.
“Yeroo haalli rakkisaan na mudatu ykn yeroon dhiphadhu gitaara taphachuun tasgabbaaʼuuf na gargaara. Muuziqaa nama gammachiisuu fi nama tasgabbeessu taphachuun baayʼee natti tola.”—Vaaneesaa, 20, gitaara, piyaanoo fi kilaarneetii taphatti.
“‘Akka abaluutti matumaa taphachuu hin dandaʼu’ jedheen yaada ture. Garuu sirriitti shaakaluu koo ittan fufe; amma muuziqaa tokko akka gaariitti yeroon taphadhu baayʼeen gammada. Dinqisiifannaan namoota meeshaa muuziqaa taphataniif qabus dabaleera.”—Yaaqoob, 20, gitaara taphata.
[Fakkii fuula 255rra jiru]
Muuziqaan akkuma nyaataati. Nyaata gaarii hamma si gaʼu yoo nyaatte si fayyada. Nyaata gaarii hin taane xinnumallee yoo nyaatte garuu si miidhuun isaa hin oolu