Faarfannaa 27
Yihowaa Deggeri!
1. Burjaajofneefi gaddinee turree,
Xoofoo amantii sobaarraa dhugnee;
Waa’ee Mootummichaa dhaggeeffannee
Amma baay’ee gammanne gammanne.
(WALLEE)
Yihowaa deggerii;
Itti of laadhuu.
Matumaa sin gatu;
Ifaan jiraadhu.
Dubbadhu dubbadhu
Nagaaf birmaduu.
Bulchiinsi Kiristos
Haa babal’atuu.
2. Garaa guutuudhaan Waaqaaf hojjenna,
Dhugaasaa nama hundatti himna,
Obbolootaa wajjin isa jajnaa,
Ni faarfanna maqaasaa faarfanna.
(WALLEE)
Yihowaa deggerii;
Itti of laadhuu.
Matumaa sin gatu;
Ifaan jiraadhu.
Dubbadhu dubbadhu
Nagaaf birmaduu.
Bulchiinsi Kiristos
Haa babal’atuu.
3. Hin sodaannu gochawwan Seexanaa.
Yihowaan nu gargaara ni beekna.
Lakkofsi keenya xinnoo ta’uyyuu,
Waaqni nu hin gatu yoomumayyuu.
(WALLEE)
Yihowaa deggerii;
Itti of laadhuu.
Matumaa sin gatu;
Ifaan jiraadhu.
Dubbadhu dubbadhu
Nagaaf birmaduu.
Bulchiinsi Kiristos
Haa babal’atuu.
(Dabalataan Far. 94:14; Fak. 3:5, 6; Ibr. 13:5 ilaali.)