LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • bt ful. 2
  • Xalayaa Qaama Olaanaarraa Ergame

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Xalayaa Qaama Olaanaarraa Ergame
  • Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • “Hanga Andaara Lafaatti”
    Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
  • Guutummaatti Dhugaa Ba’uuf Murteessaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Hojii Ergamootaa 1:8—“Humna ni Argattu”
    Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti Kenname
  • Yeroo Ammaatti Saba Waaqayyoo Geggeessaa kan Jiru Eenyu?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
Dabalataan Ilaaluuf
Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
bt ful. 2

Xalayaa Qaama Olaanaarraa Ergame

Labsaa Mootummichaa Jaallatama:

Mee ergamoota Gaara Ejersaarra dhaabbatanii jiran keessaa tokko akka taatetti yaadi. Achiis Yesuus isinitti mulʼate. Gara samiitti yommuu ol baʼuuf jedhu, “Yommuu hafuurri qulqulluun isin irra buʼu humna ni argattu; Yerusaalemitti, guutummaa Yihudaa fi Samaariyaatti, akkasumas hanga andaara lafaatti dhugaa baatota koo ni taatu” isiniin jedhe. (HoE. 1:8) Yeroo kanatti maaltu sitti dhagaʼama?

Tarii hojiin isiniif kenname kun humna keessanii ol akka taʼe sitti dhagaʼama taʼa. Tariimmoo, ‘Nuti barattoonni lakkoofsi keenya muraasa taʼe hanga handaara lafaatti dhugaa baʼuu kan dandeenyu akkamitti?’ jettee yaadda taʼa. Akeekkachiisa Yesuus galgala duʼuu isaa dura turetti akkana jechuudhaan kenne ni yaadatta taʼa: “Garbichi tokko gooftaa isaa hin caalu. Isaan na ariʼataniiru yoo taʼe, isiniinis ni ariʼatu; dubbii koo eeganiiru yoo taʼe, dubbii keessanis ni eegu. Haa taʼu malee, isaan isa na erge sana waan hin beekneef, sababii maqaa kootiin wantoota kana hunda isin irratti ni raawwatu.” (Yoh. 15:20, 21) Wanta inni dubbate kanarratti yommuu xiinxaltu, ‘Utuma mormii fi ariʼatamni akkasii narra gaʼuu guutummaatti dhugaa baʼuu kanan dandaʼu akkamitti?’ jettee of gaafatta taʼa.

Obboloota keenya Joon Baarii fi Tewoodor Jaaraaz warri miseensa Qaama Olaanaa taʼan kaartaa addunyaa ilaalaa jiru. Obboleessi keenya Baar kitaaba “Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’” jedhamu qabatee.

Yeroo ammaattis, gaaffiiwwan akkasii nutti uumamuu dandaʼu. Nutis Dhugaa Baatota Yihowaa waan taaneef, hojiin nuuf kenname “hanga andaara lafaatti” ‘saboota hundumaaf’ guutummaatti dhugaa baʼuu gaafata. (Mat. 28:19, 20) Haa taʼu malee hojii kana raawwachuu kan dandeenyu akkamitti? Isayyuu immoo utuu mormiin jiruu!

Kitaabni hojii ergamootaa seenaa dinqisiisaa Dh.K.B. jaarraa jalqabaatti ergamoonnii fi kiristiyaanonni hidhatasaanii taʼan kaan gargaarsa Yihowaatiin hojii isaaniif kenname raawwachuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe ibsu qabateera. Kitaabni ati dubbisaa jirtu kun wantoota hedduu Kiristiyaanota kanarra gaʼan akka hubattuu fi hojiin lallabaa isaanii saffisaan yommuu guddatu arguu isaaniitti hangam akka gammadan beekuuf si gargaara. Wantoonni tajaajiltoota Yihowaa jaarraa jalqabaatti turanii fi sabasaa yeroo harʼaatti jiran wal fakkeessan hedduun akka jiran beekuun kee si dinqisiisuu dandaʼa. Kan wal nu fakkeessu hojicha qofa utuu hin taʼin akkaataa hojicha raawwachuuf itti gurmoofne taʼuusaas ni hubatta. Wantoota kanarratti xiinxaluun kee amantii Yihowaan kutaa jaarmiyaasaa isa lafarraa geggeessuusaa akka itti fufe qabdu akka siif cimsu hin shakkisiisu.

Kitaaba Hojii Ergamootaa kana qoruun kee, amanannaa Yihowaan akka si gargaaruu fi hafuura isaatti fayyadamuudhaan humna jabaattee dhaabbachuuf si barbaachisu akka siif kennu qabdu akka siif cimsu hawwina, akkasumas ni kadhanna. Barumsa kitaaba kanarraa argatte hojiirra oolchuun kee waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘guutummaatti dhugaa baʼuu’ fi namoonni daandii jireenya bara baraatti geessu akka argatan gargaaruu kee itti fufuuf si fayyada.—HoE. 28:23; 1 Xim. 4:16.

Obboloota kee,

Qaama Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi