LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • bt boq. 1 ful. 6-13
  • ‘Dhaqaatii Barattoota Godhaa’

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • ‘Dhaqaatii Barattoota Godhaa’
  • Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Hojii Baayʼee Barbaachisaa Taʼe
  • Beeksisa Kitaaba Hojii Ergamootaa
  • Barreeffama Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuuf Nu Gargaaru
  • “Hanga Andaara Lafaatti”
    Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
  • Yaadawwan Ijoo Macaafa Hojii Ergamootaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
    Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
  • Hojii Ergamootaa 1:8—“Humna ni Argattu”
    Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti Kenname
Dabalataan Ilaaluuf
Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
bt boq. 1 ful. 6-13

BOQONNAA 1

‘Dhaqaatii Barattoota Godhaa’

Ibsa Gabaabaa Kitaaba Hojii Ergamootaa fi Barumsa Irraa Argannu

1-6. Muuxannoo Dhugaa Baatota Yihowaa haala garaagaraa keessatti lallabanii dubbadhu.

SHAMARREEN Dhugaa Baatuu Yihowaa taatee fi Ribqaa jedhamtu Gaanaa kan jiraattu yommuu taʼu, mana barumsaa ishii akka naannoo tajaajilaa ishiitti ilaalti. Barreeffamoonni Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼan yeroo hundumaa borsaa ishii keessaa hin dhabaman. Saʼaatii boqonnaatti carraa argattetti fayyadamtee ijoollee ishii faana barataniif dhugaa ni baati turte. Kanaan kan kaʼees ijoollee kutaa ishiitii hedduu qoʼannaa jalqabsiisuu dandeesseetti.

2 Hiriyoonni gaaʼelaa qajeelchitoota taʼanii fi odola Maadaagaaskaar keessa jiraatan, mandara fagaattee argamtu tokko deemanii tajaajiluuf yeroo hundumaa hoʼa tirooppiikii keessa gara kiilomeetira 25 miillaan imalu. Mandara kana keessattis namoota fedhii qaban Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisu.

3 Dhugaa Baatonni Paaraaguwaay keessa jiraatan obboloota biyyoota kan biroo 15​rraa dhufan kaanii wajjin taʼuudhaan namoota qarqara laga Paaraaguwaayii fi Paaraanaa jiraatan bira dhaquudhaaf doonii hojjetaniiru. Dooniin ulfaatinnisaa toonii 45 taʼu kun hanga namoota 12 jiraachisuu dandaʼa. Obboloonnii fi obboleettonni hinaaffaa qaban kun naannoowwan deemuun baayʼee ulfaataa taʼetti misiraachicha lallabuuf doonii kanatti fayyadamu.

4 Waqtii bonaatti tuuristoonni Alaaskaa ishii Kaaba fagootti argamtu daawwachuuf ni deemu. Dhugaa Baatonni Yihowaa achitti argamanimmoo carraa kanatti fayyadamanii dhugaa baʼu. Waqtii bonaa kanatti yeroo dooniin lammiilee garaagaraa feʼee gara naannoo kanaa dhufu, Dhugaa Baatonni Yihowaa naannoo kanatti argaman barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu xiyyeeffannaa namootaa harkisanii fi afaan garaagaraatiin qophaaʼan isaaniif raabsu. Obboloonni naannoo kanatti argaman misiraachoo Mootummichaa mandaroota Aluut, Ataahaabaaskaan, Shimshiyaanii fi Tiliingiititti babalʼisuuf xiyyaara mala gaarii taʼee argataniiru.

5 Yuunaayitid Isteetisitti, Laarii inni kutaa bulchiinsa Teeksaas, bakka namoonni hirʼina qaamaa qaban itti kunuunfaman keessa jiraatu iddoo kana akka naannoo tajaajilaasaa isa addaatti ilaala. Laariin balaa isarra gaʼeen kan kaʼe Wiilcheriidhaan kan deemu taʼus, carraa argate hundatti fayyadamuudhaan ni lallaba. Bulchiinsa Mootummichaa jalatti miillisaa deebiʼee akka isaaf fayyu akka abdatu ibsuu dabalatee, ergaa Mootummichaa namootatti ni hima.—Isa. 35:5, 6.

6 Gareen Dhugaa Baatota Yihowaa tokko Maandaalaayii kaʼanii walgaʼii guddaa kaaba Maayinmaaritti geggeeffamurratti argamuuf guyyaa sadiif bidiruudhaan imalan. Misiraachicha lallabuuf hawwii guddaa waan qabaniif namoota isaan faana imalaniif kennuuf barreeffamoota Kitaaba Qulqulluurratti hundaan qabatanii turan. Magaalaa ykn mandara bidiruun sun dhaabbatu hundatti babalʼistoonni hinaaffaa qaban kun barreeffamoota saffisaan namootaaf raabsu. Gara bidiruu kanaatti yeroo deebiʼan immoo namoota haaraa lallabuufii dandaʼan argatu.

7. Tajaajiltoonni Yihowaa waaʼee Mootummaa Waaqayyoo karaawwan kamiin lallabu? Galmi isaaniihoo maalidha?

7 Akkuma obboloota fakkeenyota muraasa kana keessatti ibsamanii, obboloonni addunyaa maratti hinaaffadhaan Yihowaa waaqeffatan ‘waaʼee Mootummaa Waaqayyoo guutummaatti dhugaa baʼaa’ jiru. (HoE. 28:23) Manaa gara manaa deemuudhaan, karaarratti, xalayaa barreessuu fi bilbilaan namootaaf lallabu. Otoobisiidhaan yeroo deeman, paarkii keessa yeroo deemanii fi bakka hojiitti yeroo boqonnaadhaaf baʼan carraa argatan hundatti fayyadamanii waaʼee Mootummichaa dhugaa baʼuuf carraaqqii godhu. Malli isaan itti fayyadaman garaa gara taʼus galmisaanii garuu tokkuma, innis bakka namni argamu hundatti misiraachoo Mootummichaa lallabuudha.—Mat. 10:11.

8, 9. (a) Misiraachoon Mootummichaa babalʼachuunsaa kan nama dinqisiisu maaliifi? (b) Gaaffii kamirratti yaaduu qabna? Deebiisaa argachuufoo maal gochuu qabna?

8 Atoo labsitoota Mootummichaa hedduu biyyoota 235 ol keessatti lallaban keessaa tokkodhaa? Taanaan hojii Mootummichaa isa dinqisiisaa taʼe babalʼisuurratti gumaacha gochaa jirta jechuudha! Dhugumayyuu hojiin addunyaa maratti hojjetamaa jiru baayʼee dinqisiisaadha. Dhugaa Baatonni Yihowaa gufuuwwanii fi rakkoowwan gurguddaan utuma isaan mudatanii, fakkeenyaaf mootummoonni dhorkaa utuma isaanirra kaʼanii, akkasumas ariʼatamni cimaan utuma isaanirra gaʼuu namoota saba hundumaa keessaa dhufaniif waaʼee Mootummichaa guutummaatti dhugaa baʼa jiru.

9 Gaaffiin irratti yaaduu qabnu garuu, ‘Mormii Seexanaa dabalatee gufuun akkamiiyyuu hojiin Mootummichaa akka hin babalʼanne dhorkuu kan hin dandeenye maaliifi?’ kan jedhudha. Deebii gaaffii kanaa argachuuf wanta Dh.K.B. jaarraa tokkoffaatti raawwatame qoruu qabna. Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo harʼaatti argaman hojii yeroo sanatti jalqabame kana raawwachuusaanii itti fufaniiru.

Hojii Baayʼee Barbaachisaa Taʼe

10. Hojiin Yesuusiif baayʼee barbaachisaa taʼe maalidha? Hojii kana ilaalchiseehoo maalfaa beeka ture?

10 Yesuus Kiristoos inni gumii Kiristiyaanaa hundeesse misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo hinaaffaadhaan lallaba ture; hojii kana hojjechuun kutaa jireenyasaa ture. Yeroo tokko, “Misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo magaalota kaanittis lallabuun qaba; sababiin isaas, ani kanaafan ergame” jedheera. (Luq. 4:43) Yesuus hojii kophaasaa xumuruu hin dandeenye akka jalqabsiise beeka ture. Duʼuusaa yeroo muraasa dura ergaan Mootummichaa “saba hundumaatiif” akka lallabamu raajii dubbatee ture. (Mar. 13:10) Haa taʼu malee, hojiin kun kan hojjetamu akkamitti? Kan hojjetuhoo eenyu faʼi?

Yesuus barattootasaa walitti qabamanii jiran hedduu yommuu barsiisu.

“Dhaqaatii saboota hundumaa . . . barattoota koo godhaa.” —Maatewos 28:19

11. Yesuus barattootasaatiif hojii iddoo guddaa qabu akkamii kenne? Hojii kana raawwachuufoo gargaarsa akkamii argatu?

11 Yesuus erga duʼaa kaʼee boodas barattootasaatti mulʼatee akkana jechuudhaan hojii iddoo guddaa qabu isaaniif kenneera: “Kanaafuu, dhaqaatii saboota hundumaa keessaa namoota barattoota koo godhaa; maqaa Abbaatiin, maqaa Ilmaa fi maqaa hafuura qulqulluutiin isaan cuuphaa; wanta ani isin ajaje hunda akka eeganis isaan barsiisaa. Kunoo, ani hanga dhuma sirna kanaatti guyyaa hundumaa isinii wajjinan jira.” (Mat. 28:19, 20) Gaaleen “Isinii wajjinan jira” jedhu Yesuus hojii lallabuu fi barattoota gochuurratti duuka buutotasaa akka gargaaru argisiisa. Yesuus duuka buutonnisaa ‘saboota hundumaa biratti akka jibbaman’ raajii waan dubbateef, gargaarsi akkasii isaan barbaachisa. (Mat. 24:9) Wanta gargaarsa isaaniif godhu kan biraas akka qaban beeku. Gara samiitti ol baʼuusaa dura hafuurri qulqulluun Dhugaa Baatotasaa taʼuudhaan “hanga andaara lafaatti” akka lallabaniif humna akka isaaniif kennu dursee dubbateera.—HoE. 1:8.

12. Gaaffiiwwan barbaachisoo akkamiitu kaʼa? Deebii isaanii beekuun keenyahoo barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

12 Mee gaaffiiwwan barbaachisoo taʼan tokko tokko haa kaasnu: Ergamoonni Yesuusii fi barattoonnisaa jaarraa jalqabaatti turan kaan ajaja Yesuus isaaniif kenne kana raawwachuuf wanta isaaniif dandaʼame hunda godhaniiruu? Garee xinnoon Kiristiyaanota dhiirotaa fi dubartoota taʼan of keessatti qabate kun ariʼatamni cimaan utuma jiruu waaʼee Mootummaa Waaqayyoo guutummaatti dhugaa baʼuu dandaʼeeraa? Yeroo hojii barattoota gochuu kana raawwachaa turanitti gargaarsa Yihowaa, gargaarsa Yesuus Kiristoos, gargaarsa maleekotaa fi gargaarsa hafuura qulqulluu argataniiruu? Gaaffiiwwan kunii fi kanaa wajjin walqabatan kan biroon kitaaba Hojii Ergamootaa keessatti deebii argatu. Deebii gaaffiiwwan kanaa beekuun keenyammoo baayʼee barbaachisaadha. Maaliif? Yesuus hojiin inni akka raawwatamu ajaje kun “hanga dhuma sirna kanaatti” akka itti fufu waadaa waan galeefi. Kanaaf nuun warra guyyoota dhumaa keessa jiraachaa jirru dabalatee Kiristiyaanonni dhugaa hundi hojii kana hojjechuu qabu. Kanaan kan kaʼes, seenaa kitaaba Hojii Ergamootaa keessatti caqasame qoruuf hawwii guddaa qabna.

Beeksisa Kitaaba Hojii Ergamootaa

13, 14. (a) Kitaaba Hojii Ergamootaa kan barreesse eenyudha? Odeeffannoo isaahoo kan argate akkamitti? (b) Qabiyyeen Kitaaba Hojii Ergamootaa maalidha?

13 Kitaaba Hojii Ergamootaa kan barreesse eenyudha? Kitaabichi maqaa nama kitaabicha barreesse hin caqasu. Haa taʼu malee, yaanni jalqabarratti argamu kitaaba Hojii Ergamootaa kan barreesse namuma Wangeela Luqaas barreesse akka taʼe ifa godha. (Luq. 1:1-4; HoE. 1:1, 2) Kanaafuu durumaa kaasee Kitaaba Hojii Ergamootaa kan barreesse Luqaas isa ‘ogeessa fayyaa jaallatamaa taʼee’ fi of eeggannoodhaan seenaa barreessu akka taʼe yaadama. (Qol. 4:14) Kitaabichi seenaa Dh.K.B. bara 33 yeroo Yesuus gara samiitti ol baʼee kaasee hanga Dh.K.B. bara 61 yeroo Phaawulos ergamaan itti hidhametti, jechuunis seenaa waggaa 28 qabatee jira. Luqaas seenaawwan gabaase tokko tokko keessatti of dabaluunsaa wantoonni inni gabaase hedduunsaanii yommuu raawwataman bakkuma sana akka ture argisiisa. (HoE. 16:8-10; 20:5; 27:1) Luqaas odeeffannoo kana kallattiidhaan kan argate, Phaawulos, Barnaabaas, Filiphoosii fi namoota kitaabicha keessatti ibsaman kan biroorraa akka taʼe hin shakkisiisu.

14 Hojiin Ergamootaa gabaasa akkamii qabateera? Luqaas Wangeelasaa keessatti wantoota Yesuus dubbatee fi raawwate gabaaseera. Hojii Ergamootaa irratti garuu wantoota duuka buutonni Yesuus dubbatanii fi raawwatan gabaase. Hojiin Ergamootaa waaʼee namoota utuma namoota kaan biratti akka ‘namoota hin barannee fi iddoo guddaa hin qabnetti’ ilaalamanii hojii guddaa hojjetanii dubbata. (HoE. 4:13) Gabaabumatti, yaanni geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame kun, gumiin Kiristiyaanaa akkamitti akka hundeeffamee fi akkamitti akka guddate nutti hima. (HoE. 4:31; 5:42) Hojiin ergamootaa, akkaataa Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa itti lallaban, jechuunis mala isaan itti fayyadaman, ilaalcha isaan tajaajilaaf qabanii fi gaʼee hafuurri qulqulluun misiraachichi akka babalʼatu gochuurratti qabu ibsa. (HoE. 8:29, 39, 40; 13:1-3; 16:6; 18:24, 25) Kitaabni Hojii Ergamootaa waaʼee yaada ijoo Kitaaba Qulqulluu, jechuunis maqaan Waaqayyoo bulchiinsa Kiristoos jalatti akka qulqullaaʼu, akkasumas utuma mormii cimaan jiruu ergaan Mootummichaa baayʼee akka babalʼate ibsa.—HoE. 8:12; 19:8; 28:30, 31.

15. Kitaaba Hojii Ergamootaa qoruun keenya faayidaa akkamii nuuf argamsiisa?

15 Dhugumayyuu Kitaaba Hojii Ergamootaa qoruun kan nama gammachiisuu fi amantii namaa kan cimsuudha. Ija jabinaa fi hinaaffaa duuka buutonni Kiristoos warri jalqabaa qabanirratti ni xiinxalla taanan garaan keenya tuqamuunsaa hin oolu. Fakkeenya obbolootaa fi obboleettota keenya jaarraa jalqabaatti turanii hordofuufis nu kakaasa. Kunimmoo akkuma isaanii amantii cimaa qabaachuuf nu gargaara. Akkasumas hojii “Dhaqaatii . . . barattoota . . . godhaa” jechuudhaan nuuf kenname raawwachuuf caalaatti nu hidhachiisa. Barreeffamni amma dubbisaa jirtu kun, kitaaba Hojii ergamootaa gadi fageenyaan akka qortu si gargaaruuf kan qophaaʼedha.

Barreeffama Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuuf Nu Gargaaru

16. Kaayyoowwan Kitaaba kanaa sadan maalfaʼi?

16 Akka walii galaatti kaayyoon kitaaba kanaa maalidha? Kaayyoo guguddaa sadiif qophaaʼe. Isaanis (1) Yihowaan hafuura qulqulluutti fayyadamuudhaan hojii lallabuu fi barattoota gochuurratti akka nu gargaaru amantii qabnu nuuf cimsuu, (2) fakkeenya duuka buutota Kiristoos jaarraa jalqabaatti turanii qoruudhaan hinaaffaa tajaajilaaf qabnu kakaasuu, akkasumas (3) kabaja jaarmiyaa Yihowaatiif, obboloota hojii lallabaa dursa fudhachuudhaan geggeessanii fi gumii keessatti ilaaltoota al aanaa taʼaniif qabnu guddisuudha.

17, 18. Kitaabni kun kan qindaaʼe akkamitti? Wantoota dabalataa qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu dhuunfaa keerratti si gargaaruu dandaʼan akkamiifaa qabateera?

17 Odeeffannoon kitaaba kana keessatti argamu kan qindaaʼe akkamitti? Kutaa saddeet kan qabu siʼa taʼu tokkoon tokkoonsaa kitaaba Hojii Ergamootaa keessaa hamma taʼe ibsa. Kaayyoon boqonnaawwan itti aananii kitaaba Hojii Ergamootaarratti lakkoofsa lakkoofsaan ibsa kennuu miti. Kanaa mannaa, kitaaba kutaa Kitaaba Qulqulluu taʼe kanarraa barumsa akka argannuu fi barumsa argannemmoo hojiirra oolchuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe akka hubannu nu gargaaruudha. Boqonnaan hundi jalqaba isaarratti yaada ijoo boqonnichaa fi kitaaba Hojii Ergamootaa keessaa kutaa ibsi irratti kenname qabatee jira. Wantoota qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu dhuunfaa gochuuf nu gargaaran kan biroos qabateera. Kitaabicha yommuu dubbistu fakkiiwwan babbareedoo seenaasaa yaadaan ilaaluuf si gargaaranis ni argatta.

18 Boqonnaawwan hedduun saanduqoota odeeffannoo dabalataa argachuuf gargaaran qabataniiru. Saanduqoonni tokko tokkommoo seenaa namoota fakkeenya amantiisaanii hordofuu qabnu tokko tokkoo gabaabsanii ibsu. Kaanimmoo iddoowwan, taʼeewwan, barsiifata ykn waaʼee namoota kan biroo kitaaba Hojii Ergamootaa keessatti caqasamanii odeeffannoo dabalataa nuuf kennu.

Obboleessi tokko naannoo tajaajilaa isaaniif ramadame hiriyoota gaaʼelaa tokkotti yeroo argisiisu.

Naannoo tajaajilaa kee keessatti hinaaffadhaan lallabi

19. Yeroo yerootti maal jennee of qoruu qabna?

19 Kitaabni kun haqaan of qoruuf si gargaara. Babalʼisaa Mootummichaa taatee kan tajaajilte yeroo hammamiifiyyuu yoo taʼe yeroo yerootti wantoota jireenya kee keessatti dursa kennituu fi ilaalcha tajaajilaaf qabdu qoruun kee baayʼee barbaachisaadha. (2 Qor. 13:5) Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Akkuma yeroon cuuphame sanaa hojii lallabaatiif bakka guddaa nan kennaa? (1 Qor. 7:29-31) Misiraachicha amanannaa fi hinaaffaadhaan lallabaan jiraa? (1 Tas. 1:5, 6) Hojii lallabaa fi barattoota gochuurratti hamma naaf dandaʼame hirmaannaa guutuu gochaan jiraa?’—Qol. 3:23.

20, 21. Hojiin keenya baayʼee ariifachiisaa kan taʼe maaliifi? Murtoon keenyahoo maal taʼuu qaba?

20 Hojii lallabuu fi barattoota gochuu isa baayʼee barbaachisaa taʼe akka raawwannu akka ajajamne yeroo hundumaa sammuutti qabachuu qabna. Guyyaan darbaa yeroo deemu hojii kana raawwachuun keenya caalaatti ariifachiisaa taʼaa deema. Dhumni sirna kanaa saffisaan dhihaachaa jira. Isa yeroo kaaniirraa haala adda taʼeen lubbuun namootaa balaadhaaf saaxilameera. Namoonni garaa qajeelaa qabanii fi ergaa keenya fudhachuu dandaʼan hammamii akka hafan hin beeknu. (HoE. 13:48) Haa taʼu malee, yeroonsaa darbuusaa dura namoota akkasii gargaaruuf itti gaafatamummaa qabna.—1 Xim. 4:16.

21 Fakkeenya labsitoota Mootummichaa hinaaffaa qabanii fi jaarraa jalqabaatti turanii hordofuun keenya baayʼee barbaachisaadha. Kitaaba kana gadi fageenyaan qoʼachuun kee tajaajilarratti caalaatti hinaaffaa fi ija jabina qabaachuuf akka si gargaaru hawwina. Murtoo ‘waaʼee Mootummaa Waaqayyoo guutummaatti dhugaa baʼuuf’ goote cimsachuu kee akka itti fuftu akka si gargaarus ni hawwina.—HoE. 28:23.

DHALOOTA KIRISTOOS BOODA JAARRAA JALQABAATTI BAROOTA BABALʼACHUU KIRISTIYAANUMMAA KEESSATTI BAKKA GUDDAA QABAN

  1. 33

    Yesuus duʼaa kaafame

    Yesuus barattoota akka godhan duuka buutotasaa ajaje

    Guyyaa Phenxeqosxeetti hafuurri qulqulluun ni dhangalaʼe

    Gumiin Kiristiyaanaa ni hundeeffame

  2. n. 33-34

    Isxifaanos ni ajjeefame

    Namni xuʼaashii Itoophiyaa taʼe ni cuuphame

  3. n. 34

    Saaʼol inni biyya Xarsees Kiristiyaana taʼe

  4. n. 34-36

    Saaʼol Damaasqootti lallabe

  5. n. 36

    Phaawulos duuka buutuu Kiristoos erga taʼee booda yeroo jalqabaatiif gara Yerusaalem dhufe

    Phaawulos Pheexirosiin gaafachuuf gara Yerusaalem dhaqe (Gal. 1:18)

  6. 36

    Qorneelewos Kiristiyaana taʼe

    Nama Yihudii hin taanee fi Kiristiyaana taʼe jalqabaa

  7. n. 41

    Wangeelli Maatewos ni barreeffame

    Phaawulos “samii isa sadaffaa” mulʼataan arge (2 Qor. 12:2)

  8. n. 44

    Agaabos beelli akka buʼu raajii dubbate

    Yaaqoob (ilmi Zabdewos) ni ajjeefame

    Pheexiros ni hidhame, achiis dinqiidhaan gadhiifame

  9. 44

    Herodis Agriiphaa Tokkoffaan ni duʼe

  10. n. 46

    Beelli raajiidhaan dubbatame ni dhufe

    Phaawulos gara Yerusaalemitti gargaarsa fide

  11. n. 47-48

    Adeemsa misiyoonummaa Phaawulos isa tokkoffaa

  12. n. 49

    Dhimmi dhaqna qabaa Anxokiyaatti kaʼe

    Qaamni olaanaan Yerusaalemitti argamu dhimma dhaqna qabaarratti mariʼate

    Phaawulos Pheexirosiif gorsa cimaa kenne (Gal. 2:11-14)

  13. n. 49-52

    Adeemsa misiyoonummaa Phaawulos isa lammaffaa

    Barnaabaasii fi Maarqos Qophrositti lallaban

  14. n. 49-50

    Qalaawudewos Yihudoota Roomaa keessaa ariʼe

  15. n. 50

    Luqaas Xiroʼaasii kaasee Phaawulosii wajjin imaluu jalqabe

    Phaawulos waaʼee nama Maqedooniyaa mulʼata arge

    Phaawulos Filiphisiyus dhaqe

    Gumiin Filiphisiyus ni hundeeffame

    Gumiin Tasalonqee ni hundeeffame

    Phaawulos gara Ateenaa dhaqe

  16. n. 50-52

    Phaawulos gara Qorontos dhaqe

    1 Tasalonqeen ni barreeffame

    Galaatiyaan ni barreeffame

  17. n. 51

    2 Tasalonqeen ni barreeffame

  18. n. 52-56

    Adeemsa misiyoonummaa Phaawulos sadaffaa

  19. n. 52-55

    Phaawulos Efesoon dhaqe

  20. n. 55

    1 Qorontos ni barreeffame

    Tiitoon gara Qorontositti ergame

    2 Qorontos ni barreeffame

  21. n. 56

    Roomaan ni barreeffame

    Phaawulos Xiroʼaasitti Awuxikosiin duʼaa kaase

    Phaawulosii fi Luqaas Filiphoos isa Qisaariyaa bira buufatan

    Phaawulos Yerusaalem keessa utuu jiruu hidhame

  22. n. 56-58

    Phaawulos Qisaariyaatti eegumsa jala akka turu taasifame

    Wangeelli Luqaas ni barreeffame

  23. n. 58

    Feesxos Feeliksiin bakka buʼe

  24. 58

    Herodis Agriiphaa Lammaffaan yaada Phaawulos dhaggeeffate

  25. n. 59-61

    Phaawulos yeroo jalqabaatiif Roomaa keessatti hidhame

  26. n. 60-61

    Qolosaayis ni barreeffame

    Efesoon ni barreeffame

    Fiilmoon ni barreeffame

    Filiphisiyus ni barreeffame

  27. n. 60-65

    Wangeelli Maarqos ni barreeffame

  28. n. 61

    Hojiin Ergamootaa ni barreeffame

    Ibroonni ni barreeffame

  29. n. 61-64

    1 Ximotewos ni barreeffame

    Phaawulos Tiitoo Qarxeesitti dhiisee deeme (Tiitoo 1:5)

    Tiitoon ni barreeffame

  30. 62 d.

    Yaaqoob ni barreeffame

  31. n. 62-64

    1 Pheexiros ni barreeffame

  32. n. 64

    2 Pheexiros ni barreeffame

  33. n. 65

    Phaawulos yeroo lammaffaadhaaf Roomaatti hidhame

    2 Ximotewos ni barreeffame

    Tiitoon gara Dalmaaxiyaa deeme (2 Xim. 4:10)

    Phaawulos ni ajjeefame

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi