LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • bm kutaa 17 ful. 20
  • Yesus Waa’ee Mootummaa Waaqayyoo Barsiise

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yesus Waa’ee Mootummaa Waaqayyoo Barsiise
  • Macaafni Qulqulluun Dhaamsisaa Maalidha?
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yesus Waa’ee Mootummaa Waaqayyoo Maal Barsiise?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Yesus Du’aa Ka’e!
    Macaafni Qulqulluun Dhaamsisaa Maalidha?
  • Mootummaa Waaqayyoo Ilaalchisee Dhugaa Jiru
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2020
  • Yesuus Kiristoos Eenyu?
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
Dabalataan Ilaaluuf
Macaafni Qulqulluun Dhaamsisaa Maalidha?
bm kutaa 17 ful. 20
Yesuus uummata barsiisaa jira

KUTAA 17

Yesus Waa’ee Mootummaa Waaqayyoo Barsiise

Yesus bartootasaa waan hedduu kan barsiise ta’us, barumsisaa Mootummaa Waaqayyoorratti kan xiyyeeffate ture

YESUS gara lafaa kan dhufe maaliifi? “Misraachoo mootummaa Waaqayyoo . . . lallabuun ana irra jira, kanaaf anuu ergame” jechuudhaan dubbateera. (Luqaas 4:43) Mootummaa Waaqayyoo isa ijoo lallabasaa ta’e ilaalchisee, wantoota inni barsiise arfan ilaali.

1. Yesus Mootii ta’uusaa. Yesus Masiihicha raajiidhaan dubbatame ta’uusaa ibseera. (Yohannis 4:25, 26) Mootiin Daani’el raajichi mul’ataan arges isa akka ta’e dubbateera. Yesus, gara fuulduraatti “ulfina isaatiin teessoo irra” akka taa’uufi ergamoonnisaas teessoowwanirra akka taa’an isaanitti himeera. (Maatewos 19:28) Bulchitoota kana, “karra xinnayyoo” jedhee kan waame si’a ta’u, “hoolota kan biraa” tuuta kanaan ala ta’anis akka qabu ibseera.—Luqaas 12:32; Yohannis 10:16.

2. Mootummaan Waaqayyoo firdii qajeelaa kan argamsiisu ta’uusaa. Yesus Mootummaan kun, maqaa Yihowaa qulqulleessuufi arrabsoo Seexanni Eedenii jalqabee maqaa kanarra tuulerraa walaba gochuudhaan, murtoo qajeelaa isa guddaa akka raawwatu dubbateera. (Maatewos 6:9, 10) Yesus dhiirotaafi dubartoota, sooreyyiifi hiyyeessota loogii tokko malee barsiisuudhaanis, namoota akka wal hin caalchifne argisiiseera. Yesus adda durummaadhaan Israa’eloota barsiisuuf kan ergame ta’us, namoota Samaariyaa, warra saba Waaqayyoo ykn Yihudoota hin taanes gargaaruuf carraaqqii godheera. Geggeessitoota amantii bara sanaarraa haala adda ta’een, karaa kamiiniyyuu looguurraa fagaateera.

3. Mootummaan Waaqayyoo kan biyya lafaa akka hin taane. Yesus kan jiraate yeroo jeequmsi siyaasaa guddaan turettidha. Biyyisaa bittaa biyya ormaa jala turte. Ta’us, yeroo namoonni dhimma siyaasaa keessatti isa hirmaachisuuf yaalii godhan isaan dhiisee baqateera. (Yohannis 6:14, 15) Nama siyaasaa tokkoon, “Mootummaan inni kan kootii mootummaa biyya lafa kanaa miti” jedheera. (Yohannis 18:36) Duuka buutotasaatiin ‘Isin kan biyya lafaa miti’ jedheera. (Yohannis 15:19) Duuka buutonnisaa miidhaa namoonni isarraan ga’anirraa isa oolchuufillee meeshaa waraanaatti akka hin fayyadamne isaan dhowweera.—Maatewos 26:51, 52.

“Yesus . . . gandeen keessa adeemee, mootummaa Waaqayyoo labsaa misraachoo himaa ture.”—Luqaas 8:1

4. Bulchiinsi Kiristos jaalalarratti kan hundaa’e akka ta’e. Yesus, ba’aa namootaa akka isaanirraa salphisuufi boqonnaa akka isaanii kennu waadaa galeera. (Maatewos 11:28-30) Wanta dubbate kanas raawwateera. Dhiphina mo’uu, warra kaanii wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuu, qabeenya jaallachuurraa fagaachuufi gammachuu argachuu ilaalchisee, jaalalaan kaka’ee gorsa gaarii kenneera. (Maatewos, boqonnaa 5-7) Yesus jaalala qabeessa waan ta’eef, namoonni haala addaddaa qaban isatti dhihaatu turan. Namoota cunqurfaman dabalatee, namoonni hundi gaarummaafi ulfinaan akka isaan qabu abdachuudhaan garasaa dhufu turan. Dhugumayyuu, Yesus Bulchaa gaarii nuu ta’a!

Karaa gaariin Yesus waa’ee Mootummaa Waaqayyoo itti barsiise garabiraanis jira. Dinqiiwwan hedduu raawwateera. Dinqiiwwan kana kan raawwate maaliifi? Mee haa ilaallu.

—Macaafa Maatewos, Maarqos, Luqaasiifi Yohannis irratti kan hundaa’e.

  • Yesus, Masiihicha Mootii ta’u akka ta’e kan barsiise akkamitti?

  • Yesus yommuu bulchu, firdii qajeelaa akka kennu kan argisiise karaawwan kamiini?

  • Yesus Mootummaansaa kan biyya lafaa akka hin taane kan ibse akkamitti?

  • Yesus, bulchiinsisaa jaalalarratti kan hundaa’e akka ta’u kan argisiise akkamitti?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi