LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • bm kutaa 19 ful. 22
  • Yesus Wantoota Addunyaa Maratti Raawwataman Ilaalchisee Raajii Dubbate

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yesus Wantoota Addunyaa Maratti Raawwataman Ilaalchisee Raajii Dubbate
  • Macaafni Qulqulluun Dhaamsisaa Maalidha?
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Ergamoonni Mallattoo Isa Gaafatan
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Armaagedoon Dhihaachuusaa Akkamitti Beekna?
    Barsiisaa Guddicharraa Baradhu
  • Argamuun Kirstos Hiika Maalii Siif Qaba?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Mootummaan Waaqayyoo Yoom Dhufa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
Dabalataan Ilaaluuf
Macaafni Qulqulluun Dhaamsisaa Maalidha?
bm kutaa 19 ful. 22
Yesuus Gaara Ejersaa irratti ergamoota isaa muraasa wajjin dubbachaa jira

KUTAA 19

Yesus Wantoota Addunyaa Maratti Raawwataman Ilaalchisee Raajii Dubbate

Yesus, yommuu ulfina mootummaasaatiin argamuufi dhumni biyya lafaa ga’u, wantoonni akkamii akka raawwataman ibseera

ERGAMOOTA Yesus keessaa afur, Gaara Ejersaa isa Yerusaalemiifi mana qulqullummaashee akka gaariitti arguuf isaan dandeessisurra taa’anii, wanta Yesus sanaan dura dubbate ilaalchisee gaaffii tokko tokko kophaatti isa gaafatan. Yesus, manni qulqullummaa Yerusaalem akka balleeffamu yeroo xinnoo dura isaanitti himeera. Sana durammoo waa’ee “dhuma biyya lafaa” isaanitti himee ture. (Maatewos 13:40, 49) Kanaan kan ka’es bartoonnisaa, “Milikkinni dhufa keetii, kan dhuma barichaas maali?” jedhanii isa gaafatan.—Maatewos 24:3.

Yesus, badiisa Yerusaalem dura maaltu akka raawwatamu isaanitti hime. Haata’u malee, deebiin inni kenne yeroo sanatti qofa raawwatamee kan hafu hin turre. Raajiin inni dubbate, yeroo boodas addunyaa maratti kan raawwatamu ture. Yesus, raajiiwwan hedduu addunyaa maratti raawwatamaniifi walitti qabamanii milikkita dhuma barichaa ta’an dubbate. Milikkinni kun, namoonni lafarra jiran, yeroo Yesus samiirratti Mootii ta’uu itti jalqabe akka hubatan isaan gargaara. Akkasumas, Yihowaan Mootummaa Masiihichaa isa yeroo dheeraa dura abdachiifamerratti Yesusiin Mootii gochuusaa argisiisa. Milikkinni kun, Mootummichi hammina balleessuudhaan ilmaan namootaatiif nagaa akka fidu kan argisiisudha. Wantoonni Yesus raajiidhaan dubbate, dhuma biyya lafaa, jechuunis dhuma sirna amantii, siyaasaafi hawaasummaa yeroo ammaatti argamuu, akkasumas jalqaba sirna haaraa argisiisu.

Yesus Mootii ta’ee yeroo samiirratti argamu, addunyaa maratti waraanni, beelli, socho’i lafaa guddaaniifi dhukkubni akka ta’u dubbateera. Seera malee jiraachuun ni babal’ata. Duuka buutonni Yesus warri dhugaan, misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo addunyaa maratti ni lallabu. Wantoonni kun hundi erga raawwatamanii booda, “rakkinni guddaan” kanaan dura ta’ee hin beekne ni dhufa.—Maatewos 24:21.

Duuka buutonni Yesus, rakkinni guddaan kun dhufuusaa akkamitti beekuu danda’u? Yesus, “Muka harbuu fakkeenya godhadhaatii irraa baraa!” jedheera. (Maatewos 24:32) Dameen muka harbuu yommuu baala godhatu, bonni dhufuusaatiif mallattoo gaarii ta’a. Haaluma wal fakkaatuun, milikkinni Yesus dubbate hundi yommuu wal faana raawwataman, dhumni dhihaachuunsaa ni beekama. Guyyaafi sa’aatii rakkinni guddaan kun itti jalqabu, Abbaa malee eenyuyyuu hin beeku. Kanaan kan ka’es Yesus, ‘Dammaqaa! Yerichi sun yoom akka ga’u hin beektan’ jechuudhaan bartootasaa gorseera.—Maarqos 13:33.

—Maatewos boqonnaa 24 fi 25; Maarqos boqonnaa 13; Luqaas boqonnaa 21⁠rratti kan hundaa’e.

  • Bartoonni Yesus waa’ee maalii caalaatti beekuu barbaadanii turan?

  • Milikkinni Yesus kenne hiiknisaa maalidha? Milikkita kana keessaa tokko tokko maal fa’i?

  • Yesus bartootasaatiif gorsa akkamii kenne?

Milikkita Argamuu Kiristos Beeksisu

Yesus, milikkita yeroon Waaqayyo sirna manca’aa kana itti balleessu dhihaachuusaa argisiisu dubbateera. Ilmaan namootaa Waraana Addunyaa Tokkoffaadhaa jalqabee, raajiin Yesus dubbate yommuu raawwatamu arganiiru. Wantoonni addunyaa maratti gama amantii, siyaasaafi hawaasummaatiin raawwatamaa jiran, atattamaan bara dhumaa isa badiisa jalaa hin oolle kana keessa galaa akka jirru argisiisu. Yesus duuka buutonnisaa kanarraa ooluuf, ‘dammaqoo ta’uufi’ gaaffii olaantummaa ilaalchisee ka’ee wajjin haala wal qabateen, Waaqayyoon deggeruu akka qaban barsiiseera.a—Luqaas 21:36; Maatewos 24:3-14.

a Raajii Yesus dubbate ilaalchisee ibsa dabalataa argachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaa’e fuula 86-95 ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi