LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • gf barumsa 6 ful. 10-11
  • Yeroo Itti Lafti Jannata Taatu Dhihaateera!

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yeroo Itti Lafti Jannata Taatu Dhihaateera!
  • Michuu Waaqayyoo Taʼuu Dandeessa!
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Lafti Jannata Kan Taatu Yoomi?
    Waaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu
  • Kan Jiraannu “Guyyoota Gara Dhumaa” Keessadhaa?
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Mootummaan Waaqayyoo Lafa kan Bulchu Yoomi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2020
  • Dhumni Addunyaa Dhihaateeraa?
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
Dabalataan Ilaaluuf
Michuu Waaqayyoo Taʼuu Dandeessa!
gf barumsa 6 ful. 10-11

BARUMSA 6

Yeroo Itti Lafti Jannata Taatu Dhihaateera!

Wantoonni gadheen lafarratti raawwatamaa jiran, yeroo dhihootti lafti Jannata akka taatu argisiisu. Macaafni Qulqulluun lafti Jannata taʼuushee dura yeroo rakkisaan akka dhufu dubbata. Amma yeroo akkasii keessa jiraanna. Macaafni Qulqulluun wantoota yeroo kanatti raawwataman keessaa tokko tokko akka armaan gadiitti ibsa:

Xiyyaara waraanaa

Waraana gurguddaa. “Sabni saba irratti, mootummaanis mootummaa irratti in kaʼa.” (Maatewos 24:7) Raajiin kun raawwiisaa argateera. Bara 1914 asitti waraanni addunyaa gurguddaan lamaafi waraanni xixinnoo hedduun godhamaniiru. Waraanota kanaanis namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman duʼaniiru.

Dhukkuba addaddaa. ‘Dhaʼichi biyya hundumaatti’ ni taʼa. (Luqaas 21:11) Raajiin kun raawwatameeraa? Eeyyee raawwatameera. Kaansariin, dhukkubni onnee, dhukkubni sombaa, busaan, Eedsiifi dhukuboonni kaan, namoota miliyoonaan lakkaaʼaman ajjeesaniiru.

Namoota dhukkubsatanii fi beela’an

Hanqina nyaataa. Addunyaa maratti namoonni nyaata gaʼaa hin arganne hedduun jiru. Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman waggaa waggaadhaan sababa beelaatiin ni duʼu. Kunis mallattoo dhiheenyatti lafti kun Jannata akka taatu argisiisu keessaa isa tokkodha. Macaafni Qulqulluun, “beellis in taʼa” jedha.—Maarqos 13:8.

Sochoʼa lafaa. ‘Sochoʼi lafaa iddoo addaddaatti in taʼa.’ (Maatewos 24:7) Raajiin kunis yeroo ammaatti raawwatamaa jira. Bara 1914 jalqabee namoonni miliyoona tokkoo ol taʼan balaa sochoʼa lafaatiin duʼaniiru.

Namicha dubartii tokkotti shugguxii qabee jiru

Namoota hamoo. Namoonni “qarshii kan jaallatan,” [NW] “ofittoo” akkasumas “Waaqayyoon jaallachuu caalaa, warra waan isaan gammachiisu jaallatan” taʼu. Ijoolleen warra “abboota isaanii fi haadhota isaaniif hin abboomamne” taʼu. (2 Ximotewos 3:1-5) Yeroo ammaatti, namoonni baayʼeen amala akkasii kan qaban sitti hin fakkaatuu? Namoonni akkasii Waaqayyoof ulfina hin kennan, namoota waaʼee Waaqayyoo barachuu barbaadanirrattis rakkina uumu.

Yakka. ‘Seera malee jiraachuun ni baayʼata.’ (Maatewos 24:12) Yakki waggoottan darbanirra caalaa babalʼachuusaa akka amantu beekamaadha. Saamichi, gowwoomsaafi dabni namoota bakka hundaatti argamanirra gaʼuu dandaʼa.

Wantoonni kun hundi Mootummaan Waaqayyoo dhihaachuusaa argisiisu. Macaafni Qulqulluun, “Kun hundinuu akka taʼu yommuu argitan, mootummaan Waaqayyoo akka dhiʼaate beekaa” jedha. (Luqaas 21:31) Mootummaan Waaqayyoo maalidha? Mootummaan kun, bulchiinsa Waaqayyoo isa lafti kun Jannata akka taatu godhudha. Bulchiinsi ilmaan namootaa Mootummaa Waaqayyootiin bakka buufama.—Daaniʼel 2:44.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi