KUTAA 22
Ergamoonni Yesus Ija Jabinaan Lallabaniiru
Ari’atamni jiraatullee, gumiin Kiristiyaanaa atattamaan guddachaa ture
YESUS erga samiitti ol ba’ee guyyaa kudhan booda, jechuunis Dh.K.B. bara 33 guyyaa Ayyaana Phenxeqostee Yihudoonni kabajanitti, bartoonni 120 ta’an Yerusaalemitti mana tokko keessatti wal ga’anii turan. Akkuma tasaa, sagaleen akka qilleensaa huursu tokko manicha guute. Bartoonni Yesus, haala dinqii ta’een afaan hin beekneen dubbachuu jalqaban. Dinqiin kun akka raawwatamu kan godhe maalidha? Waaqayyo, bartootaaf hafuura qulqulluu kennee ture.
Namoonni hedduun, naannoo addaddaatii ayyaanichaaf dhufan ala dhaabatanii turan. Namoonni kun, bartoonni Yesus afaansaanii sirriitti yommuu dubbatan dhaga’anii baay’ee dinqisiifatan. Yo’el, Waaqayyo namootaaf hafuurasaa akka ‘dhangalaasuufi’ namoonni kennaa kana argatanis dinqiiwwan addaddaa akka raawwatan raajiidhaan dubbatee ture. Phexrosis, raajiin kun raawwiisaa argachaa akka jiru ibse. (Yo’el 2:28, 29) Gargaarsa hafuura qulqulluutiin afaan addaddaa dubbachuunsaanii, jijjiiramni guddaan tokko akka jiru kan ibsu ture. Kunis, Waaqayyo ayyaanasaa Israa’elootarraa fuudhee, gumii Kiristiyaanaa isa haaraa hundeeffameef akka kenne kan argisiisudha. Namoonni karaa isa biratti fudhatama qabuun Waaqayyoon waaqeffachuu barbaadan, yeroo kanatti duuka buutota Kiristos ta’uu qabu turan.
Kun utuu kanaan jiruu, yeruma sana mormii cimaan isaanirratti ka’e; diinonnis ergamoota mana hidhaatti naqan. Haata’u malee, halkanuma sana ergamaan Yihowaa balbala mana hidhaa sanaa banee, bartoonni lallabuusaanii akka itti fufan itti hime. Isaanis, yeroo bari’u lallabasaanii itti fufan. Mana qulqullummaa galanii, misiraachoo waa’ee Yesus dubbatu lallabuu jalqaban. Namoonni isaan morman baay’ee isaanitti aaranii, lallabasaanii akka dhaaban isaan ajajan. Bartoonnis ija jabinaan, “Nuyi namaaf abboomamuu irra, Waaqayyoof abboomamuutu nu irra jira” jedhanii deebii kennan.—Hojii Ergamootaa 5:28, 29.
Ari’atamni kun ittuma cimaa adeeme. Yihudoonni tokko tokko, duuka buutuu Yesus kan ture Isxifaanos Waaqayyoon arrabseera jedhanii dhagaadhaan rukutanii isa ajjeesan. Dargaggeessi biyya Xarsees inni Saa’ol jedhamu, yommuu Isxifaanos ajjeefamu dhaabatee ilaaluudhaan, gocha kana akka deggeru argisiiseera. Achiis, namoota Yesus duukaa bu’an hunda hiisisuuf gara Damaasqoo dhaqe. Saa’ol utuu karaarra jiruu, ifni samiirraa isatti calaqqise; sagaleen tokkos, “Saa’ol, Saa’ol, maaliif na ari’atta?” jedheen. Ifni sun ijasaa erga jaamsee booda Saa’ol, “Eenyu ati?” jedhee gaafate. Sagalichis, “Ana, Yesus” jedhee deebiseef.—Hojii Ergamootaa 9:3-5.
Yesus guyyaa sadii booda, ija Saa’ol akka fayyisuuf duuka buutuusaa isa Anaaniyaas jedhamu erge. Sana booda Saa’ol cuuphamee ija jabinaan waa’ee Yesus lallabuu jalqabe. Saa’ol yeroo booda Phaawulos ergamaa kan jedhame si’a ta’u, miseensa gumii Kiristiyaanaa hinaaffaa qabu ta’eera.
Bartoonni Yesus, misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo Yihudootaafi namoota Samaariyaatiif qofa lallabu turan. Ergamaan Waaqayyoo tokko, gara Qorneelewos isa Waaqayyoon sodaatuufi angafa dhibbaa waraana warra Roomaa ta’etti mul’atee, Phexrosiin akka ofitti waamsisu itti hime. Phexros warra kaanii wajjin ta’uudhaan, Qorneelewosiifi maatiisaatiif lallabe. Utuu Phexros dubbachaa jiruu, hafuurri qulqulluun amantoota warra saba Waaqayyoo hin ta’in sanarra kan buufate ennaa ta’u, Phexros namoonni kun maqaa Yesusiin akka cuuphaman ajaje. Yeroo kanaa kaasee, namoonni saba hundumaa keessaa dhufan jireenya barabaraa argachuu akka danda’an karaan ni banameef. Gumiiwwanis misiraachoo kana bal’inaan lallabuuf qophaa’an.
—Hojii Ergamootaa 1:1–11:21rratti kan hundaa’e.