LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w20 Sadaasa ful. 12-17
  • Yihowaan Gargaaraa Keessan Waan Taʼeef Ija Jabaadhaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yihowaan Gargaaraa Keessan Waan Taʼeef Ija Jabaadhaa
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • GARGAARSA YESUUSII FI MALEEKOTA IRRAA ARGAMU
  • GARGAARSA NAMOOTA AANGOO QABAN IRRAA ARGAMU
  • GARGAARSA OBBOLOOTA IRRAA ARGAMU
  • ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
    Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
  • “Fedhiin Yihowaa haa raawwatamu”
    Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
  • “Ani Qeesaaritti Ol Iyyadheera!”
    Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
  • ‘Ani Dhiiga Nama Hundumaa Irraa Qulqulluudha’
    Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
w20 Sadaasa ful. 12-17

MATA DUREE QOʼANNAA 46

Yihowaan Gargaaraa Keessan Waan Taʼeef Ija Jabaadhaa

“Ani matumaa si hin dhiisu, matumaas si hin gatu.”—IBR. 13:5.

FAARFANNAA 55 Isaan hin Sodaatinaa

QABIYYEEa

1. Yommuu kophummaan nutti dhagaʼamu ykn rakkoowwan keenyaan liqimfamnu maaltu nu jajjabeessa? (Faarfannaa 118:5-7)

KOPHAA akka taatee fi rakkoowwan si mudatan keessatti namni si gargaaru akka hin jirre sitti dhagaʼamee beekaa? Tajaajiltoota Yihowaa amanamoo dabalatee namoonni hedduun akkas isaanitti dhagaʼama. (1 Mo. 19:14) Haalli akkasii si mudatee beeka taanaan, waadaa Yihowaan, “Ani matumaa si hin dhiisu, matumaas si hin gatu” jechuudhaan gale yaadadhu. Kanaafuu amanannaadhaan, “Yihowaan gargaaraa koo ti; ani hin sodaadhu” jechuu dandeenya. (Ibr. 13:5, 6) Phaawulos ergamaan jechoota kana Kiristiyaanota Yihudaa jiraniif Dh.K.B. naannoo bara 61⁠tti barreesse. Jechoonni isaa kun yaada faarfatichaa Faarfannaa 118:5-7 irratti argamu nu yaadachiisu.—Dubbisi.

2. Mata duree kana keessatti maal qorra? Maaliif?

2 Akkuma faarfatichaa, Phaawulos Yihowaan Gargaaraa isaa akka taʼe muuxannoo ofii isaa irraa hubatee ture. Fakkeenyaaf, xalayaa isaa warra Ibrootaatiif barreessuu isaa waggaa lamaa ol dura, Phaawulos galaana obomboleettiidhaan hunkuramu keessa deemsa balaadhaaf nama saaxilu godhee ture. (HoE. 27:4, 15, 20) Deemsa kana keessattii fi sana dura Yihowaan karaa gara garaatiin Phaawulosiif Gargaaraa taʼuu isaa argisiiseera. Amma karaa inni kana itti godhe keessaa sadii ilaalla. Yihowaan karaa Yesuusii fi maleekotaa, karaa namoota aangoo qabanii akkasumas Kiristiyaanota kaaniitiin gargaarsa isaaf godheera. Taʼeewwan jireenya Phaawulos keessatti raawwataman kana qoruun keenya, amanannaa waadaa Waaqayyo gargaarsaaf yommuu isa waamnu deebii akka nuuf kennu gale irratti qabnu nuuf cimsa.

GARGAARSA YESUUSII FI MALEEKOTA IRRAA ARGAMU

3. Phaawulos maal jedhee yaadee taʼuu dandaʼa? Maaliif?

3 Phaawulos gargaarsi isa barbaachisee ture. Dh.K.B. naannoo bara 56⁠tti, namoonni baayʼeen mana qulqullummaa Yerusaalem keessaa lafa irra harkisanii erga isa baasanii booda isa ajjeesuuf yaalanii turan. Guyyaa itti aanutti, yommuu Phaawulos Saanhediriin duratti dhiheeffame, diinonni isaa isa cicciruuf xinnumatu isaan hafe. (HoE. 21:30-32; 22:30; 23:6-10) Yeroo kanatti Phaawulos, ‘Haala rakkisaa kana hamma yoomiittan dandaʼa?’ jedhee yaadee taʼuu dandaʼa.

4. Yihowaan, karaa Yesuus Phaawulosiin kan gargaare akkamitti?

4 Phaawulos gargaarsa akkamii argate? Erga qabamee booda galgala itti aanutti, Yesuus “Gooftaan” isa bira dhaabatee, “Hin sodaatin! Akkuma Yerusaalem keessatti guutummaatti waaʼee koo dhugaa baate, Roomaattis dhugaa baʼuu qabda” isaan jedhe. (HoE. 23:11) Kun jajjabina yeroo sirriitti kenname ture. Yesuus Phaawulos Yerusaalemitti dhugaa baʼuu isaatiif isa galateeffateera. Akkasumas nagaadhaan Roomaa gaʼee, achittis akka dhugaa baʼu waadaa isaaf gale. Phaawulos jajjabina kana erga argatee booda, akkuma mucaa bobaa abbaa isaa keessa jiru tokkoo tasgabbiin itti dhagaʼamee taʼuu qaba.

Obomboleettiin rooba makate galaana irratti yeroo kaʼetti, maleekaan tokko namoonni doonicha irra jiran hunda balaa sana irraa akka oolan Phaawulosiif mirkaneesse (keeyyata 5 ilaali)

5. Yihowaan karaa maleekaa tokkoo Phaawulosiin kan gargaare akkamitti? (Fakkii qola isaa irra jiru ilaali.)

5 Phaawulos rakkinni kan biraan akkamii isa mudateera? Haalawwan kun Yerusaalemitti erga taʼanii gara waggaa lamaa booda, Phaawulos doonii Xaaliyaanii deemu yaabbatee kan ture siʼa taʼu, doonichi obomboleettii cimaadhaan waan rukutameef, hojjettoonnii fi imaltoonni doonichaa lubbuudhaan akka hin oolle isaanitti dhagaʼamee ture. Taʼus, Phaawulos hin sodaanne. Maaliifi? Warra doonicha keessa jiraniin akkas jedheera: “Eda galgala Waaqayyo inni ani kan isaa taʼee fi tajaajila qulqulluu isaaf dhiheessu maleekaa isaa ergee, ‘Yaa Phaawulos, hin sodaatin. Ati Qeesaar dura ni dhaabbatta; kunoo, Waaqayyo siif jedhee warra sii wajjin deemaa jiran hunda ni oolcha’ naan jedhe.” Yihowaan waadaa duraan karaa Yesuus Phaawulosiif kenne irra deebiʼee akka isaaf mirkaneessu maleekaa tokkotti fayyadameera. Eeyyee, Phaawulos akkuma Yihowaan waadaa isaaf gale Roomaa gaʼeera.—HoE. 27:20-25; 28:16.

6. Waadaa Yesuus kenne isa kamtu nu jabeessuu dandaʼa? Maaliif?

6 Nuti hoo gargaarsa akkamii arganna? Yesuus akkuma Phaawulosiin gargaare nuunis nu gargaara. Fakkeenyaaf, Yesuus warra isa duukaa buʼan hundaaf, “Ani hanga dhuma sirna kanaatti guyyaa hundumaa isinii wajjinan jira” jechuudhaan waadaa galeera. (Mat. 28:20) Jechoonni Yesuus dubbate madda jabinaa nuuf taʼu. Maaliif? Sababiin isaas guyyoota tokko tokko dandamachuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, namni jaallannu tokko yommuu duʼu, gaddi keenya guyyoota muraasaaf qofa utuu hin taʼin, waggoota hedduudhaaf nu irra turuu dandaʼa. Tokko tokko immoo sababa dullumaatiin haala rakkisaa dandamachuun isaan barbaachisuu dandaʼa. Warri kaan immoo, dhiphina isaan mudateen akka liqimfaman isaanitti dhagaʼama. Taʼus, Yesuus jireenya keenya keessatti yeroo rakkisaa dabalatee, “guyyaa hundumaa” akka nu wajjin jiru waan beeknuuf, jabina dandamachuuf nu gargaaru argachuu dandeenya.—Mat. 11:28-30.

Tajaajila dirree irratti maleekaan tokko hiriyoota gaaʼelaa tokko gara mana tokkootti yommuu qajeelchu. Namni manicha keessa jiru kadhachaa jira.

Hojii lallabaa irratti yommuu hirmaannu maleekonni gargaarsaa fi qajeelfama nuuf kennu (Keeyyata 7 ilaali)

7. Akka Mulʼanni 14:6 jedhutti Yihowaan yeroo harʼaa kan nu gargaaru akkamitti?

7 Dubbiin Waaqayyoo Yihowaan karaa maleekota isaa akka nu gargaaru nuuf mirkaneessa. (Ibr. 1:7, 14) Fakkeenyaaf, ‘misiraachoo Mootummichaa’ namoota ‘saba, gosaa fi qooqa hundumaa’ keessaa taʼaniif yommuu lallabnu deggersaa fi qajeelfama nuuf kennu.—Mat. 24:13, 14; Mulʼata 14:6 dubbisi.

GARGAARSA NAMOOTA AANGOO QABAN IRRAA ARGAMU

8. Yihowaan ajajaa loltootaa tokkoon Phaawulosiin kan gargaare akkamitti?

8 Phaawulos gargaarsa akkamii argate? Dh.K.B. bara 56⁠tti Yesuus, Phaawulos akka Roomaa gaʼu isaaf mirkaneessee ture. Haa taʼu malee, Yihudoonni Yerusaalem jiran tokko tokko dhokatanii isa reebuu fi isa ajjeesuuf karoorfatanii turan. Ajajaan loltootaa Roomaa Qalaawudewos Liisiyaas waaʼee karoora isaanii yommuu beeku, Phaawulosiin oolche. Achiis yeruma sana Qalaawudewos, Phaawulosiin loltoota hedduudhaan eegsisee Qisaariyaa ishii Yerusaalem irraa kiilomeetira 105 fagaatutti erge. Qisaariyaatti Bulchaan Feeliksi jedhamu Phaawulos, “mana mootummaa Heroodis keessatti akka eegamu” ajaje. Iddoo kanatti Yihudoonni Phaawulosiin ajjeesuu barbaadan isa argachuu hin dandaʼan.—HoE. 23:12-35.

9. Feesxos inni bulchaa taʼe Phaawulosiin kan gargaare akkamitti?

9 Waggaa lama booda Phaawulos amma iyyuu Qisaariyaatti akkuma hidhametti jira ture. Feesxos, Feeliksiin bakka buʼuudhaan bulchaa taʼee ture. Yihudoonni Phaawulos Yerusaalemitti geeffamee murtiitti akka dhihaatu akka godhu Feesxosiin kan kadhatan taʼus, inni garuu tole isaaniif hin jenne. Tarii bulchaan kun kana kan godhe Yihudoonni ‘riphanii karaa irratti isa ajjeesuuf akka karoorfatan’ beekee taʼuu dandaʼa.—HoE. 24:27–25:5.

10. Phaawulos Qeesaar duratti murtiitti dhihaachuuf ol iyyannoo yommuu dhiheesse Feesxos maal godhe?

10 Yeroo booda, Phaawulos Qisaariyaatti murtiitti dhihaate. Feesxos “Yihudoota biratti jaallatamuu” waan barbaadeef, “Gara Yerusaalemitti ol baatee . . . achitti na duratti murtii argachuu barbaaddaa?” jedhee Phaawulosiin gaafate. Phaawulos tarii Yerusaalemitti ajjeefamuu akka dandaʼu waan hubateef, lubbuu isaa oolfatee Roomaa dhaquudhaan, tajaajila isaa raawwachuuf maal gochuu akka qabu beeka ture. “Ani Qeesaaritti ol iyyadheera!” jedhe. Feesxos gorsitoota isaa wajjin erga mariʼatee booda, “Qeesaaritti waan ol iyyatteef, gara Qeesaar ni dhaqxa” isaan jedhe. Murtii gaariin Feesxos kenne Phaawulosiin diinota isaa irraa oolcheera. Yeroo booda, Phaawulos fagaatee deemuudhaan Roomaa bakka Yihudoota isa ajjeesuu barbaadan irraa fagoo taʼe dhaqa.—HoE. 25:6-12.

11. Phaawulos jechoota Isaayyaas barreessee fi nama jajjabeessan kam irratti yaadee taʼuu dandaʼa?

11 Phaawulos Xaaliyaaniitti imaluuf eeggachaa kan ture siʼa taʼu, yeroo kanatti, akeekkachiisa Isaayyaas raajichi geggeessaa hafuuraatiin warra Yihowaa morman ilaalchisee, “Karoora baafadhaa, garuu ni fashalaaʼa! Wanta barbaaddan jedhaa, garuu hin milkaaʼu; Sababiin isaas, Waaqayyo nuu wajjin jira!” jedhee dubbate irratti yaadee taʼuu dandaʼa. (Isa. 8:10) Phaawulos Waaqayyo akka isa gargaaru beeka ture, kunis qorumsa fuulduratti isa mudatuuf isa cimsee taʼuu qaba.

Phaawulosii fi hidhamtoonni kaan doonicha keessa dhaabachaa jiru. Ajajaan dhibbaa raayyaa Roomaa tokko loltuu kan biraa cuubee qabatee jiru isaan eegaa jira.

Yihowaan akkuma kanaan dura godhe, harʼas tajaajiltoota isaa eeguuf warra aangoo qaban kakaasuu dandaʼa (Keeyyata 12 ilaali)

12. Yuuliyoos Phaawuloosiin kan qabe haala akkamiitiin ture? Kanaan kan kaʼe Phaawulos maal hubatee taʼuu dandaʼa?

12 Phaawulos imala Xaaliyaaniitti godhu kan jalqabe Dh.K.B. bara 58⁠tti ture. Hidhamaa waan taʼeef, aangoo ajajaa dhibbaa loltuu Roomaa Yuuliyoos jedhamu jala galfame. Yeroo sanaa kaasee Yuuliyoos isa dhiphisuu ykn gaarummaa isatti argisiisuu ni dandaʼa ture. Maarree aangoo isaa akkamitti itti fayyadame? Guyyaa itti aanutti yommuu doonii irraa buʼan, ‘Yuuliyoos Phaawulositti gaarummaa argisiisuudhaan gara michoota isaa akka dhaqu isaaf heyyame.’ Booda Yuuliyoos lubbuu Phaawulos illee oolcheera. Akkamitti? Loltoonni doonicha irra turan hidhamtoota hunda ajjeesuu barbaadanii kan turan taʼus, Yuuliyoos isaan dhowwe. Maaliif? “Phaawulosiin oolchuuf waan murteesseef” ture. Phaawulos Yihowaan isa gargaaruu fi isa eeguuf loltuu gaarummaa qabu kanatti fayyadamaa akka ture hubatee taʼuu hin oolu.—HoE. 27:1-3, 42-44.

Egduun hidhamtootaa, loltuu aare tokko dhowwaa jira. Loltuun sun obboleessa kadhachaa jirutti iyyaa jira.

Keeyyata 13 ilaali

13. Yihowaan namoota aangoo qabanitti kan fayyadamu akkamitti taʼuu dandaʼa?

13 Nuti hoo gargaarsa akkamii arganna? Kaayyoo isaa wajjin kan wal simu yeroo taʼutti, Yihowaan hafuura qulqulluu isaa isa humna guddaa qabutti fayyadamee, namoonni aangoo qaban fedhii isaa akka raawwatan gochuu dandaʼa. Solomoon Mootichi, “Garaan mootii harka Yihowaa irratti akkuma bishaan yaaʼuu ti. Inni gara barbaadetti isa ni qajeelcha” jedhee barreesseera. (Fak. 21:1) Kun maal jechuu dha? Namoonni bishaan jalʼisanii wanta karoorfatan tokko ittiin raawwachuuf boʼoo qotuu dandaʼu. Haaluma wal fakkaatuun, Yihowaanis yaada bulchitootaa kallattii barbaadetti jalʼisee kaayyoo isaa wajjin wal simsiisuuf hafuura isaatti fayyadama. Yeroo akkas taʼutti, namoonni aangoo qaban murtoo saba Waaqayyoo fayyadu gochuuf kakaʼu.—Izraa 7:21, 25, 26 wajjin wal bira qabii ilaali.

14. Hojiin Ergamootaa 12:5 akka jedhutti waaʼee eenyuufaa kadhachuu dandeenya?

14 Maal gochuu dandeenya? Murtoo jireenyaa fi tajaajila Kiristiyaana keenya tuqu yommuu godhanitti, “moototaa fi warra aangoo qaban hundumaatiif” kadhachuu dandeenya. (1 Xi. 2:1, 2; Nah. 1:11) Akkuma Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa godhan, nutis obbolootaa fi obboleettota keenya mana hidhaa jiraniif cimsinee Waaqayyoon kadhanna. (HoE. 12:5 dubbisi; Ibr. 13:3) Kana malees, eegdota mana hidhaa obbolootaa fi obboleettota keenya toʼatan ilaalchisee kadhachuu dandeenya. Namoonni kun akkuma Yuuliyoos gochuuf akka kakaʼanii fi obboloota keenya mana hidhaa jiranitti, ‘gaarummaa akka argisiisan’ yaada isaanii irratti dhiibbaa akka godhu Yihowaa kadhachuu ni dandeenya.—HoE. 27:3.

GARGAARSA OBBOLOOTA IRRAA ARGAMU

15-16. Yihowaan karaa Arisxaarkosii fi Luqaas Phaawulosiin kan gargaare akkamitti ture?

15 Phaawulos gargaarsa akkamii argate? Phaawulos gara Roomaatti imalaa yeroo turetti, gargaarsa Yihowaan karaa obboloota isaa isaaf godhu yeroo baayʼee argateera. Mee fakkeenyota tokko tokko haa ilaallu.

16 Obboloonni amanamoon lama Arisxaarkosii fi Luqaas, Phaawulosii wajjin Roomaa deemuuf murteessanii turan.b Namoonni kun nagaadhaan Roomaa akka gaʼan Yesuus tokkoo isaaniitiif illee waadaa akka gale wanti argisiisuu jiraachuu baatus, Phaawulosii wajjin deemuuf lubbuu isaanii balaadhaaf saaxilanii turan. Lubbuudhaan akka oolan kan baran deemsa rakkisaa erga godhanii booda ture. Kanaafuu, Luqaasii fi Arisxaarkos Qisaariyaatti yommuu doonii yaabbatan, Yihowaan karaa obboloota ija jabeeyyii kana lamaaniin gargaarsa isaaf gochuu isaatti, Phaawulos kadhannaa garaadhaa madde dhiheessuudhaan isa galateeffatee taʼuu qaba.—HoE. 27:1, 2, 20-25.

17. Yihowaan karaa obboloota isaa Phaawulosiin kan gargaare akkamitti?

17 Phaawulos deemsa isaa irratti yeroo hedduu obboloota irraa gargaarsa argateera. Fakkeenyaaf, buufata doonii Siidoonitti Yuuliyoos, Phaawulos, “gara michoota isaa dhaqee gargaarsa akka argatu isaaf heyyamee” ture. Boodas magaalaa Photiyoliitti, Phaawulosii fi michoonni isaa, ‘obboloota kan argatan yeroo taʼu, isaanis guyyaa torbaaf isaanii wajjin akka turan isaan kadhataniiru.’ Kiristiyaanonni iddoowwan kana jiran Phaawulosii fi michoota isaatiif wanta barbaachisu yommuu godhanitti, Phaawulos warra isa keessumsiisan kanatti muuxannoo nama jajjabeessu himuudhaan gammachuu guddaa isaaniif argamsiisee taʼuu qaba. (Hojii Ergamootaa 15:2, 3 wajjin wal bira qabii ilaali.) Phaawulosii fi michoonni isaa erga jajjabaatanii booda imala isaanii itti fufan.—HoE. 27:3; 28:13, 14.

Phaawulos inni hidhamee jiru loltootaa wajjin deemaa jira. Obboloonnii fi obboleettonni Roomaadhaa dhufan hoʼisanii nagaa isa gaafachaa jiru.

Akkuma Phaawulos, nutis gargaarsa Yihowaa karaa obboloota keenyaa ni arganna (Keeyyata 18 ilaali)

18. Phaawulos Waaqayyoon akka galateeffatuu fi akka jajjabaatu maaltu isa kakaase?

18 Phaawulos Roomaa deemaa yeroo turetti, wanta waggaa sadii dura gumii magaalichatti argamuuf, “waggoota hedduudhaaf hawwaan ture” jechuudhaan barreesse yaadee taʼuu qaba. (Rom. 15:23) Taʼus, hidhamee akka achi dhaqu hin eegne ture. Obboloonni Roomaa nagaa isa gaafachuuf karaa irratti isa eegaa akka jiran yommuu argu baayʼee jajjabaatee taʼuu qaba. “Phaawulos yommuu isaan argu Waaqayyoon galateeffate; akkasumas jajjabina argate.” (HoE. 28:15) Phaawulos obboloonni isaa achitti argamuu isaaniitti Waaqayyoon akka galateeffate hubadhaa. Maaliif? Sababiin isaas, Phaawulos ammas Yihowaan karaa obboloota isaa isa gargaaraa akka jiru hubateera.

Obboleettiin tokko hiriyoota gaaʼelaa hospitaalatti abbaa manaa ishii gaafachuu dhufan miira hoʼaadhaan yommuu simattu. Hiriyoonni gaaʼelaa kun nyaata muraasa isaaniif fidaniiru.

Keeyyata 19 ilaali

19. Akka 1 Pheexiros 4:10 jedhutti Yihowaan warra gargaarsi barbaachisu gargaaruuf nutti fayyadamuu kan dandaʼu akkamitti?

19 Maal gochuu dandeenya? Gumii keessan keessaa obbolootaa fi obboleettota dhukkubaan ykn haala rakkisaa kan biraatiin, dhiphachaa jiran beektuu? Tarii immoo namoonni kun kan dhiphatan nama jaallatan duʼaan dhabanii taʼuu dandaʼa. Nama gargaarsi barbaachisu tokko kan beeknu yoo taʼe, dubbii gaarummaa qabu dubbachuuf ykn gocha gaarummaa raawwachuuf akka nu gargaaru Yihowaa gaafachuu dandeenya. Jechii fi gochi keenya jajjabina obboleessa ykn obboleettii keenyaaf barbaachisu taʼuu dandaʼa. (1 Pheexiros 4:10 dubbisi.)c Warri nuti isaan gargaarru, waadaa Yihowaan, “Ani matumaa si hin dhiisu, matumaas si hin gatu” jechuudhaan gale irratti deebiʼanii amanannaa qabaachuu dandaʼu. Kun gammachuun akka sitti dhagaʼamu hin godhuu?

20. Amanannaadhaan “Yihowaan gargaaraa koo ti” jechuu kan dandeenyu maaliifi?

20 Akkuma haala Phaawulosii fi michoota isaa irratti mulʼate, nutis deemsa jireenyaaf goonu irratti obomboleettii cimaa keessa imalla jechuun ni dandaʼama. Taʼus, Yihowaan waan nu wajjin jiruuf jajjabina akka argannus beekna. Inni karaa Yesuusii fi maleekota isaa gargaarsa nuuf kenna. Akkasumas kaayyoo isaa wajjin kan wal simu yoo taʼe, Yihowaan namoota aangoo qabanitti fayyadamee gargaarsa nuuf gochuu dandaʼa. Kana malees, akkuma baayʼeen keenya dhuunfaatti hubanne, Yihowaan obbolootaa fi obboleettota keenya akka gargaaraniif hafuura isaatti fayyadamee garaa tajaajiltoota isaa kakaasuu dandaʼa. Kanaafuu, akkuma Phaawulos amanannaadhaan, “Yihowaan gargaaraa koo ti; ani hin sodaadhu. Namni maal na gochuu dandaʼa?” jechuuf sababii quubsaa qabna.—Ibr. 13:6.

MAAL JETTEE DEEBISTA?

  • Yesuusii fi maleekota irraa gargaarsa akkamii arganna?

  • “Warra aangoo qaban” ilaalchisee kadhannaa keenya irratti maal ibsuu dandeenya?

  • Obboloota keenya gargaarsi isaan barbaachisu akkamitti gargaaruu dandeenya?

FAARFANNAA 38 Inni Si Jabeessa

a Mata dureen kun karaawwan Yihowaan haalawwan rakkisoo akka dandamatu Phaawulos ergamaa itti gargaare sadii ibsa. Akkaataa Yihowaan kanaan dura Gargaaraa taʼuu isaa itti argisiise qoruun keenya, yeroo harʼaa yommuu rakkoowwan nu mudatanitti Yihowaan akka nu gargaaru amanannaa qabnu nuu cimsa.

b Arisxaarkosii fi Luqaas Phaawulosii wajjin deemaa turaniiru. Namoonni amanamoon kun yeroo Phaawulos Roomaatti hidhamee tures isa bira turan.—HoE. 16:10-12; 20:4; Qol. 4:10, 14.

c Masaraa Eegumsaa Amajjii 15, 2009, ful. 13-14, key. 5-9 ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi