LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • bm kutaa 26 ful. 30
  • Lafti Jannata Taati!

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Lafti Jannata Taati!
  • Macaafni Qulqulluun Dhaamsisaa Maalidha?
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Gara Samii kan Deeman Eenyu Faʼi?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Mootummaan Waaqayyoo Maalidha?
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Kitaabni Mulʼataa Waaʼee Egeree Keetii Maal Jedha?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
Macaafni Qulqulluun Dhaamsisaa Maalidha?
bm kutaa 26 ful. 30
Yesuus Mootummicha keessatti teessoo isaa irra taaʼee jira

KUTAA 26

Lafti Jannata Taati!

Yihowaan bulchiinsa Mootummaa Kiristositti fayyadamee maqaasaa ni qulqulleessa, olaantummaasaa ni mirkaneessa, akkasumas hammina hunda ni balleessa

KUTAAN Macaafa Qulqulluu inni dhumaa macaafa Mul’ataa ykn Appookaaliipsi jedhamu, ilmaan namootaa hundaaf abdii kan qabatedha. Macaafni Yohannis ergamaan barreesse kun, mul’atawwan gara raawwii kaayyoo Yihowaa isa guddaatti geessan qabateera.

Mul’anni jalqabaa, Yesus inni du’aa ka’e gumiiwwan hedduu akka galateeffateefi sirreeffama akka isaanii kenne ibsa. Mul’anni lammaffaanimmoo, teessoo Waaqayyoo isa samiirraa, bakka uumamawwan hafuuraa itti isa jajatan argisiisa.

Kaayyoon Waaqayyoo yommuu raawwatamaa adeemu, Hoolichi jechuunis Yesus Kiristos macaafa maramuufi mallattoo torbaan mallatteeffame fudhate. Mallattoowwan jalqabaa arfan yommuu banu, abboonni fardeenii gara biyya lafaatti ba’an. Inni jalqabaa, Yesus isa farda adiirra taa’eefi gonfoo Mootummaa kaa’atedha. Itti aansuudhaan warri fardeen halluu addaddaa qabanirra taa’an kan mul’atan si’a ta’u, isaanis waraana, beelaafi dha’icha bara dhumaa kanatti raawwatamu argisiisu. Mallattoo torbaffaan banamuunsaa, malakanni fakkeenyaa torba akka afuufamu kan godhe ennaa ta’u, malakatoonni kunimmoo labsii firdii Waaqayyoo kan argisiisanidha. Kunis, dha’icha torba isa dheekkamsa Waaqayyoo argisiisutti kan geessudha.

Mootummaan Waaqayyoo, inni mucaa ilmaa reefuu dhalatetti fakkeeffame samiirratti hundeeffame. Samiirratti waraanni banamee, Seexanniifi ergamoonni hamoon gara lafaatti darbataman. Sagaleen guddaan tokkos, ‘Yaa lafaa isiniif wayyoo’ jedhe. Seexanni, yeroo gabaabduu duwwaa akka qabu waan beekuuf guddaa aareera.—Mul’ata 12:12.

Yohannis, Yesus isa hoolaatti fakkeeffameefi namoota 144,000 warra ilmaan namootaa keessaa filataman samiirratti arge. Namoonni kun, Yesusii wajjin “mo’uuf jiru.” Kanaaf, macaafni Mul’ataa namoonni kutaa sanyichaa isa lammaffaa ta’an 144,000 akka ta’an ibsa.—Mul’ata 14:1; 20:6.

Mootonni biyya lafaa Armaagedoonitti, jechuunis “lola guyyaa isa guddicha kan Waaqayyoo hundumaa danda’u sanaaf” walitti qabamu. Yesus isa farda adiirra taa’uufi macca waaqarraa geggeessurratti lola banu. Sana booda, mootonni biyya lafaa hundi ni balleeffamu. Seexanni erga hidhamee booda, Yesusiifi namoonni 144,000 ta’an “waggaa kuma tokkoof” bulchu. Sana booda, Seexanni ni balleeffama.—Mul’ata 16:14; 20:4.

Bulchiinsi Barkumee Kiristosiifi warra isaa wajjin bulchanii, ilmaan namootaatiif maal argamsiisa? Yohannis, “[Yihowaan] imimmaan hundumaa ija isaaniittii in haqa; wanti duraa waan darbeef, egaa duuni deebi’ee hin argamu, gadduun, iyyuun, waraansis si’achi hin jiru!” jechuudhaan barreesseera. (Mul’ata 21:4) Laftis jannata taati!

Akka kanaan macaafni Mul’ataa dhaamsa Macaafa Qulqulluu guutuu godha. Karaa Mootummaa Masiihichaa, maqaan Yihowaa ni qulqullaa’a, barabaraafis olaantummaansaa ni mirkanaa’a!

— Macaafa Mul’ataa irratti kan hundaa’e.

  • Abbootiin fardeenii fakkeenyaan ibsaman maal argisiisu?

  • Yommuu kaayyoon Waaqayyoo raawwatamaa adeemu, wantoota nama ajaa’ibsiisan akkamiitu raawwatama?

  • Armaagedoon maalidha? Yeroo sanatti maaltu ta’a?

“Baabilon Guddittii”

Macaafni Mul’ataa, amantii sobaa hunda jechuunis amantiiwwan waaqa dhugaa morman walitti qabaatti, “ejjituu ishee guddittii” jechuudhaan ibsa. Ejjituun kun “Baabilon Guddittii” kan jedhamte yommuu ta’u, bulchitoota siyaasaa addunyaa kanaatiif of gurgurteetti ykn isaanii wajjin ejjiteetti. Akkuma macaafni Mul’ataa ibsu, yeroo Yihowaan murteessetti, mootonni kun ejjituu kanarratti ka’anii ishee balleessu.—Mul’ata 17:1-5, 16, 17.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi