KUTAA 21
Yesus Du’aa Ka’e!
Yesus duuka buutotasaa barsiisuufi jajjabeessuuf isaanitti mul’ate
YESUS du’ee guyyaa sadaffaatti, dubartoonni muraasni bartootasaa ta’an, dhagaan awwaala Yesusitti qadaadamee ture ka’uusaafi awwaalichi duwwaa ta’uusaa argan.
Ergamoonni Waaqayyoo lama isaanitti mul’atan. Isaan keessaa inni tokko, “Isin Yesus nama Naazireet . . . barbaaddu; innoo ka’eera” jedheen. (Maarqos 16:6) Yeruma sana dubartoonni sun, wanta kana ergamoota Yesusitti himuuf fiiganii adeeman. Karaarratti Yesusiin kan argatan yommuu ta’u, innis, “Hin sodaatinaa, dhaqaa Galiilaatti akka gad bu’aniif obboloota kootti himaa! Isaanis achitti na arguuf jiru” jedheen.—Maatewos 28:10.
Gaafas, bartoonni Yesus lama Yerusaalemii gara ganda Emaahus dhaqaa turan. Namichi tokko isaanitti dabalamee waa’ee maalii haasa’aa akka jiran isaan gaafate. Namni kun Yesus isa du’aa ka’e ta’us, yeroo kanatti qaama isaan hubachuu hin dandeenyeen waan isaanitti mul’ateef isa beekuu dadhaban. Isaanis waa’ee Yesus dubbachaa akka turan gaddaan itti himan. Namichis, wanta Caaffanni Qulqullaa’oon hundi waa’ee Masiihichaa dubbatan isaanii ibsuu jalqabe. Dhugumayyuu Yesus raajiiwwan Masiihicha ilaalchisee dubbataman hunda guutummaatti raawwateera.a Bartoonni kun namichi, Yesus isa hafuura ta’ee du’aa ka’e ta’uusaa yommuu hubatan, isaan duraa miliqe.
Bartoonni lamaan yeruma sana Yerusaalemitti deebi’an. Achittis ergamoonni Yesus mana cufame keessatti wal ga’anii isaan argatan. Namoonni lamaan kun wanta isaan mudate utuu isaanitti himaa jiranii, Yesus isaan gidduutti mul’ate. Bartoonnisaa baay’ee waan ajaa’ibsiifataniif, kana amanuu hin dandeenye. Yesus, ‘Mamni maaliif garaa keessan keessaa ka’a?’ jedhee isaan gaafate. Achiis, “Kristosichi dhiphachuuf, guyyaa sadaffaattis du’aa ka’uuf akka jiru . . . caafameera” isaaniin jedhe.—Luqaas 24:38, 46.
Yesus erga du’aa ka’ee booda guyyaa 40f, yeroo addaddaatti bartootasaatti mul’ateera. Yeroo tokko namoota 500 olitti mul’ateera. Yesus bartootasaatiin, “Dhaqaa, . . . saba hundumaa bartoota koo godhaa! Waanan isin abboome hundumaa eeguu isaan barsiisaa! Kunoo, ani immoo hamma dhuma baraatti guyyaa hundumaa isinii wajjin nan jira” jechuudhaan, hojii guddaa kan isaanii kenne yeroo kanatti ta’uu hin oolu.—Maatewos 28:19, 20.
Yesus guyyaa dhumaa bartootasaa amanamoo 11 wajjin dabarsetti, “Hafuurri qulqulluun yommuu isin irra bu’u, humna in godhattu; . . . hamma andaara lafaattis dhuga-baatuu koo in taatu” jechuudhaan waadaa isaanii gale. (Hojii Ergamootaa 1:8) Achiis Yesus gara samiitti kan ol ba’e yommuu ta’u, duumessis isa dhokse.
—Maatewos boqonnaa 28; Maarqos boqonnaa 16; Luqaas boqonnaa 24; Yohannis boqonnaa 20 fi 21; 1 Qorontos 15:5, 6rratti kan hundaa’e.
a Raajiiwwan Masiihicha ilaalchisee dubbatamaniifi Yesusirratti raawwataman tokko tokko hubachuuf, birooshura kana fuula 17-19 akkasumas, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu fuula 199-201 ilaali.