LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • bt boq. 4 ful. 31-39
  • “Namoota hin Barannee fi Iddoo Guddaa hin Qabne”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • “Namoota hin Barannee fi Iddoo Guddaa hin Qabne”
  • Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • “Humna Keenyaan” Miti (Hojii Ergamootaa 3:11-26)
  • “Dubbachuu Keenya Dhiisuu hin Dandeenyu” (Hojii Ergamootaa 4:1-22)
  • “Sagalee Isaanii Ol Kaasanii . . . Waaqayyoon Kadhatan” (Hojii Ergamootaa 4:23-31)
  • “Namoota Utuu hin Taʼin Waaqayyo” Duratti Gaafatamuu (Hojii Ergamootaa 4:32–5:11)
  • Dhiifama Gochuu Gooftaasaarraa Barateera
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
  • Dhiifama Gochuu Gooftaasaarraa Barateera
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Sodaafi Shakkii Isatti Dhagaʼame Moʼeera
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
  • Qorumsi Isarra Gaʼus Amanamaa Taʼeera
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
Dabalataan Ilaaluuf
Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
bt boq. 4 ful. 31-39

BOQONNAA 4

“Namoota hin Barannee fi Iddoo Guddaa hin Qabne”

Ergamoonni ija jabinaan tarkaanfii fudhatan, Yihowaanis isaan eebbise

Hojii Ergamootaa 3:1–5:11​rratti kan hundaaʼe

1, 2. Pheexirosii fi Yohaannis balbala mana qulqullummaa biratti dinqii akkamii raawwatan?

ADUUN waaree boodaa namoota bakka tokkotti walitti qabamanii jiranitti baʼa jira. Yihudoonni amantii isaaniif hinaaffaa qabanii fi barattoonni Kiristoos gara mooraa mana qulqullummaa seenaa jiru. ‘Saʼaatiin kadhannaa’ gaʼuuf jedha.a (HoE. 2:46; 3:1) Uummata baayʼee gidduudhaa Pheexirosii fi Yohaannis karaa balbala mana qulqullummaa isa Miidhagaa jedhamuun ol seenaa jiru. Waca namootaa fi sagalee kottee namaa caalaa sagalee nama ijoollummaasaatii kaasee naafa turee fi kadhachaa jiruutu dhagaʼama.—HoE. 3:2; 4:22.

2 Namni kadhatu sun yommuu Pheexirosii fi Yohaannis gara isaatti dhihaatan maallaqa isaan kadhachuu jalqabe. Yommuu isaan dhaabatanis waa naa kennu jedhee harka harkasaanii ilaaluu jalqabe. Pheexiros garuu, “Ani meetii fi warqii hin qabu; wantan qabu garuu siifan kenna. Maqaa Yesuus Kiristoos nama Naazireetiin kaʼiitii deemi!” isaan jedhe. Yommuu Pheexiros namicha naafa ture sana harka qabee ol kaasu namoonni achitti walitti qabaman hammam akka dinqisiifatan yaadi. Namichi kun jireenyasaa keessatti yeroo jalqabaatiif ol kaʼee dhaabbate! (HoE. 3:6, 7) Namni miillisaa fayyeef kun miillasaa isa fayye ilaalaa yeroo jalqabaatiif deemuuf yommuu yaalii godhu haallisaa maal akka fakkaatu yaadaan ilaalluu dandeessaa? Gammachuudhaan akka utaalee fi sagaleesaa ol kaasee Waaqayyoon akka galateeffate hin shakkisiisu.

3. Namichi naafa turee fi namoonni hedduun walitti qabamanii turan kennaa guddaa akkamii argatan?

3 Namoonni achitti argaman hedduunis baayʼee gammadanii daandii Solomoon isa baaxii qabutti fiiguudhaan gara Pheexirosii fi Yohaannis dhaqan. Pheexiros bakka Yesuus kanaan dura yeroo tokko dhaabbatee barsiisaa ture kana dhaabbatee dinqii kana raawwachuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe isaaniif ibse. (Yoh. 10:23) Pheexiros namoota baayʼee achitti argamaniifis taʼe namicha naafa ture kanaaf kennaa meetii ykn warqii caalu kenne. Kennaan kun qaamni nama tokkoo akka fayyu gochuu caalaa wanta dabalatu qaba. Yaada akka geddaratan, cubbuunsaanii akka isaaniif haqamuu fi Yesuus Kiristoos isa Yihowaan “Bakka Buʼaa jireenyaa” godhee muude duukaa akka buʼaniif carraa isaaniif bane.—HoE. 3:15.

4. (a) Namichi naafa ture dinqiidhaan fayyifamuunsaa wal dhabiinsi akkamii akka uumamu godhe? (b) Gaaffiiwwan lamaan kamiif deebii arganna?

4 Guyyaa baayʼee nama gammachiisudha! Namni naafa ture fayyee deemuu dandaʼe. Namoonni kumaan lakkaaʼamanimmoo karaa Waaqayyo biratti fudhatama qabuun deddeebiʼuu akka dandaʼaniif karaa hafuuraa fayyina akka argataniif carraan isaaniif baname. (Qol. 1:9, 10) Kana malees, wantoonni gaafa sana raawwataman duuka buutota Kiristoosii fi abbootii taayitaa gidduutti wal dhabiinsi akka uumamu godheera; abbootiin taayitaa kun ajaja Yesuus ergaa Mootummichaa akka lallaban isaaniif kenne akka hin raawwanne isaan dhowwuuf yaalan. (HoE. 1:8) Namoonni kun Pheexirosii fi Yohaannis “namoota hin barannee fi iddoo guddaa hin qabne” akka taʼanitti ilaalu turan; haataʼu malee mala isaan lallabuuf itti fayyadamanii fi amala isaan argisiisanirraa maal baranna?b (HoE. 4:13) Mormii dandamachuurratti fakkeenya Yohaannisii fi Pheexiros, akkasumas barattoota kan biroo hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

“Humna Keenyaan” Miti (Hojii Ergamootaa 3:11-26)

5. Akkaataa Pheexiros namoota hedduu walitti qabamanii turan itti haasofsiiserraa maal baranna?

5 Pheexirosii fi Yohaannis namoota hedduu dura dhaabbatanii jiru; namoota yeroo muraasa dura Yesuus akka ajjeefamu gaafatan keessaa tokko tokko achi jiraachuu akka dandaʼan beeku. (Mar. 15:8-15; HoE. 3:13-15) Pheexiros namichi naafa ture maqaa Yesuusiin akka fayye yommuu dubbatu ija jabina guddaa hammamii akka argisiise mee yaadi. Pheexiros dhugaa jiru hin busheessine. Akkasumas namoonni hedduun kun duʼa Yesuusiif akka itti gaafataman ifatti dubbateera. Pheexiros namoonni kun kana kan raawwatan “utuu hin beekin” akka taʼe waan beekuuf isaan hin jibbine. (HoE. 3:17) Akka obbolootasaatti isaan haasofsiiseera, akkasumas buʼaa gaarii ergaan Mootummichaa argamsiisurratti xiyyeeffateera. Yoo yaada geddaratanii fi Kiristoositti yoo amanan Yihowaa biraa “yeroon haareffamuu” isaaniif dhufa. (HoE. 3:19) Nutis waaʼee guyyaa murtii Yihowaa yommuu lallabnu ija jabeeyyii fi ifatti kan dubbannu taʼuu qabna. Taʼus matumaa namootatti aaruu, garaa jabaachuu ykn isaanitti murteessuu hin qabnu. Kanaa mannaa, namoonni lallabnuuf kun obboloota keenya taʼuu akka dandaʼanitti ilaalla. Akkasumas akkuma Pheexiros buʼaa gaarii ergaan Mootummichaa argamsiisuu dandaʼurratti xiyyeeffanna.

6. Pheexirosii fi Yohaannis akka gad of qaban kan argisiisan akkamitti?

6 Ergamoonni namoota gad of qaban turan. Dinqii kan raawwatan humna isaaniitiin akka taʼe hin dubbanne. Pheexiros namoota hedduu walitti qabamanii turaniin akkana jedheera: “Akka waan nuti humna keenyaan yookiin namoota Waaqayyoof bulle taʼuu keenyaan namichi kun akka adeemu goonetti maaliif fajajjanii nu ilaaltu?” (HoE. 3:12) Pheexirosii fi ergamoonni kaan wanta gaarii kamiyyuu tajaajilasaanii irratti raawwachuu kan dandaʼan humna isaaniitiin utuu hin taʼin humna Waaqayyootiin akka taʼe hubataniiru. Kanaan kan kaʼes, gad of qabuudhaan wanta raawwatan hundumaatiif galateeffamuu kan qaban Yihowaa fi Yesuus akka taʼe dubbataniiru.

7, 8. (a) Namootaaf kennaa akkamii kennuu dandeenya? (b) Waadaan “wanti hundi akka haareffamu” galame yeroo harʼaatti raawwatamaa kan jiru akkamitti?

7 Nutis yeroo ergaa Mootummichaa lallabnutti akkumasaanii kan gad of qabnu taʼuu keenya argisiisuu qabna. Hafuurri Waaqayyoo Kiristiyaanonni yeroo harʼaatti argaman dinqiidhaan namoota akka fayyisaniif humna akka isaaniif hin kennine beekamaadha. Haa taʼu malee, namoonni Waaqayyoo fi Kiristoos irratti amantii akka qabaatanii fi kennaa Pheexiros namoonni akka fudhataniif affeeree ture akka argatan, jechuunis cubbuunsaanii akka isaaniif dhiifamuu fi Yihowaa biraa yeroon haareffamuu akka isaaniif dhufu isaan gargaaruu dandeenya. Waggaa waggaadhaan namoonni kuma dhibbaan lakkaaʼaman carraa isaaniif baname kana fudhachuudhaan cuuphamanii barattoota Kiristoos taʼu.

8 Yeroo Pheexiros “wanti hundi akka haareffamu” dubbate keessa jiraachaa jirra. Akkuma “Waaqayyo karaa afaan raajota isaa qulqulluu warra durii dubbate” Mootummaan Waaqayyoo bara 1914​tti samii keessatti hundeeffameera. (HoE. 3:21; Far. 110:1-3; Dan. 4:16, 17) Utuma baayʼee hin turin Kiristoos barattoonnisaa waaqeffannaa qulqulluu deebisanii akka hundeessan gargaareera. Kanaan kan kaʼees, namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman Mootummaa Waaqayyoof kan bulan taʼuudhaan gara jannata hafuuraa dhufuu dandaʼaniiru. Isaan namummaa moofaa isa mancaʼe ofirraa baasanii gatuudhaan ‘namummaa haaraa isa akka fedhii Waaqayyootti uumame uffataniiru.’ (Efe. 4:22-24) Akkuma yeroo namicha naafa kadhachaa ture fayyisanitti taʼe hojiin dinqisisaa taʼe kun kan raawwatamu carraaqqii namootaatiin utuu hin taʼin hafuura Waaqayyootiini. Akkuma Pheexiros yeroo warra kaan barsiisnu dubbii Waaqayyotti ija jabinaa fi karaa buʼa qabeessa taʼeen fayyadamuu qabna. Namoonni barattoota Kiristoos akka taʼan gargaaruurratti milkaaʼina argachuu kan dandeenyu humna Waaqayyootiin malee humna keenyaan miti.

“Dubbachuu Keenya Dhiisuu hin Dandeenyu” (Hojii Ergamootaa 4:1-22)

9-11. (a) Geggeessitoonni Yihudootaa ergaa Pheexirosii fi Yohaannis yeroo dhagaʼan maal godhan? (b) Ergamoonni maal gochuuf murteessan?

9 Haasaan Pheexiros dhiheessee fi namichi naafa ture fayyee gammachuudhaan iyyaa utaaluunsaa namoonni kaanis gammachuudhaan akka iyyan godheera. Kanaan kan kaʼes, dura buʼaan eegdota mana qulqullummaa inni nageenya namoota mana qulqullummaa keessa jiranii eeguurratti itti gaafatamummaa qabuu fi luboonni olaanoon dhimmicha ilaaluuf ariitiidhaan gara bakka sanaa deeman. Namoonni kun tarii Saduuqota sooreyyii taʼan, garee gama siyaasaatiin humna guddaa qabanii fi warra Roomaa wajjin hariiroo nagaa uumuuf carraaqqii cimaa godhan, akkasumas seera Fariisonni baayʼee jaallatan mormanii fi abdii duʼaa kaʼuutti hin amanne taʼuu dandaʼu.c Namoonni kun Pheexirosii fi Yohaannis mana qulqullummaa keessatti Yesuus duʼaa akka kaʼe ija jabinaan barsiisaa akka jiran yommuu argan baayʼee aaranii akka turan ifadha.

10 Mormitoonni baayʼee aaranii turan kun Pheexirosii fi Yohaannisiin mana hidhaatti galchan, guyyaa itti aanuttimmoo mana murtii olaanaa Yihudootaatti isaan dhiheessan. Akka ilaalcha bulchitoota of jajoo taʼan kanaatti Pheexirosii fi Yohaannis, “namoota hin barannee fi iddoo guddaa hin qabne” waan taʼaniif mana qulqullummaa keessatti barsiisuuf mirga hin qaban turan. Mana barumsaa amantii beekamaa taʼe kamittiyyuu hin baranne. Taʼus ija jabinaa fi amanannaadhaan dubbachuunsaanii miseensonni mana murtii sun akka isaan ajaaʼibsiifatan godheera. Pheexirosii fi Yohaannis barsiisota buʼa qabeeyyi akka taʼan kan isaan gargaare maalidha? Sababni inni tokko ‘Yesuusii wajjin kan turan’ taʼuu isaaniiti. (HoE. 4:13) Gooftaansaanii akka barsiisota seeraatti utuu hin taʼin akka nama aangoo qabuutti barsiisa ture.—Mat. 7:28, 29.

11 Manni murtichaa ergamoonni lallabuusaanii akka dhaaban ajaje. Ajajni manni murtii kennu hawaasicha keessatti iddoo guddaa qaba. Torban muraasa dura yommuu Yesuus mana murtii kana duratti dhihaatee turetti ‘duʼuu akka qabu’ kan murteesse miseensotuma mana murtii kanaa ture. (Mat. 26:59-66) Haa taʼu malee, Pheexirosii fi Yohaannis hin sodaanne. Namoota sooreyyii, akka gaariitti baratanii fi aangoo guddaa qaban kana dura dhaabbatanii karaa kabaja qabuun, garuummoo sodaa tokko malee akkana isaaniin jedhan: “Waaqayyoon dhagaʼuu mannaa isiniin dhagaʼuun Waaqayyo duratti sirrii taʼuu fi dhiisuu isaa isinumti murteessaa. Nuti garuu, waaʼee wantoota dhageenyee fi arginee dubbachuu keenya dhiisuu hin dandeenyu.”—HoE. 4:19, 20.

LUBA OLAANAA FI DURA BUUTOTA LUBOOTAA

Lubni olaanaan Waaqayyo duratti sabasaa bakka buʼa ture. Dhaloota Kiristoos Booda Jaarraa jalqabaatti immoo hogganaa Saanhedriin taʼa ture. Geggeessitoonni Yihudootaa kaanimmoo dura buutota lubootaa jedhamu. Dura buutonni lubootaa namoota luba olaanaa turan kanneen akka Haannaasii fi dhiirota gaʼeessa maatiisaa keessa jiran kan dabalatudha; tarii dhiironni kun afur ykn shan yommuu taʼan maatii lubni olaanaa keessaa filame keessaa taʼuu qabu. Barreessaan seenaa Eemiil Shuurar jedhaman, ‘Namni tokko miseensa maatii kanaa waan taʼeef qofa luboota kaan caalaa ni kabajama’ jechuudhaan barreessaniiru.

Kitaabni Qulqulluun lubni tokko umuriisaa guutuu akka tajaajilu ibsa. (Lak. 35:25) Haa taʼu malee, yeroo kitaabni Hojii Ergamootaa barreeffametti bulchitoonni fi mootonni Roomaa aangoo bulchiinsi Roomaa isaaniif kennetti fayyadamanii luboota ol aanaa ni muudu akkasumas aangoorraa buusu turan. Taʼus, bulchitoonni kun lubboota kan muudan sanyii Aaron keessaa taʼuu hin oolu.

12. Ija jabinaa fi amanannaa keenya guddifachuuf maaltu nu gargaara?

12 Atoo ija jabina akkasii argisiisuu ni dandeessaa? Yommuu namoota sooreyyii, akka gaariitti baratan ykn hawaasicha keessatti aangoo guddaa qabaniif lallabuuf carraa argattutti maaltu sitti dhagaʼama? Miseensonni maatii kee, namoonni sii wajjin baratan ykn sii wajjin hojjetan amantaa keetiin kan kaʼe yoo sitti qoosan maaltu sitti dhagaʼama? Ni sodaattaa? Taanaan sodaa kee kana moʼuu ni dandeessa. Yesuus yeroo lafarraa turetti ergamoonnisaa karaa amanannaa fi kabaja qabuun amantiisaaniif dhaabbachuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe isaan barsiisee ture. (Mat. 10:11-18) Erga duʼaa kaʼee boodas ‘hanga dhuma sirna kanaatti guyyaa hundumaa isaanii wajjin taʼuu isaa’ akka itti fufu barattoota isaatiif waadaa galeera. (Mat. 28:20) “Garbichi amanamaanii fi ogeessi” qajeelfama Yesuus jala taʼuudhaan amantii keenyaaf dhaabbachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe nu barsiisa. (Mat. 24:45-47; 1 Phe. 3:15) Kana kan godhummoo, barumsa karaa walgaʼiiwwan kiristiyaanaa kanneen akka Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa, akkasumas barreeffamoota keenya kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼanitti fayyadameeti. Barreeffamoota kana keessaa tokko mata duree “Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu” jedhuu fi weebsaayitii keenya jw.org/om irratti baʼudha. Atoo qophiiwwan kanatti akka gaariitti fayyadamaa jirtaa? Yoo akkana goote ija jabinnii fi amanannaan kee ni dabala. Akkasumas akkuma ergamootaa waaʼee dhugaawwan hafuuraa dinqisiisoo taʼanii fi barattee dubbachuurraa wanti tokkoyyuu akka si dhowwu hin heyyamtu.

Obboleettiin tokko saʼaatii boqonnaatti nama ishii faana hojjettuuf yeroo dhugaa baatu.

Waaʼee dhugaawwan hafuuraa dinqisiisoo taʼanii fi barattee dubbachuurraa wanti tokkoyyuu akka si dhowwu heyyamuu hin qabdu

“Sagalee Isaanii Ol Kaasanii . . . Waaqayyoon Kadhatan” (Hojii Ergamootaa 4:23-31)

13, 14. Mormiin yoo nu mudate maal gochuu qabna? Maaliifi?

13 Pheexirosii fi Yohaannis akkuma mana hidhaatii gadhiifamaniin miseensota gumichaa wajjin wal argan. Achiis waliin taʼanii ija jabina lallabuusaanii itti fufuuf isaan barbaachisu akka isaanii kennuuf, “sagalee isaanii ol kaasanii . . . Waaqayyoon kadhatan.” (HoE. 4:24) Pheexiros yommuu fedha Waaqayyoo raawwachuuf yaalii goonutti humna ofiitti amanamuun gowwummaa akka taʼe akka gaariitti beeka ture. Torban muraasa dura garmalee ofitti amanamuudhaan Yesuusiin, “Warri kaan hundi sababii keetiin yoo gufatan illee, ani matumaa hin gufadhu” jedhee ture. Taʼus akkuma Yesuus durse dubbate sodaa namaatiin moʼamee barsiisaa fi michuusaa gane. Haa taʼu malee, Pheexiros dogoggorasaa irraa barateera.—Mat. 26:33, 34, 69-75.

14 Hojii waaʼee Kiristoos dhugaa akka baanu nuuf kenname raawwachuuf kutannoon qofti gaʼa miti. Mormitoonni amantii kee laaffisuuf ykn lallabuu kee akka dhaabdu gochuuf yommuu yaalanitti fakkeenya Pheexirosii fi Yohaannis hordofi. Yihowaan jabina akka siif kennu kadhadhu. Deggersa gumii argachuufis yaali. Haala rakkisaa si mudate jaarsolii fi obboloota bilchaatoo taʼan kaanitti himi. Kadhannaan warri kaan dhiheessan humna dabalataa siif kennu dandaʼa.—Efe. 6:18; Yaq. 5:16.

15. Obboloonni yeroodhaaf lallabuu dhaaban abdii kutachuu kan hin qabne maaliifi?

15 Dhiibbaa sirra gaʼeen moʼamtee lallabuu kee yeroodhaaf dhaabdeetta taanaan abdii hin kutatin. Ergamoonni hundi Yesuus erga duʼe booda yeroo muraasaaf lallabuusaanii dhaabanii kan turan taʼus deebisanii akka jalqaban yaadadhu. (Mat. 26:56; 28:10, 16-20) Dogoggorri kanaan dura raawwatte akka abdii si kutachiisu heyyamuu mannaa, barumsa irraa argachuudhaan warra kaan jajjabeessuuf itti fayyadamu ni dandeessaa?

16, 17. Kadhannaa duuka buutonni Kiristoos Yerusaalem keessatti dhiheessanirraa maal baranna?

16 Abbootiin taayitaa yeroo nu ariʼatan maal jennee kadhachuu qabna? Barattoonni Kiristoos Yihowaan qorumsa isaan mudaturraa akka isaan oolchu akka hin kadhanne yaadadhu. Yaada Yesuus, “isaan na ariʼataniiru yoo taʼe, isiniinis ni ariʼatu” jechuudhaan dubbate sirriitti ni yaadatu. (Yoh. 15:20) Kanaaf barattoonni amanamoon kun Yihowaan doorsisa mormitoonni isaanirraan geessisan akka ‘ilaalu’ gaafataniiru. (HoE. 4:29) Barattoonni kun ariʼatama isaanirra gaʼu dandamachuun isaanii raajiin raawwiisaa akka argatu akka godhu waan hubataniif dhimma isa guddaarratti xiyyeeffatanii turan. Kadhannaa Yesuus akka kadhatan isaan barsiise wajjin haala wal simuun, bulchitoonni ilmaan namootaa wanta fedhe yoo jedhaniyyuu fedhiin Waaqayyoo ‘lafa irratti akka taʼu’ beeku turan.—Mat. 6:9, 10.

17 Barattoonni Kiristoos fedha Waaqayyoo raawwachuu akka dandaʼaniif “garboonni kee ija jabina guddaadhaan dubbii kee dubbachuu isaanii akka itti fufan isaan gargaari” jedhanii Yihowaa kadhatan. Maarree Yihowaan deebii hatattamaa akkamii isaaniif kenne? “Bakki isaan itti wal gaʼan sun ni sochoʼe; hundi isaanii iyyuu hafuura qulqulluudhaan guutamanii dubbii Waaqayyoo ija jabinaan dubbachuu jalqaban.” (HoE. 4:29-31) Wanti kamiyyuu fedhiin Waaqayyoo raawwiisaa akka hin arganne dhowwuu hin dandaʼu. (Isa. 55:11) Rakkinni akkamiiyyuu yoo nu mudatee fi mormiin akkamiiyyuu yoo nurra gaʼe, cimsinee Waaqayyoon ni kadhanna taanaan, jabina ija jabinaan lallabuu keenya itti fufuuf nu barbaachisu akka nuuf kennu mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya.

“Namoota Utuu hin Taʼin Waaqayyo” Duratti Gaafatamuu (Hojii Ergamootaa 4:32–5:11)

18. Miseensonni gumii Yerusaalem gargaarsa akkamii waliif godhan?

18 Gumii haaraan Yerusaalem keessatti hundeeffame yeroo dhihoo keessatti miseensota 5,000 ol qabaachuu dandaʼeera.d Barattoonni kun akkaataa guddinaa garaa garaa kan qaban taʼus, “garaa tokkoo fi yaada tokko” qabu turan. (HoE. 4:32; 1 Qor. 1:10) Yihowaan carraaqqiisaanii akka isaaniif eebbisu kadhachuu malees wanta godhan kan biraa qabu. Karaa hafuuraa wal deggeru, yeroo barbaachisa taʼettimmoo karaa fooniis wal gargaaru turan. (1 Yoh. 3:16-18) Fakkeenyaaf, Yooseef inni barataa turee fi ergamoonni Barnaabaas jedhanii waaman namoonni biyyoota fagoodhaa Yerusaalem dhufan achuma turanii waaʼee amantaasaanii isa haaraa barachuusaanii akka itti fufan akka isaan gargaaruuf lafasaa gurguree maallaqa isaa hundumaa buusii godheera.

19. Yihowaan Anaaniyaas fi Saphiiraa duʼan kan adabe maaliifi?

19 Hiriyoonni gaaʼelaa Anaaniyaasii fi Saphiiraa jedhamanis lafa isaanii gurguranii buusii godhanii turan. Qarshii ittiin gurguran hundasaa buusii akka godhan kan fakkeessan taʼus, ‘hamma tokko dhoksanii hambisanii’ turan. (HoE. 5:2) Kanaan kan kaʼes, Yihowaan hiriyoota gaaʼelaa kana ni ajjeese. Kan isaan ajjeeses qarshiin isaan kennaan gaʼa waan hin taaneef utuu hin taʼin kakaʼumsisaanii hamaa waan turee fi gowwoomsitoota waan taʼaniifi. Isaan ‘namoota utuu hin taʼin Waaqayyoon soban.’ (HoE. 5:4) Akkuma fakkeessitoota warra Yesuus balaaleffatee Anaaniyaas fi Saphiiraan Waaqayyo duratti fudhatama argachuu caalaa namoota biratti ulfina argachuutu isaan yaaddessee ture.—Mat. 6:1-3.

20. Yihowaadhaaf kennuu ilaalchisee barumsa akkamii argatte?

20 Akkuma barattoota amanamoo jaarraa jalqabaatti Yerusaalem keessa turanii fi arjummaadhaan buusii godhanii, Dhugaa Baatonni Yihowaa miliyoonaan lakkaaʼamanii fi yeroo harʼaa jiranis hojii lallabaa addunyaa maraatti raawwatamu deggeruuf fedhiidhaan buusi godhu. Namni kamiyyuu yeroosaa ykn qarshiisaa hojii kanaaf dirqamaan akka kennu hin gaafatamu. Yihowaan sassataan ykn dirqamaan akka isa tajaajillu hin barbaadu. (2 Qor. 9:7) Kennaa yeroo kenninu Yihowaan hamma kenninuuf utuu hin taʼin, kakaʼumsa ittin kenninuuf iddoo guddaa kenna. (Mar. 12:41-44) Waaqayyoon kan tajaajillu akka Anaaniyaas fi Saphiiraa fedhii mataa keenyaaf jennee ykn ulfina argachuuf jennee taʼuu hin qabu. Kanaa mannaa, akkuma Pheexiros, Yohaannisii fi Barnaabaas yeroo hundumaa Yihowaa kan tajaajillu jaalala Waaqayyoo fi Kiristiyaanotaaf qabnuun kakaanee taʼuu qaba.—Mat. 22:37-40.

PHEEXIROS INNI QURXUMMII QABAA TURE ERGAMAA HINAAFFAA QABU TAʼE

Pheexiros Kitaaba Qulqulluu keessatti maqaa shaniin beekama. Afaan Ibrootaatiin Simiʼoon, Afaan Giriikiitiin immoo Simoon jedhama; Pheexiros jedhamees kan waamamu yommuu taʼu, Afaan Seemeetiikiitiin Keefaadha. Akkasumas ergamaan kun maqaawwansaa lamaan walitti dabaluudhaan Simoon Pheexiros jedhamees ni waamama.—Mat. 10:2; Yoh. 1:42; HoE. 15:14.

Pheexiros ergamaan guuboo qurxummiidhaan guutame baatee.

Pheexiros gaaʼela kan qabu yommuu taʼu, amaatiinsaa fi obboleessisaa manasaa jiraatu. (Mar. 1:29-31) Nama Beetasayidaa ishii kaaba Galaana Galiilaatti argamtuu yommuu taʼu qurxummii qabuudhaan jiraata ture. (Yoh. 1:44) Yeroo boodammoo naannoo Qifirnaahomitti dhihoo jiru jiraateera. (Luq. 4:31, 38) Yesuus namoota qarqara Galaana Galiilaa bira turan hedduu kan barsiise bidiruu Pheexiros irra taaʼeeti. Pheexiros sana booda utuma baayʼee hin turin, qajeelfama Yesuusiin karaa dinqii taʼeen qurxummii hedduu qabuu dandaʼeera. Achiis sodaadhaan jilba Yesuusitti kufe; Yesuus garuu, “Hin sodaatin. Ammaa jalqabee namoota lubbuudhaan jiran kan qabdu taata” isaan jedhe. (Luq. 5:1-11) Pheexiros obboleessasaa Indiriyaas, akkasumas Yaaqoobii fi Yohaannisii wajjin qurxummii qaba ture. Arfan isaaniiyyuu yeroo Yesuus duuka buutotasaa akka taʼan isaan afeeretti qurxummii qabuu dhiisanii isa duukaa buʼan. (Mat. 4:18-22; Mar. 1:16-18) Gara waggaa tokko boodas Pheexiros namoota Yesuus “ergamoota” isaa akka taʼan filate 12n keessaa tokko taʼuu dandaʼeera.—Mar. 3:13-16.

Yesuus Pheexiros, Yaaqoobii fi Yohaannis yeroowwan adda taʼan tokko tokkotti isaa wajjin akka taʼan isaan filateera. Yeroo Yesuus dinqiidhaan jijjiiramee fi Yeroo inni intala Yaayiros duʼaa kaasetti arganiiru, yeroo inni dhaaba Getesemaaneetti baayʼee gaddee turetti isaa wajjin turan. (Mat. 17:1, 2; 26:36-46; Mar. 5:22-24, 35-42; Luq. 22:39-46) Mallattoo guyyaa argamasaa ilaalchisee kan isa gaafatanis ergamoota sadan kanaa fi Indiriyaasidha.—Mar. 13:1-4.

Pheexiros iftoominaan kan dubbatu, hinaaffa kan qabu fi jarjaraadha. Yeroo baayʼee ergamoota kaan dursee kan dubbatu fakkaata. Gabaasa wangeelaa keessatti wanti ergamoonni 11 dubbatan utuu walitti dabalameellee hamma Pheexiros dubbate hin gaʼu. Yeroo warri kaan callisanittis gaaffii gaafata ture. (Mat. 15:15; 18:21; 19:27-29; Luq. 12:41; Yoh. 13:36-38) Yesuus yeroo miillasaa dhiquuf turetti didee ture, yeroo inni isatti dheekkamu garuu harkasaa fi mataasaa akka isaaf dhiqu gaafate.—Yoh. 13:5-10.

Pheexiros Yesuusiin baayʼee waan jaallatuuf dhiphachuu fi duʼu akka hin qabne isa amansiisuuf yaaleera. Ilaalchi Pheexiros kun dogoggora waan tureef Yesuus sirreeffama cimaa isaaf kenneera. (Mat. 16:21-23) Galgala dhumaa Yesuus lafarratti dabarsetti Pheexiros ergamoonni hundi yoo isa dhiisanii deemanillee inni matumaa akka isa hin dhiisne dubbateera. Diinonni Yesuus yeroo isa qabanitti ija jabinni Pheexiros qabu goraadeedhaan eegumsa isaaf gochuuf akka yaalu, boodammoo hanga mooraa mana luba olaanaatti isa duukaa akka buʼu isa taasiseera. Haa taʼu malee, utuma baayʼee hin turin gooftaasaa siʼa sadii kan gane siʼa taʼu, wanta raawwate yeroo hubatus hirqinfatee booʼe.—Mat. 26:31-35, 51, 52, 69-75.

Yesuus duʼaa kaʼee ergamootasaa Galiilaa turanitti yeroo jalqabaatiif mulʼachuusaa yeroo muraasa dura Pheexiros qurxummii qabuuf akka deemu ergamoota kaanitti kan hime siʼa taʼu, isaanis isa duukaa buʼan. Pheexiros Yesuusiin yeroo qarqara galaanaatti argu bidiruusaa keessaa utaalee daakuudhaan garasaa dhaqe. Yesuus yeroo qurxummii waadee ergamootasaaf ciree qopheessetti “isaan kana”, jechuunis qurxummii fuuldura isaa jiru caalaa ‘na jaallattaa?’ jedhee isa gaafate. Yesuus, Pheexiros hojii idilee, jechuunis qurxummii qabuu dhiisee yeroo hunda isa duukaa buʼuuf akka filatu isa jajjabeessaa ture.—Yoh. 21:1-22.

Pheexiros Dh.K.B. naannoo bara 62-64​tti Baabilon ishii yeroo ammaatti Iraaq keessatti argamtuu fi Yihudoonni hedduun keessa jiraachaa turanitti misiraachoo lallabeera. (1 Phe. 5:13) Pheexiros xalayaasaa isa jalqabaa, tariimmoo isa lammaffaa maqaasaatiin waamamu kan barreesse Baabilonitti. Yesuus, “Warra dhaqna qabataniif ergamaa akka taʼu Pheexirosiif humna kenne.” (Gal. 2:8, 9) Pheexirosis hojii isaaf kenname gara laafinaa fi hinaaffaadhaan raawwateera.

YOHAANNIS—BARATAA YESUUS JAALLATU

Yohaannis ergamaan ilma Zabdewos yommuu taʼu, obboleessa Yaaqoob ergamaadha. Maqaan haadhasaa Salomee taʼuu hin oolu; Salomeen immoo obboleettii Maariyaam ishii haadha Yesuus taate taʼuu hin ooltu. (Mat. 10:2; 27:55, 56; Mar. 15:40; Luq. 5:9, 10) Kanaafuu, Yohaannis fira Yesuus taʼuu hin oolu. Haallisaa akka argisiisutti, maatiin Yohaannis sooreyyii turan. Hojiin qurxummii qabuu Zabdewos hojjetu balʼaa waan tureef, namoota qacaree hojjechiisa. (Mar. 1:20) Salomeen yeroo Yesuus Galiilaa turetti isaa wajjin deemtee isa tajaajilaa turte; boodammoo reeffasaa awwaalaaf qopheessuuf urgooftuu fiddeetti. (Mar. 16:1; Yoh. 19:40) Yohaannis mana dhuunfaasaa kan qabu taʼuu hin oolu.—Yoh. 19:26, 27.

Yohaannis ergamaan maraa kitaabaa qabatee.

Yohaannis barataa Yohaannis Cuuphaa isa yeroo Yohaannis Cuuphaan Yesuusiin ilaale “Ilaa, Hoolicha Waaqayyoo!” jedhetti Indiriyaasii wajjin achi dhaabbatee ture taʼuu hin oolu. (Yoh. 1:35, 36, 40) Haalasaa irraa akka hubannutti Yohaannis ilmi Zabdewos yeroo Yesuus gara Qaanaa deemetti isaa wajjin deemuudhaan dinqii Yesuus isa jalqabaa argeera. (Yoh. 2:1-11) Yohaannis wantoota Yesuus walitti aansuudhaan Yerusaalem, Samaariyaa fi Galiilaatti raawwate karaa ifa taʼee fi balʼinaan ibsuunsaa, barreessaan Wangeelaa kun yeroo wantoonni sun raawwatamanitti ijaan argee taʼuu akka dandaʼu argisiisa. Yohaannis akkuma Yaaqoob, Pheexirosii fi Indiriyaas yeroo Yesuus duuka buutuusaa akka taʼu isa afeeretti saaphanasaa, bidiruusaa fi wanta ittin jiraatu dhiisee isa duukaa buʼuunsaa amantii akka qabu argisiisa.—Mat. 4:18-22.

Yohaannis akka Pheexiros gabaasa Wangeelaa keessatti baayʼinaan hin caqasamne. Haa taʼu malee, maqaa Yesuus isaa fi obboleessa isaa Yaaqoobiif Boʼanerges, jechuunis “ilmaan Kakawwee” jedhee moggaaserraa nama miira hoʼaa qabu akka taʼe hubachuu dandeenya. (Mar. 3:17) Jalqabarratti Yohaannis aangoo waan barbaaduuf innii fi obboleessi isaa, Yesuus Mootummaa isaa keessatti aangoo guddaa akka isaaniif kennu haati isaanii akka isaaniif gaafattu godhanii turan. Fedhiinsaanii kun ofittoo akka turan kan argisiisu taʼus amantii isaan Mootummicha irratti qabanis ni argisiisa. Hawwii guddaan obbolaan kun lamaan qaban Yesuus barattootasaa hunda waaʼee gad of qabuu akka barsiisu godheera.—Mat. 20:20-28.

Yohaannis, yeroo namichi duuka buutuu Yesuus hin taane tokko maqaa Yesuusiin jinniiwwan baasuuf yaaletti isa dhowwuunsaas hinaaffaa akka qabu argisiisa. Yeroo kan biraattimmoo, yeroo Yesuus qophii tokko tokko akka isaaf godhaniif gara mandara Samaariyaatti namoota ergetti, warri Samaariyaa waan isaan hin simanneef ibiddi samiirraa buʼee akka isaan balleessu barbaadee ture. Taʼus, Yesuus wanta inni dubbateef isa ifateera. Haalasaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti yeroo booda madaalliisaa eeggachuu fi gara laafina horachuu dandaʼeera. (Luq. 9:49-56) Dadhabina kan qabu taʼus Yohaannis ‘barataa Yesuus jaallatu’ ture. Kanaafuu Yesuus yeroo duʼuuf turetti haadhasaa Maariyaamiin akka kunuunsuuf adaraadhaan Yohaannisitti kenneera.—Yoh. 19:26, 27; 21:7, 20, 24.

Yohaannis akkuma Yesuus raajii dubbatee ture ergamoota kaan caalaa umurii dheeraa jiraateera. (Yoh. 21:20-22) Yohaannis gara waggoota 70f amanamuudhaan Yihowaa tajaajileera. Gara dhuma jireenyaasaatti, jechuunis bara Mootiin Mootota Roomaa Damiishaan bulchaa turetti ‘waaʼee Waaqayyoo dubbachuu fi waaʼee Yesuus dhugaa baʼuu isaatiin kan kaʼe’ dirqamaan gara odola Phaaximoositti geeffamee ture. Utuma achi jiruu Dh.K.B. gara bara 96​tti mulʼatawwan Kitaaba Mulʼataa irratti galmeesse argeera. (Mul. 1:1, 2, 9) Yohaannis erga gadhiifamee booda gara Efesoon deeme, achittis Wangeela maqaasaatiin waamamuu fi xalayaawwan Yohaannis 1​ffaa, 2​ffaa fi 3​ffaa jedhaman barreesseera; kan duʼes Efesoonitti Dh.K.B. naannoo bara 100​tti akka taʼe amanama.

a Ganamaa fi galgala yommuu mana qulqullummaatti aarsaan dhihaatu namoonni ni kadhatu turan. Aarsaan galgalaa kan dhihaatu waaree booda “saʼaatii sagalitti” dha.

b Saanduqa “Pheexiros Inni Qurxummii Qabaa Ture Ergamaa Hinaaffaa Qabu Taʼe” jedhuu fi saanduqa “Yohaannis—Barataa Yesuus Jaallatu” jedhu ilaali.

c Saanduqa “Luba Olaanaa fi Dura Buutota Lubootaa” jedhu ilaali.

d Dhaloota Kiristoos Booda bara 33​tti Yerusaalem keessa kan turan Fariisota gara 6,000 fi Saduqoota muraasa qofa taʼuu dandaʼa. Sababni kan biraan gareewwan kun lamaan barattoonni waaʼee Kiristoos barsiisuusaanii akka dhaaban itti barbaadan kana taʼuu dandaʼa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi