LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • bm kutaa 13 ful. 16
  • Mootota Gaariifi Mootota Gadhee

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Mootota Gaariifi Mootota Gadhee
  • Macaafni Qulqulluun Dhaamsisaa Maalidha?
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Dogoggorasaarraa Barateera
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
  • Ooʼa Argisiisuu Barateera
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
  • Qabiyyee Yoonaas
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • Yoonaasiifi Qurxummii Guddicha
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
Dabalataan Ilaaluuf
Macaafni Qulqulluun Dhaamsisaa Maalidha?
bm kutaa 13 ful. 16
Mootii Israaʼel dargaggeessa taʼe

KUTAA 13

Mootota Gaariifi Mootota Gadhee

Israa’el ni hiramte. Yeroo booda mootonni hedduun Israa’eloota kan bulchan si’a ta’u, isaan keessaa baay’eensaanii amanamoo hin turre. Warri Baabilon Yerusaalemiin balleessan

AKKUMA Yihowaan raajiidhaan dubbate, Solomoon waaqeffannaa dhugaa erga dhiisee booda, Israa’el bakka lamatti hiramte. Ilmisaa Rehobi’aam inni isa booda mo’e nama hamaa ture. Kanaan kan ka’es gosoota Israa’el keessaa kurnan isa mormuudhaan, mootummaa Israa’el kaabaa hundeessan. Gosoonni lamammoo mootii teessoo Daawitirra tureef amanamoo ta’uudhaan, mootummaa Yihudaa kibbaa hundeessan.

Mootummoonni lamaan, keessumaa mootota amantii hin qabneefi abboomamoo hin taaneen kan ka’e, kan hin tasgabboofneefi rakkoowwan hedduudhaaf kan saaxilaman turan. Mootonnishee, jalqabumaa kaasanii waaqeffannaa sobaa waan babal’isaniif, Israa’el Yihudaa caalaa rakkina keessa galtee turte. Raajonni akka Eliyaasiifi Elsaa’i warra du’an kaasuu dabalatee wantoota gurguddaa kan raawwatan ta’us, Israa’el gochawwan gadhee raawwachuushee itti fufteetti. Dhumarrattis, Waaqayyo warri Asor mootummaa kaabaa akka balleessan heyyame.

Yihudaan erga Israa’el balleeffamtee booda gara jaarraa tokkoo kan turte ta’ullee, Waaqayyo ishees adabeera. Akeekkachiisa raajota Waaqayyoo fudhatanii, sabicha gara Yihowaatti deebisuuf carraaqqii kan godhan mootota Yihudaa muraasa qofa turan. Fakkeenyaaf Yosiyaas Mootichi Yihudaa keessaa waaqeffannaa sobaa balleessee, mana qulqullummaa Yihowaa deebisee ijaarsiseera. Seerri Waaqayyo jalqaba karaa Musee kenne yommuu argamu, Yosiyaas garaansaa waan tuqameef waaqeffannaa kana deebisee dhaabuuf duula jalqabe itti fufe.

Kana nama gaddisiisu garuu, mootonni Yosiyaas booda ka’an fakkeenyasaa isa gaarii hin hordofne. Kanaaf, Yihowaan sabni Baabilon, Yerusaalemiifi mana qulqullummaa achitti argamu dabalatee, Yihudaa akka balleessan heyyame. Warri badiisicharraa hafanimmoo, booji’amanii gara Baabilon geeffaman. Waaqayyo waggaa 70f boojuudhaan akka turan raajiidhaan dubbate. Yihudaan hanga Israa’eloonni biyyasaaniitti deebi’anitti ona taatee turteetti.

Haata’u malee, sana booda hanga Fayyisaan jechuunis Masiihichi abdachiifame bulchuu jalqabutti, sanyii Daawit keessaa eenyuyyuu mootii hin taane. Mootota Yerusaalemiin bulchan keessaa baay’eensaanii, ilmaan namootaa bulchuuf ga’eessota akka hin taane mirkaneessaniiru. Dhugumaan ga’umsa kan qabu Masiihicha qofadha. Kanaan kan ka’es Yihowaan mootii sanyii Daawit keessaa dhumarratti mo’een, “Gonfoos of irraa fuudhi! . . . hamma abbaan firdii sun dhufee, ani isatti kennutti hin ta’u” jedheera.—Hisqi’el 21:26, 27.

— Mootota Isa Duraa; Mootota Isa Lammaffaa; 2 Seenaa boqonnaa 10 hanga 36 fi Ermiyaas 25:8-11⁠rratti kan hundaa’e.

  • Israa’el kan hiramte akkamitti? Mootummoota hiraman lamaanirra maaltu ga’e?

  • Bulchiinsa sanyii Daawitirra maaltu ga’e? Maaliif?

  • Seenaan Yoonaas waa’ee Yihowaa maal nu barsiisa? (Saanduqicha ilaali.)

Yoonaas

Yeroo mootummichi hirametti, Waaqayyo namoota hamoo magaalaa Nanawwee ishee fagootti argamtu keessa jiran akeekkachiisuuf Yoonaasiin erge. Yoonaas garuu, markaba yaabbatee bakka gara biraa dhaqe. Yeroo kanatti Waaqayyo qurxummii guddaan tokko Yoonaasiin akka liqimsu gochuudhaan dinqii raawwate. Yoonaas utuu garaa qurxummichaa keessa jiruu, Yihowaatti kadhannaa dhiheesse; Yihowaanis qurxummichi lafa gogaarratti akka isa tufu godhe. Sana booda Yoonaas hojii isaa kenname ni raawwate.

Waaqayyo Yoonaas akka abboomamu karaa kanaan erga isa barsiisee booda, ammas rakkinni garabiraan ni uumame. Yoonaas namoota Nanawweetiif kan lallabe ta’uyyuu, namoonni sun qalbii waan gedderataniif Yihowaan gara laafinaan kaka’ee isaan balleessuurraa of qusachuusaatti baay’ee gadde. Waaqayyo akkamitti Yoonaasiin gara laafina akka barsiise hubachuuf, macaafa baay’ee nama dinqisiisu kana dubbisi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi