LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp20 Lakk. 2 ful. 8-10
  • Mootummaan Waaqayyoo Lafa kan Bulchu Yoomi?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Mootummaan Waaqayyoo Lafa kan Bulchu Yoomi?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2020
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • 1. WARAANA
  • MALLATTOON KUN NUUF HIIKA AKKAMII QABA?
  • Kan Jiraannu “Guyyoota Gara Dhumaa” Keessadhaa?
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Armaagedoon Dhihaachuusaa Akkamitti Beekna?
    Barsiisaa Guddicharraa Baradhu
  • Yeroo Itti Lafti Jannata Taatu Dhihaateera!
    Michuu Waaqayyoo Taʼuu Dandeessa!
  • Dhumni Addunyaa Dhihaateeraa?
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2020
wp20 Lakk. 2 ful. 8-10
Dhugaa Baatuun takka dubartii gaarii barreeffamaa bira dhaabbatte tokkoof waraqaa afeerraa yommuu kennitu.

Mootummaan Waaqayyoo Lafa kan Bulchu Yoomi?

Duuka buutonni Yesuus amanamoo taʼan tokko tokko yeroo Mootummaan Waaqayyoo bulchuu itti jalqabu beekuu barbaadanii turan. Yesuusis Mootummichi lafa kan bulchu yoom akka taʼe sirriitti beekuu akka hin dandeenye isaanitti himuudhaan gaaffii isaaniitiif deebii kenneera. (Hojii Ergamootaa 1:6, 7) Haa taʼu malee, sana dura wantoonni tokko tokko takkaatti raawwatamuu isaanii yommuu argan ‘Mootummaan Waaqayyoo akka dhihaatee’ fi yeroon addunyaa bulchuu itti jalqabu akka gaʼe akka beekan isaanitti himee ture.—Luqaas 21:31.

1. WARAANA

Bara 1914​tti waraanni seenaa ilmaan namootaa keessatti taʼee hin beekne tokko ni kaʼe! Namoonni seenaa barreessan barri 1914 yeroo waraanni addunyaa tokkoffaan itti jalqabame waan taʼeef, bara seenaa ilmaan namootaa jijjiire akka taʼetti ilaalu. Waraana sanarratti taankiiwwan, boombiiwwan, qawwee awutomaatikiin, gaazii summaaʼaanii fi meeshaawwan lubbuu galaafatan kaan biroon yeroo jalqabaatiif baayʼinaan hojiirra oolaniiru. Waraana kanatti aansee waraanni addunyaa lammaffaan kan kaʼe yeroo taʼu, yeroo kanatti meeshaawwan waraanaa atoomikii kalaqamaniiru, hojiirras oolaniiru. Bara 1914 booda ilmaan namootaa bakka adda addaatti waraana gochaa turaniiru; namoonni miliyoonaan lakkaaʼamanis waraana kanarratti dhumaniiru.

2. KIRKIRA LAFAA

Xiyyaarawwan waraanaa, taankiiwwanii fi misaaʼeloota.

Barreeffamni Biritaanikaa Akkaadaamik jedhamu kirkirri lafaa guguddaan gara 100 taʼuu fi “badiisa guddaa” geessisuu dandaʼu waggaa waggaadhaan akka gaʼu ibseera. Qorannaan Jiʼooloojii Yuunaayitid Isteetis “ragaan yeroo dheeraa akka argisiisutti (naannoo bara 1900 irraa jalqabee) bara kamiyyuu keessatti kirkirri lafaa guguddaan gara 16 akka uumamu kan eegamu” taʼuu isaa gabaaseera. Namoonni tokko tokko malli wanti kun ittiin beekamu waan jiruuf, tarii yeroo ammaatti kirkirri lafaa kana caalu akka hin uumamne yaadu. Haa taʼu malee, addunyaa maratti kirkirri lafaa guguddaan ilmaan namootaarratti rakkina hedduu fidaa fi lubbuu namoota hedduu galaafachaa jira.

3. HANQINA NYAATAA

Kirkira lafaa gamoowwan yommuu tatarsaasu.

Sababa waraanaa, malaanmaltummaa, kufaatii dinagdee, hojii qonnaa duubatti hafaa taʼe ykn haala qilleensaa gaarii hin taaneef dursanii karoora baafachuu dhiisuurraan kan kaʼe addunyaa maratti hanqinni nyaataa uumamaa jira. Dhaabbanni Sagantaa Nyaataa Addunyaa “Gabaasa Bara 2018 Dhiheesse” irratti, “Addunyaa maratti namoonni miliyoona 821 taʼan beelaan hubamaniiru; namoonni miliyoona 124 taʼanimmoo beela hamaadhaaf saaxilamaniiru” jedheera. Nyaata madaalamaa dhabuun waggaa waggaadhaan duʼa daaʼimman gara miliyoona 3.1 taʼaniif sababa taʼeera. Daaʼimman bara 2011​tti addunyaa maratti duʼan keessaa gara dhibbeentaa 45 kan taʼan kan duʼan sababa kanaatiini jechuudha.

4. DHUKKUBAA FI WEERARA DHIBEE

Giraafii oomishni midhaanii hirʼachuu isaa argisiisu.

Barreeffamni Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa baase tokko akkana jedheera: “Jaarraa 21​ffaan weerarawwan dhibee ciccimoo taʼaniin kan beekamu taʼeera. Dhukkuboonni kanaan duraa kanneen akka koleeraa, dhaʼichaa fi busaa jiran deebiʼanii kan kaʼan yeroo taʼu, dhukkuboonni haaraan SARS, weerarri dhibee infuluwenzaa, MERS, Iboolaa fi Ziikaa jedhamanis uumamaniiru.” Weerarri dhibee Kooviid-19 immoo weerara dhibee dhiheenyatti kaʼedha. Saayintistoonnii fi doktaroonni waaʼee dhukkubaa wanta hedduu kan beekan taʼus, qoricha dhukkuboota hundumaatiif taʼu argachuu hin dandeenye.

5. HOJII LALLABAA ADDUNYAA MARAA

Mallattoo baakteeriyaa fi balaa baayookemikaalii.

Yesuus kutaa mallattoo kanaa isa kan biraa yeroo ibsu akkana jedheera: “Saboota hundumaatti ragaa akka taʼuuf misiraachoon Mootummichaa guutummaa lafaa irratti ni lallabama; sana booda dhumni ni dhufa.” (Maatewos 24:14) Yeroo addunyaan rakkoowwan guguddaadhaan unkuramaa jiru kanatti namoonni saboota hundumaarraa dhufanii fi miliyoona saddeetii ol taʼan biyyoota 240 keessatti afaanota 1,000 oliin misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo lallabaa jiru. Seenaa ilmaan namootaa keessatti wanti akkanaa raawwatamee hin beeku.

YESUUS WANTOONNI AKKAMII AKKA RAAWWATAMAN DUBBATE?

Lafa xiyyi itti marsee fi Kitaabni Qulqulluun cinaa isaatti argamu.

Yesuus, “Sabni saba irratti, mootummaanis mootummaa irratti ni kaʼa. Kirkirri lafaa guguddaan ni taʼa; bakka garaa garaattis hanqinni nyaataa fi golfaan ni jiraata” jedheera. (Luqaas 21:10, 11) Akkuma sararawwan quba namaarra jiran ashaaraa uumanitti, wantoonni kun hundis waliin taʼanii mallattoo ifa taʼe tokko argisiisu. Akkuma ashaaraan nama tokkoo eenyummaa nama sanaa ibsu, wantoonni yeroo tokkotti raawwataman kun hundis ‘Mootummaan Waaqayyoo dhihaachuu’ isaa argisiisu. Taʼeewwan kun wal faana kan raawwatamanii fi addunyaa maratti kan mulʼatan turanii? Mee ragaa jiru haa ilaallu.

MALLATTOON KUN NUUF HIIKA AKKAMII QABA?

Mallattoon Yesuus kenne yeroo ammaatti raawwatamaa jira. Kun xiyyeeffannaa keenya harkisuu kan qabu maaliifi? Sababiin isaas Yesuus, “Wantoonni kun raawwatamuu isaanii yommuu argitan, Mootummaan Waaqayyoo akka dhihaate beekaa” jedheera.—Luqaas 21:31.

Yesuus lafa jannata taaturraa olitti samiirratti Mootii taʼee teessoorra yommuu taaʼu.

Yeroo dhihootti Mootummichi fedhiin Waaqayyoo lafarratti guutummaatti akka raawwatamu godha

Mallattoon Yesuus kennee fi herreegni Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼe, Waaqayyo bara 1914​ttia samiirratti Mootummaa isaa akka hundeesse hubachuuf nu gargaaru. Yeroo sanatti Ilma isaa Yesuus Kiristoosiin Mootii godhee muudeera. (Faarfannaa 2:2, 4, 6-9) Dhiheenyatti Mootummaan Waaqayyoo lafa ni bulcha, mootummoota hunda ni balleessa, akkasumas ilmaan namootaa bara baraaf akka irra jiraataniif lafa jannata godha.

Yeroo dhihootti kadhannaan Yesuus nu barsiise kun ni raawwatama: “Mootummaan kee haa dhufu. Fedhiin kee akkuma samii irratti taʼaa jiru, lafa irrattis haa taʼu.” (Maatewos 6:10) Maarree, Mootummichi bara 1914​tti bulchuu erga jalqabee booda wantoota akkamii raawwachaa jira? Mootummaan kun yeroo guutummaatti ilmaan namootaa bulchuu jalqabutti wantoota akkamii eeguu dandeenya?

a Bara 1914 ilaalchisee yaada dabalataa argachuuf kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamuu fi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe barumsa 32​ffaa ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi