LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • bt boq. 25 ful. 224-231
  • “Ani Qeesaaritti Ol Iyyadheera!”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • “Ani Qeesaaritti Ol Iyyadheera!”
  • Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • “Barcuma Murtii . . . Dura Dhaabbadheera” (Hojii Ergamootaa 25:1-12)
  • ‘Ani Ajajamuu hin Didne’ (Hojii Ergamootaa 25:13–26:23)
  • ‘Na Amansiistee Kiristiyaana na Gochuuf Jetta’ (Hojii Ergamootaa 26:24-32)
  • Yihowaan Gargaaraa Keessan Waan Taʼeef Ija Jabaadhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
  • Abbootii Taayitaa Duratti Misiraachichaaf Falmuu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
  • ‘Dubbiin Yihowaa Guddachaa Deeme’
    Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
bt boq. 25 ful. 224-231

BOQONNAA 25

“Ani Qeesaaritti Ol Iyyadheera!”

Phaawulos misiraachichaaf falmuurratti fakkeenya gaarii taʼeera

Hojii Ergamootaa 25:1–26:32​rratti kan hundaaʼe

1, 2. (a) Phaawulos haala akkamii keessa ture? (b) Phaawulos Qeesaaritti ol iyyachuusaa ilaalchisee gaaffii akkamiitu kaʼa?

PHAAWULOS Qisaariyaatti loltootaan eegamaa jira. Waggaa lama dura yeroo inni gara Yihudaatti deebiʼee ture, Yihudoonni guyyoota muraasa gidduutti, yoo xinnaate siʼa sadi isa ajjeesuuf yaalanii turan. (HoE. 21:27-36; 23:10, 12-15, 27) Diinonnisaa hamma ammaatti isaaniif hin milkoofne; taʼus ammayyuu abdii hin kutanne. Phaawulos gara diinotasaatti deebifamuu akka dandaʼu yommuu hubatu Bulchaa Roomaa Feesxosiin, “Ani Qeesaaritti ol iyyadheera!” jedhe.−HoE. 25:11.

2 Maarree Yihowaan murtoo Phaawulos mootii moototaa Roomaatti ol iyyachuuf godhe deggareeraa? Deebiin gaaffii kanaa, nu warra bara dhumaatti waaʼee Mootummaa Waaqayyoo guutummaatti dhugaa baʼaa jirruuf barbaachisaadha. Fakkeenya Phaawulos hordofuudhaaf, “misiraachichaaf falmuu fi seera duratti fudhatama akka argatu gochuu” irratti wanta inni godhe beekuun keenya barbaachisaadha.—Filp. 1:7.

“Barcuma Murtii . . . Dura Dhaabbadheera” (Hojii Ergamootaa 25:1-12)

3, 4. (a) Yihudoonni Phaawulos gara Yerusaalemitti akka geeffamu kan gaafatan maaliifi? Phaawulos duʼarraa kan oole akkamitti? (b) Yihowaan akkuma Phaawulosiif godhe tajaajiltootasaa bara keenyatti jiran kan jajjabeessu akkamitti?

3 Feesxos inni bulchaa Yihudaa haaraa taʼe gara aangootti erga dhufee guyyaa sadi booda, gara Yerusaalem deeme.a Bakka kanatti dura buutonni lubootaa fi namoonni Yihudaa beekamoon Phaawulosirratti himata yakkaa ciccimaa yommuu dhiheessan ni dhaggeeffate. Namoonni kun Feesxos, isaanii fi Yihudoota hundaa wajjin nagaa akka uumu warri Roomaa akka barbaadan beeku turan. Kanaafuu, Feesxos Phaawulosiin gara Yerusaalemitti fidee dhimma isaatiif achitti murtii akka kennu isa gaafatan. Haataʼu malee, gaaffii isaanii kana duuba dabni cimaan jira. Diinonni kun yeroo Phaawulos Qisaariyaadhaa gara Yerusaalemitti geeffamu karaarratti isa ajjeesuuf karoorfataniiru. Feesxos, “Isin gidduudhaa namoonni aangoo qaban anaa wajjin [Qisaariyaatti] gad buʼanii inni dhuguma balleessaa yoo qabaate isa haa himatan” jechuudhaan gaaffii isaanii fudhachuu dide. (HoE. 25:5) Kanaafuu, Phaawulos yeroo kanattis duʼarraa ooleera.

4 Phaawulos yeroo qorumsi isarra gaʼe hundatti, Yihowaan, Gooftaa keenya Yesuus Kiristoositti fayyadamee isa jajjabeesseera. Fakkeenyaaf, Yesuus isatti mulʼatee, “Jabaadhu!” isaan jedheera. (HoE. 23:11) Saba Yihowaa yeroo harʼaa jiranis gufuu fi ariʼatamni garaagaraa ni mudata. Yihowaan rakkina nu mudatu hundarraa nu hin eegu; haa taʼu malee, ogummaa fi jabina jabaannee dhaabbachuuf nu gargaaru nuu kenna. Abbaan keenya inni jaalala qabeessa taʼe ‘humna humna caalu’ yeroo hunda akka nuu kennu isatti amanamuu ni dandeenya.—2 Qor. 4:7.

5. Feesxos yeroo Phaawulosii wajjin dubbachaa turetti maal godhe?

5 Feesxos guyyoota muraasa booda Qisaariyaa keessatti “barcuma murtii irra taaʼe.”b Phaawulosii fi namoonni isa himatanimmoo isa dura dhaabbataniiru. Phaawulos himata sobaa isarratti dhiheessaniif yommuu deebii kennu, “Ani Seera Yihudootaa irrattis taʼe mana qulqullummaa irratti yookiin Qeesaar irratti yakka tokko illee hin hojjenne” jedhe. Ergamaan kun yakka waan hin raawwanneef gadhiifamuu qaba. Maarree, Feesxos maal murteessa laata? Yihudoota biratti fudhatama argachuu waan barbaadeef, “Gara Yerusaalemitti ol baatee waaʼee wantoota kanaa achitti na duratti murtii argachuu barbaaddaa?” jedhee Phaawulosiin gaafate. (HoE. 25:6-9) Kun mala haxxummaarratti hundaaʼe ture. Phaawulos gara Yerusaalemitti yoo deebifame abbootiin murtii dhimmasaa ilaalan namootuma isa himatan waan taʼaniif ajjeefamuu dandaʼa. Yeroo kanatti Feesxos haqa raawwachuu caalaa gama siyaasaatiin fudhatama argachuu filate. Bulchaan isa dura ture Phonxos Philaaxosis Yesuusirratti waanuma kanaa wajjin wal fakkaatu raawwateera. (Yoh. 19:12-16) Abbootiin murtii yeroo harʼaa jiranis dhiibbaa gama siyaasaatiin isaanirra gaʼuuf harka kennuu dandaʼu. Kanaafuu, abbootiin murtii ragaa tokkollee utuu hin qabaatin saba Waaqayyoorratti yoo murteessan ajaaʼibsiifamuu hin qabnu.

6, 7. Phaawulos Qeesaaritti ol iyyannoo kan dhiheeffate maaliifi? Akkas gochuudhaan Kiristiyaanota yeroo harʼaa jiraniif fakkeenya kan taʼehoo akkamitti?

6 Fedhiin Feesxos Yihudoota gammachiisuuf qabu Phaawulosiin duʼaaf kan saaxilu ture. Kanaafuu, Phaawulos mirga lammii Roomaa taʼuudhaan qabutti fayyadamee Feesxosiin akkana jedhe: “Ani barcuma murtii Qeesaar isan itti murtii argachuu qabu dura dhaabbadheera. Atis akka gaariitti akkuma beektu, ani Yihudoota irratti balleessaa hin hojjenne. . . . Ani Qeesaaritti ol iyyadheera!” Yeroo baayʼee ol iyyannoon akkasii takkaa erga gaafatamee booda hin jijjiiramu. Feesxos, “Qeesaaritti waan ol iyyatteef, gara Qeesaar ni dhaqxa” jechuudhaan kun dhugaa taʼuu isaa mirkaneesseera. (HoE. 25:10-12) Phaawulos abbootii taayitaa aangoo olaanaa qabanitti ol iyyachuurratti Kiristiyaanota yeroo harʼaa jiraniif fakkeenya gaarii taʼa. Dhugaa Baatonni Yihowaa yommuu mormitoonni ‘maqaa seeraatiin rakkina qopheessan’ mirga gama seeraatiin qabanitti fayyadamanii misiraachichaaf falmu.c—Far. 94:20.

7 Kanaafuu, Phaawulos yakka utuu hin raawwatin waggaa lamaaf erga hidhamee booda gaaffiin inni dhimma isaa Roomaatti dhiheeffachuuf dhiheesse fudhatama argate. Haataʼu malee, achi isa geessuu isaanii dura bulchaan kan biraa tokko isa haasofsiisuu barbaade.

Namoota mana murtii keessatti murtii darbe ilaalchisee miira isaanii ibsaa jiran. Obboleessi tokko, abukaatoon isaa fi Dhugaa Baatonni achitti argaman gaddaniiru. Warri Dhugaa Baatota hin taanemmoo gammachuudhaan garee seeraa himata obboleessarratti dhihaateef falmaa tureen baga gammaddan jechaa jiru.

Yeroo murtiin dogoggoraa nutti murteeffamu ol iyyannoo dhiheeffanna

‘Ani Ajajamuu hin Didne’ (Hojii Ergamootaa 25:13–26:23)

8, 9. Agriiphaa Mootichi Qisaariyaa kan dhaqe maaliif ture?

8 Feesxos, Phaawulos Qeesaaritti ol iyyachuusaa erga dhagaʼee guyyaa muraasa booda Agriiphaa Mootichii fi obboleettiin isaa Berniiqeen bulchaa haaraa kana “nagaa gaafachuu” dhufan.d Bara bulchiinsa Roomaatti abbootiin taayitaa bulchitoota haaraa muudaman dhaqanii gaafachuun baramaa ture. Agriiphaan, Feesxos muudamuusaatti akka gammade kan ibse gama siyaasaa fi dhuunfaadhaan hariiroo cimaa uumuu barbaadee akka taʼe hin shakkisiisu.—HoE. 25:13.

YEROO HARʼAATTI WAAQEFFANNAA DHUGAAF OL IYYACHUU

Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo tokko tokko rakkina misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo lallabuurratti isaan mudatu hambisuuf mana murtii olaanaatti ol iyyannoo ni dhiheeffatu. Mee fakkeenya lama haa ilaallu.

Bitootessa 28, 1938tti, Manni Murtii Olaanaa Yuunaayitid Isteetis, murtoo manni murtii naannoo dabarse kuffisuudhaan Dhugaa Baatota Yihowaa, Giriifiin Joorjiyaa keessatti barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu waan raabsaniif qofa hidhamanii turan bilisa baaseera. Ol iyyannoon kun, ol iyyannoo Dhugaa Baatonni Yihowaa mana murtii kanatti dhiheessan hedduu keessaa isa jalqabaati.g

Dhimmi kan biraanimmoo, Dhugaa Baatuu Yihowaa Giriik keessa jiraatuu fi Miinoos Kookiinaakiis jedhamuu wajjin kan wal qabatudha. Waggoota 48 keessatti namoonni “amantiisaanii akka jijjiiran gootetta” jedhamee siʼa 60 ol hidhameera. Yeroo kanatti siʼa 18 mana murtiitti dhihaateera. Waggoota hedduudhaaf mana hidhaa fi odoolawwan Eejiyaan keessatti dabarseera. Obboleessi keenya Kookiinaakiis Bara 1986tti, yeroo dhumaatiif yeroo isatti murtaaʼetti ol iyyannoon inni mana murtii olaanaa Giriikitti dhiheeffate fudhatama utuu hin argatin hafeera. Sana booda Mana Murtii Mirgoota Namoomaa Awurooppaatti ol iyyate. Caamsaa 25, 1993tti, manni murtii kun, Giriik mirga amantii obboleessa keenya Kookiinaakiis akka sarbe murteesse.

Dhugaa Baatonni Yihowaa dhimmoota hedduurratti Mana Murtii Mirgoota Namoomaa Awurooppaatti ol iyyannoo kan dhiheeffatan yommuu taʼu, hedduu isaaniirrattis injifannoo argataniiru. Jaarmiyaan amantaas taʼe kan biraan dhimma mirga namaa mana murtii kanatti dhiheessee injifannoo akkasii argate kan biraan hin jiru.

Injifannoon seeraa Dhugaa Baatonni Yihowaa argatan warra kaan fayyadeeraa? Hayyuun Chaarlas Haayins jedhamu akkas jechuudhaan barreesseera: “Hundi keenyayyuu Dhugaa Baatota Yihowaa galateeffachuu qabna. Hammamiyyuu yoo arrabsaman, magaalaa keessaa yoo ariʼaman, akkasumas yoo reebaman mirga amantaa isaaniif (karaa biraatiin kan keenyaafis) falmuu hin dhiisan. Yeroo isaan injifatan, nutis ni injifanna.”

g Mirga dubbachuu ilaalchisee murtii manni murtii olaanaa Yuunaayitid Isteetis dabarsee fi Dammaqaa! Amajjii 8, 2003, (Amaariffa) fuula 3-11rratti baʼe ilaali.

9 Feesxos mootii haaraa kanatti waaʼee Phaawulos kan hime yeroo taʼu, Agriiphaanis waaʼee isaa caalaatti beekuu barbaade. Guyyaa itti aanu bulchitoonni lamaan kun barcuma murtiirra taaʼan. Haataʼu malee, qophii mootonni kun yeroo dhimma Phaawulos ilaalanitti godhan caalaa wanta Phaawulos dubbachuuf jedhutu nama ajaaʼibsiisa.—HoE. 25:22-27.

10, 11. Phaawulos Agriiphaa akka kabaju kan argisiise akkamitti? Mootii kanatti waaʼee jireenyasaa isa duraanii maalfaa hime?

10 Phaawulos Agriiphaa Mootichi barsiifataa fi falmii Yihudoota gidduu jiru akka gaariitti waan beekuuf dhimmasaa isa duratti dhiheeffachuuf carraa argachuusaatti kabajaan isa galateeffate. Phaawulos itti aansuudhaan ‘akka garee amantii waaqeffannaa isaanii warra amantii cimsaniitti Fariisicha taʼee akka jiraate’ dubbachuudhaan jireenya kanaan dura dabarse ibse. (HoE. 26:5) Phaawulos Fariisii waan tureef Masiihichi akka dhufu ni abdata ture. Erga Kiristiyaana taʼee boodammoo Masiihichi inni yeroo dheeraaf eegamaa ture Yesuus Kiristoos akka taʼe ija jabinaan dubbateera. Phaawulos guyyaa sana murtiitti kan dhihaate waanuma namoonni isa himatan itti amananitti waan amaneef, jechuunis waadaan Waaqayyo abbootii isaatiif gale akka raawwatamu waan abdateef ture. Agriiphaan kana dhagaʼuunsaa wanta Phaawulos dubbatu dhagaʼuuf caalaatti akka hawwu isa taasise.e

11 Phaawulos gara jabinaan Kiristiyaanota ariʼachaa akka ture yommuu ibsu akkana jedheera: “Ani iyyuu maqaa Yesuus isa nama Naazireet sanaa hamman dandaʼe mormuu akkan qabu nan amanan ture. . . . Akka malee waanan isaanitti [Kiristiyaanotatti] aareefis magaalota kan biroo keessatti illee ariʼatama isaan irra geessiseera.” (HoE. 26:9-11) Phaawulos yommuu akkas jedhu arbeessaa hin turre. Namoonni hedduun akka inni gara jabinaan Kiristiyaanota ariʼachaa ture beeku. (Gal. 1:13, 23) Maarree nama kana maaltu jijjiiruu dandaʼe? Gaaffiin akkasii Agriiphaatti uumamee taʼuu dandaʼa.

12, 13. (a) Phaawulos akkaataa itti jijjiirame kan ibse akkamitti? (b) Phaawulos ‘arficha mormaa’ kan ture akkamitti?

12 Deebiisaa wanta Phaawulos itti aansuudhaan dubbaterraa argachuu dandeenya. Akkana jedheera: “Dura buutota lubootaa irraa aangoo fi ergama fudhadhee gara Damaasqoo utuun dhaqaa jiruu, yaa Mootii, guyyaa walakkaa, daandii irratti ifni ifa aduu caalu tokko samii irraa naannoo koo fi naannoo namoota anaa wajjin deemaa jiraniitti yommuu balaqqeessaʼu nan arge. Hundi keenya lafa irratti kukkufnee utuu jirruu sagaleen tokko Afaan Ibrootaatiin, ‘Saaʼol, Saaʼol, maaliif na ariʼatta? Arficha mormuu kee yoo itti fufte sumatu miidhama’ yommuu naan jedhu nan dhagaʼe. Ani garuu, ‘Yaa Gooftaa, ati eenyu?’ jedheen gaafadhe. Gooftaanis akkana jedhe: ‘Ani Yesuus isa ati ariʼattu sana dha.’”f—HoE. 26:12-15.

13 Phaawulos taateen dinqisiisaan kun raawwatamuusaa dura akka fakkeenyaatti ‘arficha mormaa’ ture. Akkuma beelladni baʼaa baatu tokko arfii qara qabu yoo dhiite of miidhu, Phaawulosis fedhii Waaqayyoo mormuudhaan karaa hafuuraa of miidhaa ture. Yesuus inni duʼaa kaafame daandii gara Damaasqootti geessurratti isatti mulʼachuudhaan namni garaa qajeelaa qabu, garuummoo daandii dogoggoraarra jiru kun yaadasaa akka jijjiiru isa gargaareera.—Yoh. 16:1, 2.

14, 15. Phaawulos jijjiirama jireenyasaa keessatti godhe ilaalchisee maal jedhe?

14 Dhugumayyuu, Phaawulos jijjiirama guddaa godheera. Agriiphaadhaan akkana jedheera: “Ani mulʼata samii irraa dhufeef ajajamuu hin didne; kanaa mannaa, jalqaba warri Damaasqoo keessa jiraatan, achiis warri Yerusaalemii fi guutummaa biyya Yihudaa keessa jiraatan, akkasumas saboonni yaada akka geddaratanii fi hojiiwwan yaada geddarachuu isaanii argisiisan hojjechuudhaan gara Waaqayyootti akka deebiʼan ergicha isaanitti himeera.” (HoE. 26:19, 20) Phaawulos ergama Yesuus Kiristoos guyyaa saafaa sanatti isaaf kenne waggoota hedduuf raawwachuu isaa itti fufeera. Kunoo buʼaa akkamii argamsiise? Namoonni duuka buutuu Yesuus taʼan, Phaawulosiin erga dhaggeeffatanii booda yaada geeddaratanii wanta gadhee raawwachuu dhiisuudhaan fedhii Waaqayyoo raawwachuu jalqabaniiru. Namoonni akkasii lammiilee gaarii seera kabajanii fi nagaa uuman taʼaniiru.

15 Yihudoonni Phaawulosiin mormaa turan garuu wantoota kanaaf iddoo hin kennan. Phaawulos akkana jedheera: “Yihudoonni mana qulqullummaa keessatti qabanii na ajjeesuuf kan yaalan kanaafi. Taʼus, gargaarsa Waaqayyoo waanan argadheef, hanga guyyaa harʼaatti isa guddaafis taʼe isa xinnaadhaaf dhugaa baʼuu koo itti fufuu dandaʼeera.”—HoE. 26:21, 22.

16. Waaʼee amantii keenyaa abbootii murtii fi bulchitootatti yeroo himnu fakkeenya Phaawulos hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

16 Kiristiyaanota waan taaneef, waaʼee amantii keenyaa “deebii kennuuf yeroo hunda qophaaʼoo” taʼuu qabna. (1 Phe. 3:15) Waaʼee amantii keenyaa abbootii murtii fi bulchitoota duratti yeroo dubbannu, mala Phaawulos yeroo Agriiphaa fi Feesxosiin haasofsiisetti itti fayyadametti fayyadamuu dandeenya. Dhugaan Kitaaba Qulqulluu, nuunis taʼe namoota misiraachicha fudhatan kaan dabalatee jireenya namootaa kan jijjiire akkamitti akka taʼe karaa kabaja qabuun isaanitti himuudhaan garaa abbootii taayitaa tuquu ni dandeenya.

‘Na Amansiistee Kiristiyaana na Gochuuf Jetta’ (Hojii Ergamootaa 26:24-32)

17. Feesxos falmii Phaawulos dhiheeffate erga dhaggeeffatee booda maaltu isatti dhagaʼame? Yeroo harʼaahoo ilaalcha wal fakkaataa akkamiitu jira?

17 Bulchitoonni lamaanuu dubbii Phaawulos isa nama amansiisu erga dhagaʼanii booda callisanii bira darbuu hin dandeenye. Seenaansaa akkana jedha: “Phaawulos wantoota kana dubbatee utuma falmachaa jiruu, Feesxos sagalee isaa guddisee, ‘Phaawulos, ati maraatteetta! Barumsa hedduu barachuun kee si maraacheera!’ jedhe.” (HoE. 26:24) Ilaalchi Feesxos kun, ilaalcha yeroo harʼaattillee mulʼachaa jirudha. Namoonni dhugaa Kitaaba Qulqulluu warra kaan barsiisan namoota hedduu biratti akka gowwootaatti ilaalamu. Yeroo baayʼee namoonni akka addunyaatti ogeeyyii jedhaman, duʼaa kaʼuu ilaalchisee wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu fudhachuun isaanitti ulfaata.

18. Phaawulos Feesxosiif deebii akkamii kenne? Agriiphaanoo maal isaan jedhe?

18 Haataʼu malee, Phaawulos bulchaa haaraa kanaaf akkana jechuudhaan deebii kenneera: “‘Yaa Kabajamaa Feesxos, ani sammuu fayyaadhaan dubbii dhugaa dubbachaan jira malee hin maraanne. Dhugaa dubbachuuf, mootiin ani amma bilisummaadhaan itti dubbachaa jiru kunis waaʼee wantoota kanaa akka gaariitti beeka; . . . Yaa Agriiphaa Mootii, Raajotatti ni amantaa? Akka ati amantu beeka.’ Agriiphaan garuu Phaawulosiin, ‘Yeroo gabaabaa keessatti amansiistee Kiristiyaana na gochuuf jetta’ jedhe.” (HoE. 26:25-28) Feesxos yaada kana kan dubbate garaadhaa taʼus taʼuu baatus, dhuga baʼiinsi Phaawulos, dhimmicharratti gadi fageenyaan akka yaadu isa godheera.

19. Feesxosii fi Agriiphaan Phaawulosiin ilaalchisee xumura akkamiirra gaʼan?

19 Achiis Agriiphaa fi Feesxos kaʼanii dhaabbatan; kunis falmichi akka xumurame argisiisa. “Utuu achii baʼaa jiraniis, ‘Namichi kun wanta isa ajjeesisu yookiin isa hiisisu tokko illee hin hojjenne’ waliin jechuu jalqaban. Agriiphaan yeroo kanatti Feesxosiin, ‘Namichi kun utuu Qeesaaritti ol hin iyyanne taʼee hiikamuu dandaʼa ture’ jedhe.” (HoE. 26:31, 32) Namni isaan dura dhaabbachaa ture nama balleessaa hin qabne akka ture baraniiru. Bulchitoonni kun, tarii kana booda Kiristiyaanotaaf ilaalcha gaarii qabaachuu dandaʼu.

20. Phaawulos abbootii taayitaatiif dhugaa baʼuunsaa buʼaa akkamii argamsiise?

20 Bulchitoonni aangoo guddaa qabanii fi seenaa kana keessatti caqasaman lamaanuu, misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo waan fudhatan hin fakkaatu. Phaawulos dhimma isaa bulchitoota kana duratti dhiheeffachuun isaa faayidaa argamsiiseeraa? Eeyyee, argamsiiseera. Phaawulos Yihudaa keessatti ‘moototaa fi bulchitoota duratti dhiheeffamuunsaa’ namoonni bulchiinsa Roomaa keessa jiraatanii fi kanaan dura misiraachicha hin dhageenye hedduun misiraachicha akka dhagaʼan godheera. (Luq. 21:12, 13) Kana malees, qorumsa keessa amanamummaadhaan dhaabbachuunsaa amantii obbolootaa fi obboleettota isaa cimseera.—Filp. 1:12-14.

21. Misiraachicha lallabuu itti fufuun keenya buʼaawwan akkamii argamsiisuu dandaʼa?

21 Haalli yeroo harʼaas kanaa wajjin wal fakkaata. Qorumsii fi mormiin utuma nurra gaʼuu misiraachicha lallabuudhaan buʼaa hedduu argachuu dandeenya. Abbootii taayitaa karaa kan biraa argachuu hin dandeenyeef dhugaa baʼuuf nu gargaaruu dandaʼa. Qorumsa nu mudatu keessa amanamummaadhaan dhaabbachuun keenya obbolootaa fi obboleettota keenyaaf madda jajjabinaa taʼa; akkasumas waaʼee Mootummaa Waaqayyoo guutummaatti dhugaa baʼuuf caalaatti ija jabeeyyii akka taʼan isaan gargaaruu dandaʼa.

BULCHAA ROOMAA PHORQIYOS FEESXOS

Waaʼee Phorqiyos Feesxos kallattiidhaan odeeffannoo kan argannu Hojii Ergamootaa fi barreeffamoota Filaaviyas Joosefasirraa qofadha. Feesxos, Feeliksiin bakka buʼee bulchaa Yihudaa kan taʼe Dh.K.B. naannoo bara 58tti yommuu taʼu, waggaa lama ykn sadii erga bulchee booda duʼe.

Phorqiyos Feesxos.

Feesxos, Feeliksi isa isa dura turee fi Albiinas isa isa booda bulchee wajjin yeroo wal bira qabamu, bulchaa of eeggataa fi dandeettii qabu ture jechuun ni dandaʼama. Yeroo Feesxos bulchaa taʼetti Yihudaa keessa saamtota baayʼeetu jira ture. Akka Joosefas jedhetti, “Feesxos . . . namoota biyyattii jeeqan sirreessuurratti xiyyeeffatee ture. Kanaaf, saamtota keessaa harka caalaa isaanii qabeeraa, baayʼee isaaniis balleesseera.” Yeroo inni bulchaa turetti, Yihudoonni Mootichi Agriiphaan wanta mooraa mana qulqullummaa keessatti raawwatamu akka hin argineef masaraa ijaaranii turan. Jalqabarratti Feesxos masaraan kun akka diigamu ajajee ture. Haataʼu malee, Yihudoonni akka hin diigamne waan isa gaafataniif, dhimmicha Mootii Mootota Roomaa Neerootti akka dhiheeffatan isaaniif heyyame.

Feesxos nama yakkamtootaa fi finciltootarratti tarkaanfii cimaa fudhatu ture. Haataʼu malee, Yihudootaa wajjin hariiroo gaarii qabaachuu waan barbaaduuf, haqa jalʼisuuf fedhii qaba ture. Fakkeenyaaf Phaawulos irratti jalʼina raawwateera.

MOOTICHA HEROODIS AGRIIPHAA LAMMAFFAA

Heroodis inni Hojii Ergamootaa boqonnaa 25rratti caqasame, Mooticha Heroodis Agriiphaa Lammaffaa siʼa taʼu, ilma ilma Heroodis guddichaa fi ilma Heroodis isa waggaa 14 dura gumii Yerusaalemirratti miidhaa geessisaa tureeti. (HoE. 12:1) Agriiphaan mootota maqaa Heroodis jedhuun waamaman keessaa isa dhumaati.

Mootii Heroodis Agriiphaa Lammaffaa.

Abbaansaa Dh.K.B. bara 44tti yeroo duʼetti umuriin Agriiphaa waggaa 17 siʼa taʼu, Roomaatti mana mootummaa mootii mootota Roomaa Qalaawudewos keessaa barachaa ture. Gorsitoonni mootichaa mucaan kun teessoo abbaa isaa dhaaluuf umuriinsaa akka hin geenye waan isaanitti dhagaʼameef bakka isaa bulchaa kan biraatu muudame. Taʼus, akka Filaaviyas Joosefas ibsetti Agriiphaan yeroo Roomaa turetti faayidaa Yihudootaa eegsisuuf falmaa tureera.

Dhaloota Kiristoos booda bara 50tti Qalaawudewos, Agriphaa naannoo Kaalsiis jedhamurratti muude, Dh.K.B. bara 53tti immoo Ixuuriyaa, Xiraakonixisii fi Abiilaanirratti isa muude. Kana malees, luba olaanaa Yihudootaa muuduu dabalatee mana qulqullummaa Yerusaalem olaantummaadhaan akka toʼatuuf aangoon isaaf kennameera. Neeroon inni Qalaawudewositti aansee mootii moototaa taʼe, bulchiinsi Agriiphaa Galiilaa fi Peeriyaa akka dabalatu godheera. Agriiphaan yeroo Phaawulosii wajjin wal argetti obboleettiisaa Berniiqee ishii abbaa manaa ishii isa mootii Kiilqiyaa taʼe dhiistee wajjin Qisaariyaa ture.—HoE. 25:13.

Dhaloota Kiristoos booda bara 66tti yeroo Agriiphaan fincila Yihudoonni Roomaarratti kaasan tasgabbeessuu dadhabetti, Yihudoonni isarratti waan kaʼaniif warra Roomaa cinaa dhaabbate. Warri Roomaa Fincila Yihudootaa erga dhaabsisanii booda, mootiin mootota Roomaa Vaspeeshiyaan, akka kennaatti naannoowwan dabalataa bulchiinsa Agriiphaa jala galche.

a Saanduqa, “Bulchaa Roomaa Phorqiyos Feesxos” jedhu ilaali.

b ‘Barcumni murtii’ teessuma waltajjii ol kaʼaarra kaaʼamudha. Iddoo ol kaʼaarra kaaʼamuunsaa murtiin abbaan murtii sun kennu cimaa fi kan hin jijjiiramne taʼee akka namootatti mulʼatu godha. Philaaxos himata Yesuusirratti dhihaate ilaalaa kan ture barcuma murtiirra taaʼeeti.

c Saanduqa, “Yeroo Harʼaatti Waaqeffannaa Dhugaaf Ol Iyyachuu” jedhu ilaali.

d Saanduqa, “Mooticha Heroodis Agriiphaa Lammaffaa” jedhu ilaali.

e Phaawulos Kiristiyaana waan taʼeef Yesuus Masiihii taʼuu isaa ni amana. Yihudoonni Yesuusitti hin amannemmoo Phaawulosiin gantuu akka taʼetti ilaalu.—HoE. 21:21, 27, 28.

f Yaada Phaawulos “guyyaa walakkaa” ykn saafaa keessa gara Damaasqoo deemaa akka ture dubbate ilaalchisee hayyuun Kitaaba Qulqulluu tokko, “Imaltoonni guyyaa walakkaa yeroo baayʼee hoʼu kanatti dhimma baayʼee barbaachisaa taʼe yoo qabaatan malee karaa hin deeman turan. Kunis Phaawulos Kiristiyaanota ariʼachuuf hammam kutatee akka ture argisiisa” jedheera.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi