KUTAA 15
Raajiin Booji’ame Tokko, Waa’ee Gara Fuulduraa Mul’ata Arge
Daani’el, waa’ee Mootummaa Waaqayyoofi waa’ee dhufaatii Masiihichaa raajii dubbateera. Baabilon ni kufte
DARGAGGEESSA amanamaa kan ture Daani’el, Yerusaalem balleeffamuushee dura booji’amee gara Baabilonitti geeffame. Inniifi Yihudoonni mootummaa Yihudaa isa balleeffame keessaa booji’aman tokko tokko, warra isaan booji’an biratti hamma tokko mirga argatanii turan. Daani’el waggoota dheeraadhaaf Baabilon kan jiraate si’a ta’u, boolla leencotaa keessatti akka hin duune Waaqayyo isa eegeera; wanta gara fuulduraatti raawwatamu ilaalchisees mul’ata isatti argisiisuudhaan baay’isee isa eebbiseera. Raajiin Daani’el dubbate inni guddaan, Masiihichaafi Bulchiinsasaarratti kan xiyyeeffatudha.
Daani’el yeroo Masiihichi itti dhufu hubate. Daani’el, sabni Waaqayyoo dhufaatii “geggeessituu isa dibamee moosifame” yoom eeguu akka qaban dubbateera. Dallaan Yerusaalem deebi’ee akka ijaaramu ajajni erga ba’ee kaasee, waggaa torba si’a 69 booda kun akka ta’u ibseera. Abboommiin sun kan ba’e, bara Daani’el turerraa yeroo dheeraa booda, jechuunis Dh.K.D. bara 455tti ture. Yeroo sanaa jalqabee waggaa torba si’a 69 jechuunis waggaa 483 yoo lakkoofne, Dh.K.B. bara 29rra geenya. Boqonnaan itti aanu, yeroo kanatti maaltu akka raawwatame ibsa. Daani’el, Masiihichi aarsaa cubbuutiif ‘akka lafarraa balleeffamu’ ykn akka ajjeefamu raajii dubbateera.—Daani’el 9:24-26.
Masiihichi samiirratti Mootii ta’a. Daani’el, mul’ata adda ta’een samiirratti, “ilma namaa kan fakkaatu” Masiihichi gara teessoo Yihowaatti yeroo dhiheeffamu argeera. Yihowaanis ‘gooftummaa, ulfinaafi mootummaa’ isaaf kenne. Mootummaan kun barabaraan jiraata. Daani’el, waa’ee Mootummaa Masiihichaa wanta nama gammachiisu garabiraas ilaaleera. Innis, Mootichi bulchiinsasaa “warra isa hundumaa gararraa jiruuf qulqullaa’aniif” akka hiru kan dubbatudha.—Daani’el 7:13, 14, 27.
Mootummichi bulchiinsota biyya lafaa ni balleessa. Waaqayyo, abjuu Nebukadnezaar mootii Baabiloniin rakkise akka isaaf hiiku, Daani’eliif dandeettii kenne. Mootichi fakkii bifa nama guddaa tokkoo arge. Mataan fakkichaa warqee, qomniifi harkisaa lamaan meetii, garaafi mudhiinsaa sibiila diimaa, gudeedisaa sibiila, jilbasaatii gad gar tokko sibiila, garri kaanimmoo suphee ture. Dhagaan tokko tulluurraa fottoqee, miilla fakkichaa rukutee guutummaa fakkichaa caccabse. Daani’el, qaamni fakkichaa mootota addunyaa warra irraa jalaan ka’an kan argisiisu ta’uusaa ibseera. Kunis bulchiinsa Baabilon isa warqeetti fakkeeffamerraa jalqabe. Daani’el, yeroo mootonni bara dhumaa isa hamaa kanatti bulchan, Mootummaan Waaqayyoo tarkaanfii akka fudhatu raajii dubbateera. Mootummaan kun bulchiinsota biyya lafaa hunda ni caccabsa. Sana booda barabaraan bulcha.—Daani’el boqonnaa 2.
Daani’el bara dullumaasaatti kufaatii Baabilon argeera. Akkuma raajonni dubbatan, Qiiros Mootichi magaalattii injifate. Yihudoonni sana booda utuu baay’ee hin turin boojuudhaa deebi’anii, biyyasaanii ishee waggaa 70f ona turtetti deebi’an. Yihudoonni, qajeelfama bulchitoota, lubootaafi raajota amanamoo fudhatanii, yeroo booda Yerusaalemiifi mana qulqullummaa Yihowaa deebisanii ijaaran. Waggoonni 483 erga darbanii booda maaltu ta’eree?
— Macaafa Daani’el irratti kan hundaa’e.