BOQONNAA 38
Jireenya koo Akkamitti Yoon Itti Fayyadame Naa Wayya?
“Kanaan dura waaʼeen gara fuulduraa na hin yaaddessu ture. Barumsa sadarkaa lammaffaa xumuruu jala yeroon gaʼu garuu waaʼee itti gaafatamummaa na eeggatuu fi waaʼee hojii, akkasumas waaʼee baasii na eeggatuu yaaduun jalqabe.”—Aleeksi.
MANA keerraa kiilomeetira hedduu fagaattee deemuuf karoorfachaa akka jirtu godhii yaadi. Tarii jalqabarratti karaa gaarii taʼe filachuuf kaartaa ilaalta taʼa. Jireenya kee gara fuulduraa karoorfachuu ilaalchisees akkasuma. Maayikil inni waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa keessa tajaajilaa jiru, “Filannaa hedduu qabdu” jedheera. Maarree, filannaa gaarii gochuu kan dandeessu akkamitti? Maayikil, “Galma qabaachuun keessan isin gargaara” jedheera.
Bakka tokko dhaquuf galma yoo qabaatte akkasumatti nanaannaʼuudhaan bakka barbaadde sana gaʼuu hin dandeessu. Karaa kamirra akka deemtu beekuuf kaartaa ilaaluun si barbaachisa. Akkas yoo goote gorsa Fakkeenya 4:26 irratti argamuu fi “Daandii miila keetii wal qixxeeffadhu” jedhu hojiirra oolchita. Hiikaan Kitaaba Qulqulluu tokko yaada kana, “Eessa dhaquuf akka jettu beeki” jedhee hiikeera.—Contemporary English Version.
Waggoota dhufan keessatti waaqeffannaa, hojii, gaaʼelaa fi maatii dabalatee dhimmoota barbaachisoo taʼanirratti murtoo gochuun si barbaachisa. Eessa akka dhaqxu dursitee yoo beekte filannaa gaarii gochuun siif salphata. Wanta jireenya kee keessatti gootu yeroo murteessitu dhimmi dagachuu hin qabne tokko jira.
“Uumaa Kee Isa Guddaa Yaadadhu”
Gammachuu dhugaa argachuuf gorsa Solomoon Mootichi, “Bara dargaggummaa keetti Uumaa kee isa Guddaa yaadadhu” jechuudhaan kenne hojiirra oolchuu qabda. (Lallaba 12:1) Jecha biraatiin filannaan jireenya kee keessatti gootu fedhii Waaqa gammachiisuuf qabdurratti kan hundaaʼe taʼuu qaba jechuudha.
Dhimma kanaaf dursa kennuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Kitaabni Qulqulluun Mulʼata 4:11 irratti akkana jedha: “Yaa Waaqa keenya Yihowaa, ati wantoota hundumaa waan uumteef, isaanis fedhii keetiin gara jireenyaatti waan dhufanii fi waan uumamaniif, ulfina, kabajaa fi humna fudhachuun siif ni mala.” Uumamawwan samii fi lafarra jiran hundi Uumaa isaanii galateeffachuu qabu. Atoo Yihowaan “jireenyaa fi hafuura, akkasumas wantoota hunda” waan sii kenneef isa ni galateeffattaa? (Hojii Ergamootaa 17:25) Wanta Yihowaan siif kenne hundaaf dinqisiifannaa qabdu ibsuuf waa isaaf kennuu akka qabdu sitti hin dhagaʼamuu?
Dargaggoonni Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan hedduun Uumaa isaanii yaadachuudhaan tajaajila yeroo guutuu keessa galaniiru. Gosoota tajaajila yeroo guutuu irratti hirmaachuu dandeessu tokko tokko ilaali.
Qajeelchaa taʼuu. Qajeelchitoonni yeroo hundaa tajaajilarratti saʼaatii dheeraa dabarsu. Leenjii fi muuxannoo argataniin kan kaʼe Kitaaba Qulqulluu barsiisuurratti dandeettii qabu.
Bakka caalaatti gargaarsi barbaachisutti tajaajiluu. Dargaggoonni tokko tokko bakka labsitoonni Mootummichaa muraasni jiran deemaniiru. Kaanimmoo afaan haaraa baratanii gumii afaan biyya alaatiin geggeeffamuu fi naannoo isaanii jiru keessatti ykn biyya alaa deemanii tajaajilu.a
Tajaajila misiyoonummaa. Qajeelchitoonni gaʼumsa qabanii fi fayyaa fi jabina qaamaa gaarii qaban biyya alaatti tajaajiluuf leenjiʼu. Misiyoononni jireenya gammachiisaa jiraatu.
Tajaajila Beetel. Miseensonni maatii Beetel waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa keessatti tajaajilu. Biyyoota tokko tokko keessatti hojiin isaanii barreeffamoota Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼan maxxansuu fi raabsuu dabalata.
Tajaajila idil addunyaa. Tajaajiltoonni idil addunyaa ijaarsa Galmawwan Walgaʼii, Galmawwan Walgaʼii Guguddaa fi waajjiroota dameerratti gargaarsa gochuuf gara biyyoota garaagaraa deemu.
Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa. Qajeelchitoonni gaʼumsa qaban tajaajila isaanii balʼisuudhaan misiraachicha labsuurratti caalaatti buʼa qabeeyyii akka taʼan leenjiin isaaniif kennama. Isaan keessaa tokko tokko biyya alaatti akka tajaajilan ramadamu.
Imala Kee Karoorfachuu
Tajaajilli yeroo guutuu galma ulfina qabeessa eebba hedduu siif argamsiisudha. Garuu dursitee itti yaaduu qabda. Fakkeenyaaf, ‘Maallaqaan of deeggaruuf dandeettii ykn ogummaa akkamiin qaba?’ jedhii of gaafadhu.
Keeliin qajeelchituu taʼuuf galma waan qabduuf hojii wajjin haala wal qabateen karoora baafattee turte. “Gosa hojii tajaajila koorratti maallaqaan of deeggaruuf na dandeessisu filachuun qaba ture” jetteetti.
Keeliin mana barumsa sadarkaa lammaffaa yeroo barachaa turtetti leenjii tokko fudhachaa turte. Kunis galma ishii isa guddaarra gaʼuuf ishii gargaareera. Akkana jetteetti: “Wantin barbaadu tajaajila yeroo guutuu keessa galuu ture. Jireenya koo keessatti wantoota kaaniif iddoo lammaffaan kenna.” Keeliin filannaa gootetti gammaddeetti. “Murtoon kun murtoon hundumaa caalaa itti gammadudha” jetteetti.
Gorsa Gaafadhu
Naannoo hin beekne tokko deemaa jirta yoo taʼe bakka tokko dhaabbattee kallattii gaafachuun kee hin oolu. Gara fuulduraa ilaalchisee karoora yeroo baafattus akkasuma gochuu dandeessa. Gorsa gaafadhu. Fakkeenyi 20:18, “Mariidhaan karoorri ni milkaaʼa” jedha.
Warri kee gorsa gaarii siif kennuu dandaʼu. Kiristiyaanota bilchina qabanii fi jireenya isaanii keessatti gorsa Yihowaa hojiirra oolchanis mariisisuu dandeessa. Roobertoon inni umuriin isaa waggaa 27 taʼee fi miseensa Maatii Beetel taʼe, “Obboloota gumii keessan ykn gumii ollaa keessa jiranii fi fakkeenya gaarii taʼan ilaalaa” jedheera.
Hundumaa caalaammoo Waaqni keenya Yihowaan filannaa jireenya kee keessatti gammachuu guddaa siif argamsiisu akka gootu si gargaaruu barbaada. Kanaafuu, jireenya kee gara fuulduraa ilaalchisee ‘fedhiin isaa maal akka taʼe hubachuuf’ akka si gargaaru kadhadhu. (Efesoon 5:17) Kallattii jireenyaa kee hundumaarratti gorsa Fakkeenya 3:5, 6 irratti argamu kana hordofi: “Garaa kee guutuudhaan Yihowaatti amanami, hubannaa ofii keetiittis hin hirkatin. Daandii kee hundumaa irratti tilmaama keessa isa galchi, innis daandii kee wal siif qixxeessa.”
Odeeffannoo dabalataa argachuuf viidiyoo “Gaaffii Dargaggootaa—Jireenya Koo Akkamitti Yoon Itti Fayyadame Wayya?” jedhamu ilaali. Viidiyoon kun afaan 30 oliin argama.
[Miiljalee]
a Saanduqa fuula 164 irratti argamu ilaali.
CAQASA IJOO
“‘Ani foddaawwan samii banee hamma iddoo kaaʼattan dhabdanitti eebba kanan isin irratti roobsu taʼuu fi dhiisuu isaa ilaaluuf mee gama kanaan na qoraa’ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.”—Miilkiyaas 3:10.
GORSA GAARII
Namoota waggoota hedduudhaaf tajaajila yeroo guutuu keessa turan haasofsiisi. Hojii akkasii kan filatan maaliif akka taʼee fi eebba akkamii akka argatan isaan gaafadhu.
KANA BEEKTAA?
Humni elektirikii meeshaan tokko akka hojjetu gochuu dandaʼa. Haaluma wal fakkaatuun hafuurri qulqulluunis tajaajila Waaqayyoo keessatti wanta hedduu akka raawwattu si kakaasuu dandaʼa.—Hojii Ergamootaa 1:8.
WANTAN GOCHUU YAADE
Caalaatti tajaajila kootti gammaduuf naman haasofsiisu ․․․․․
Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․
MAAL SITTI FAKKAATA?
● Dandeettii akkamii qabda?
● Dandeettii keetti fayyadamtee Yihowaa jajachuu kan dandeessu karaawwan kamiini?
● Gosa tajaajila yeroo guutuu boqonnaa kana keessatti ibsame keessaa caalaatti kan si hawwate isa kami?
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 313rra jiru]
“Warra koo baayʼeen dinqisiifadha. Hinaaffaan tajaajilarratti qaban, rakkina maallaqaa isaan mudatu karaan itti dandamatanii fi tajaajila yeroo guutuu keessa akkan seenu jajjabinni naaf kennan dhiibbaa gaarii narratti godheera.”—Jaarod
[Saanduqa fuula 314rra jiru]
Gilgaala
Galmawwan Koo
Galma baafachuu barbaaddurratti mallattoo godhi. Galmawwan armaan gaditti ibsaman haala kee wajjin wal simsiisuuf ykn galma haaraa barreeffachuuf bakka duwwaa kennametti fayyadami.
Galmawwan Tajaajilaa
□ Jiʼatti tajaajilarratti saʼaatii ․․․․․ nan dabarsa
□ Jiʼatti barreeffama ․․․․․ nan raabsa
□ Waaʼee amantii koo yeroon dubbadhu Kitaaba Qulqulluutti nan fayyadama
□ Jiʼatti deddeebii gaaffii ․․․․․ nan godha
□ Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu tokko nan jalqabsiisa
Galmawwan kan biroo: ․․․․․
Galmawwan Qoʼannaa
□ Guyyaatti Kitaaba Qulqulluurraa fuula ․․․․․ nan dubbisa
□ Walgaʼii gumiitiif nan qophaaʼa
□ Mata dureewwan Kitaaba Qulqulluu armaan gadiirratti qorannoo nan godha: ․․․․․
Galmawwan Gumii
□ Walgaʼiiwwan hundarratti yoo xinnaate yaada tokko nan kenna ․․․․․
□ Nama guddaa caalaatti baruu barbaadu tokko dursa fudhadhee nan haasofsiisa ․․․․․
□ Obboleessa ykn obboleettii maanguddoo taʼan ykn dhukkubsatan nan gaafadha ․․․․․
Galmawwan kan biroo: ․․․․․
Guyyaa Harʼaa ․․․․․
Jiʼa jaʼa booda hammam akka siif milkaaʼe beekuuf wantoota barreessite irra deebiʼii ilaali. Akka barbaachisummaa isaatti sirreeffama godhi ykn galma dabalataa barreessi.
[Fakkii fuula 312rra jiru]
Galma yoo qabaatte humna kee buʼaa tokko malee akkasumatti hin qisaasessitu