LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • bm kutaa 20 ful. 23
  • Yesus Kiristos Ni Ajjeefame

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yesus Kiristos Ni Ajjeefame
  • Macaafni Qulqulluun Dhaamsisaa Maalidha?
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Irbaata Gooftaa
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Kiristoos Dabarfamee Kenname, Akkasumas Ni Qabame
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Yesus Du’aa Ka’e!
    Macaafni Qulqulluun Dhaamsisaa Maalidha?
  • Irbaata Gooftaa—Ayyaana Waaqayyoof Ulfina Fidu
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
Dabalataan Ilaaluuf
Macaafni Qulqulluun Dhaamsisaa Maalidha?
bm kutaa 20 ful. 23
Yesuus

KUTAA 20

Yesus Kiristos Ni Ajjeefame

Yesus ayyaana haaraa hundeesse; dabarfamee kennamuudhaanis ni fannifame

YESUS waggaa sadiifi walakkaadhaaf erga lallabeefi barsiisee booda, yeroon itti ajjeefamu ga’uusaa ni beeke. Geggeessitoonni amantii Yihudii isa ajjeesuu kan barbaadan ta’us, namoota inni raajii ta’uusaa amanan sodaatanii isa dhiisan. Sana booda Seexanni, ergamoota Yesus 12 keessaa tokko kan ta’e Yihudaan namni biyya Keriyot, dabarsee akka isa kennu godhe. Geggeessitoonni amantii, Yihudaan meetii 30an Yesusiin dabarsee akka isaanii kennu gaafatan.

Yesus, galgala ajjeefamuusaa dura turetti ayyaana Faasikaa kabajuuf ergamootasaa walitti qabe. Yesus, Yihudaa erga gad baasee booda, ayyaana haaraa Irbaata Gooftaa jedhamu hundeesse. Maxinoo fudhatee kadhannaa erga dhiheessee booda, ergamootasaa 11f kenne. Achiis, “Kun dhagna koo ti isiniif kan kennamu, kanas seenaa kootiif godhadhaa!” isaaniin jedhe. Xoofoo wayiniis erga isaanii kennee booda, “Xoofoon kun kakuu isa haaraa dhiiga koo isa isiniif jedhee dhangala’uun dhaabatuu dha” isaaniin jedheen.—Luqaas 22:19, 20.

Yesus galgala sana bartootasaatti waan baay’ee hime. Jaalala ofittummaarraa walaba ta’e akka walii qabaatan abboommii haaraa isaanii kenneera. “Jaalala yoo waliif qabaattan, kanaan namoonni hundinuu akka isin bartoota koo taatan in beeku” jedheera. (Yohannis 13:34, 35) Haala rakkisaa isaan eeggatuun garaansaanii akka hin dhiphanne isaan gorseera. Yesus garaadhaa isaanii kadhateera. Faarfannaa galataa erga waliin faarfatanii booda, halkanuma sana gara dhaaba Getesemaanee dhaqan.

Yesus dhaaba Getesemaaneetti jilbeenfatee Waaqayyotti kadhannaa cimaa dhiheesse. Yeruma sana loltoonni hidhatan, luboonniifi namoonni kaan isa qabuuf baay’atanii dhufan. Yihudaan isatti dhihaatee isa dhungachuudhaan, Yesus isa kam akka ta’e isaanitti argisiise. Loltoonni yommuu Yesusiin qaban, bartoonnisaa ni baqatan.

Yesus, mana murtii olaanaa Yihudootaa dura dhaabatee Ilma Waaqayyoo ta’uusaa itti hime. Manni murtii sunis, Waaqayyoon arrabseera jedhee isa yakkuudhaan du’a itti murteesse. Achiis Yesus Bulchaa warra Roomaa Phonxos Philaaxositti geeffame. Philaaxos Yesusirratti yakka kan hin arganne ta’us, gara namoota akka ajjeefamu iyyachaa turanitti isa deebise.

Yesus Golgootaatti, jechuunis bakka loltoonni Roomaa mukarratti isa fannisanitti geeffame. Ifni guyyaa dinqiidhaan dukkanatti jijjiirame. Waaree booda Yesus ni du’e; socho’i lafaa guddaanis ni ta’e. Reeffisaas awwaala garaa dhagaa keessatti tolfame keessa kaa’ame. Guyyaa itti aanutti luboonni, awwaalicha cufanii eegdota itti godhan. Yesus awwaala sana keessatti hafee? Hin hafne. Dinqiin hundarra caalu raawwatamuuf jedha.

—Maatewos boqonnaa 26 fi 27; Maarqos boqonnaa 14 fi 15; Luqaas boqonnaa 22 fi 23; Yohannis boqonnaa 12 hanga 19⁠rratti kan hundaa’e.

  • Yesus ayyaana haaraa akkamii hundeesse?

  • Yesus ajjeefamuusaa dura wantoota akkamiitu raawwatame?

Ga’ee Guddaa Yesus Qabu

Duuti Yesus, raawwii kaayyoo Yihowaa keessatti ga’ee guddaa qaba. Yesus hafuura Waaqayyootiin waan dhalateefi mudaa waan hin qabneef du’uu hin qabu ture. Haata’u malee, ilmaan namootaa jireenya barabaraa isa Addaam Waaqayyoof abboomamuu diduudhaan isaan dhabsiise deebisanii akka argataniif lubbuusaa kenneera.a—Maatewos 20:28; Luqaas 1:34, 35; Yohannis 3:16, 36; 2 Phexros 3:13.

a Bu’aa duuti aarsaa Yesus argamsiise beekuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu fuula 47-56 ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi