LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lr boq. 47 ful. 244-249
  • Armaagedoon Dhihaachuusaa Akkamitti Beekna?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Armaagedoon Dhihaachuusaa Akkamitti Beekna?
  • Barsiisaa Guddicharraa Baradhu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yesus Wantoota Addunyaa Maratti Raawwataman Ilaalchisee Raajii Dubbate
    Macaafni Qulqulluun Dhaamsisaa Maalidha?
  • Mootummaan Waaqayyoo Lafa kan Bulchu Yoomi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2020
  • Yeroo Itti Lafti Jannata Taatu Dhihaateera!
    Michuu Waaqayyoo Taʼuu Dandeessa!
  • Dhumni Addunyaa Dhihaateeraa?
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
Barsiisaa Guddicharraa Baradhu
lr boq. 47 ful. 244-249

BOQONNAA 47

Armaagedoon Dhihaachuusaa Akkamitti Beekna?

MILIKKITA jechuun maal akka taʼe beekta mitii?— Boqonnaa 46ffaarratti Waaqayyo biyya lafaa kana deebiʼee bishaaniin akka hin balleessine milikkita kennuusaa dubbisnee turre. Kana malees, Yesus yoom deebiʼee akka dhufuufi dhumni biyya lafaa yoom akka taʼe akka isaanitti himu ergamoonnisaa milikkita isa gaafatanii turan.—Maatewos 24:3.

Yeroo Yesus samiirratti bulchuu jalqabu arguun waan hin dandaʼamneef, inni bulchuu akka jalqabe beekuuf milikkita arguun barbaachisaadha. Kanaaf, Yesus wantoota bartoonnisaa lafarratti dammaqinaan eeguu qaban isaanitti himeera. Wantoonni kun raawwatamuunsaanii, inni deebiʼee akka dhufeefi samiirratti Mootii taʼee bulchuu akka jalqabe argisiisa.

Yesus bartoonnisaa dammaqinaan eeguunsaanii barbaachisaa taʼuusaa isaan barsiisuuf, “Muka harbuu, mukkeetii hundumaas ilaalaa. Latuu damee isaanii ilaaltanii, bonni akka dhiʼaate in hubattu” isaaniin jedheera. Akkuma yeroo bonni dhihaatu beekuu dandeessu, wantoonni Yesus dubbate yommuu raawwataman arguudhaanis Armaagedoon dhihaachuusaa beekuu dandeessa.—Luqaas 21:29, 30.

Yesus damee muka harbuu lataa jiru harkaan qabee jira

Yesus waaʼee muka harbuu dubbachuudhaan barumsa akkamii dabarseera?

Fuula kanaafi fuula itti aanurratti, milikkitoonni Yesus Mootummaan Waaqayyoo dhihaachuusaa akka argisiisan dubbate fakkiidhaan dhihaataniiru. Akkuma Boqonnaa 46⁠rratti ilaalle, wantoonni kun hundi yommuu raawwataman, Mootummaan Waaqayyoo inni Kiristosiin bulfamu bulchiinsota kaan hunda ni balleessa.

Fakkii fuulawwan darban lamaanirra jiru akka gaariitti erga ilaaltee booda irratti haa mariʼannu. Waaʼee wantoota fakkii kanarratti ilaaltuu, Maatewos 24:6-14 fi Luqaas 21:9-11⁠rraa dubbisuu dandeessa. Lakkoofsa fakkiiwwan hundaaf kennames ilaali. Keeyyatoota waaʼee fakkii kanaa ibsanirrattis lakkoofsi kun ni argama. Mee amma, milikkinni Yesus kenne hedduunsaa yeroo ammaatti raawwatamaa kan jiru taʼuusaa haa ilaallu.

Mucaa waraanarratti hirmaachaa jiru, mucaa beelaʼee jiruu fi intala dhukkubsattee sireerra ciistee jirtu

(1) Yesus, “Lolaa fi oduu lolaa dhagaʼuuf jirtu . . . Sabni saba irratti, mootummaanis mootummaa irratti in kaʼa” jedheera. Oduu lolaa dhageessee beektaa?— Waraanni Addunyaa Tokkoffaa kan godhame bara 1914 hanga 1918itti, Waraanni Addunyaa Lammaffaammoo bara 1939 hanga 1945⁠tti ture. Sana dura waraanni addunyaa godhamee hin beeku! Yeroo ammaatti garuu addunyaa maratti waraanni godhamaa jira. Guyyaa guyyaadhaan waaʼee lolaa televijiiniirraa ni argina; raadiyoodhaan ni dhageenya akkasumas gaazexaarraa ni dubbisna jechuun ni dandaʼama.

(2) Akkasumas Yesus, “Beelli . . . iddoo adda addaatti in taʼa” jedheera. Akkuma beektu, nyaata gaʼaa kan argatu nama hunda miti. Guyyaa guyyaadhaan namoonni kumaan lakkaaʼaman nyaata gaʼaa waan hin arganneef ni duʼu.

(3) Yesus itti dabaluudhaan, “Dhaʼichis biyya hundumaatti in taʼa” jedheera. Dhaʼichi maal akka taʼe beektaa?— Dhaʼichi, dhukkuba ykn dhibee fayyaa namoota hedduu ajjeesudha. Dhaʼichi guddaan Lashee jedhamu, naannoo waggaa tokkoo qofatti gara namoota miliyoona 20 ajjeeseera. Yeroo ammaattimmoo tarii namoonni kanaa ol taʼan dhukkuba Eedsiitiin duʼu. Kaansariin, dhukkubni onneefi dhukkuboonni kaanis waggaa waggaadhaan namoota kuma hedduudhaan lakkaaʼaman ajjeesu.

(4) Yesus, “Sochoʼi lafaas iddoo adda addaatti in taʼa” jechuudhaan kutaa milikkitichaa garabiraa caqaseera. Sochiin lafaa maal akka taʼe beektaa?— Sochiin lafaa, lafa irra dhaabattu kan hurgufudha. Manneen kan jijjigsu siʼa taʼu, yeroo baayʼees namoonni ni duʼu. Bara 1914 jalqabee, waggaa waggaadhaan sochiin lafaa hedduun gaʼeera. Waaʼee sochii lafaa dhageessee beektaa?—

Namoonni kirkira lafaa jalaa yommuu baqachaa jiran

(5) Yesus ‘seera malee jiraachuun babalʼachuunsaas’ kutaa milikkitichaa garabiraa akka taʼe dubbateera. Hanniifi humnaan namarratti kaʼuun kan babalʼate kanaafidha. Namoonni bakka hundatti argaman, hattuun manasaanii cabsee akka hin seenne sodaatu. Yakkiifi humnaan namarratti kaʼuun, akka yeroo ammaatti addunyaa maratti babalʼatee hin beeku.

(6) Yesus, “Saba hundumaatti akka dhugaa baʼuuf, wangeelli mootummaa kun guutummaa biyya lafaatti in lallabama; kana booddees dhumni in dhufa” jechuudhaan kutaa milikkita kanaa isa guddaa caqaseera. (Maatewos 24:14) Faayidaa ‘wangeela’ ykn misiraachoo kanaa hubatteetta taanaan, waaʼeesaa warra kaanitti himuu qabda. Kana gochuudhaan, kutaa milikkita kanaa raawwachuurratti hirmaachuu dandeessa.

Mucaa hammeenyi irratti raawwatamee ture tokko misiraachoo mootummichaa yommuu lallabu

Namoonni tokko tokko yeroo hunda wanti Yesus dubbate raawwatamaa ture jedhu taʼa. Haataʼu malee, wantoonni kun hundi akka yeroo ammaa yeroo tokkotti addunyaa maratti raawwatamanii hin beekan. Milikkita jechuun maal jechuu akka taʼe amma sii galee?— Wantoonni kun hundi raawwatamuusaanii yommuu ilaallu, biyyi lafaa inni hamaan kun yeroo dhihootti addunyaa haaraa Waaqayyo fiduun akka bakka buufamu hubanna.

Yesus milikkita kana yommuu kennetti, waaʼee tibba adda taʼe tokkoos dubbateera. “Baqachuun keessan yeroo gannaatti . . . akka hin taaneef kadhadhaa!” jedheera. (Maatewos 24:20) Yesus maal jechuu kan barbaade sitti fakkaata?—

Namni tokko tibba gannaa haalli qilleensaa adeemsaaf mijaaʼaa hin taanetti ykn balaa geessisuu dandaʼutti utuu baqatee maaltu isarra gaʼuu dandaʼa?— Utuma balaarraa ooluu dandaʼeellee, kan oolu rakkina cimaa keessa darbeeti. Namni tokko hojiidhaan qabamee dursee baqachuu dhiisuudhaan, bokkaa cimaa qilleensa makateen utuu duʼee nama hin gaddisiisuu?—

Namoota, yeroo haalli mijataan jiru Yerusaalem keessaa baqatan

Yesus waaʼee ganna keessa baqachuu ennaa dubbatu, barumsa akkamii dabarsuusaa ture?

Yesus, baqachuudhaaf hanga ganni dhufutti turuu akka hin qabne dubbachuunsaa hiika maalii akka qabu hubattee?— Armaagedoon dhihaachuusaa erga beeknee, Waaqayyoon tajaajiluudhaan akka isa jaallannu argisiisuuf dafnee tarkaanfii fudhachuu akka qabnu nutti himuusaa ture. Dafnee tarkaanfii hin fudhannu taanaan, badiisni nurra gaʼuu kan dandaʼu taʼuusaarrayyuu, akkuma namoota yeroo Bishaan Badiisaa isa guddaatti Nohiin dhagaʼaniyyuu markabicha keessa utuu hin galin hafanii taana jechuudha.

Itti aansuudhaanimmoo haalli waraana Armaagedoon booda jiru maal akka fakkaatu ilaalla. Akkasumas, namoonni yeroo ammaatti Waaqayyoon jaallataniifi isa tajaajilan hundi maal akka argatan baranna.

Caqasawwan garabiraan Armaagedoon dhihaachuusaa argisiisan, 2 Ximotewos 3:1-5 fi 2 Phexros 3:3, 4⁠rratti argamu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi