LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • rk kutaa 2 ful. 3-5
  • Amantiin Dhugaa Maali Dha?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Amantiin Dhugaa Maali Dha?
  • Amantii Dhugaa—Furtuu Jireenya Gammachuu Qabu Argamsiisu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Amantii Dhugaa Qabaachuu kan Dandeessu Akkamitti?
  • Amantii waadaawwan yihowaan gale irratti qabdan hojiidhaan argisiisaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
  • Amantii—Amala Nama Cimsu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
  • “Amantii Keenya Nuuf Guddisi”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • Yeroo Harʼaatti Amantii Dhugaa Qabaachuu
    Amantii Dhugaa—Furtuu Jireenya Gammachuu Qabu Argamsiisu
Dabalataan Ilaaluuf
Amantii Dhugaa—Furtuu Jireenya Gammachuu Qabu Argamsiisu
rk kutaa 2 ful. 3-5

KUTAA 2

Amantiin Dhugaa Maali Dha?

Nama maallaqa ilaalaa jiru

Akkuma maallaqaa amantiinis gatii akka qabaatuuf dhugaa taʼuu qaba

AMANTII dhugaa qabaachuu jechuun Waaqayyo akka jiru amanuu qofa jechuu miti. Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman Waaqayyotti kan amanan taʼus, taʼe jedhanii wantoota hamoo raawwatu. “Amantiin” akkasii maallaqa sobaa wajjin wal fakkaata. Maallaqni sobaa kun maallaqa dhugaa kan fakkaatu taʼus, gatii hin qabu. Maarree, amantiin dhugaa maali dha?

Amantiin dhugaa beekumsa Kitaaba Qulqulluu isa sirrii taʼe irratti kan hundaaʼe dha. Yaadawwan gaggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffaman kun waaʼee Waaqayyoo dhugaa isaa nutti himu, akkasumas isa beekuu akka dandeenyu nu gargaaru. Seerawwan, kaayyoowwanii fi barumsawwan isaa nuuf ibsu. Barumsawwan kun kanneen armaan gadii dabalatu:

  • Waaqayyo tokko dha. Kan isaan qixxaatu hin jiru.

  • Yesuus Waaqa Hundumaa Dandaʼu miti. Inni raajii Waaqayyoo ti.

  • Waaqayyo waaqolii tolfamoo akkamii iyyuu waaqeffachuu ni balaaleffata.

  • Ilmaan namootaa gara fuulduraatti guyyaan murtii isaan eeggata.

  • Namoonni duʼan hedduun duʼaa kaʼanii Jannata keessa jiraatu.

Amantiin dhugaa hojiiwwan gaggaarii akka hojjennu nu kakaasa. Hojiiwwan akkasii Waaqayyoof ulfina fidu, akkasumas nuunis taʼe namoota kaan ni fayyadu. Hojiiwwan gaggaariin kun wantoota armaan gadii dabalatu:

  • Waaqayyoon waaqeffachuu.

  • amaloota Waaqayyoon gammachiisan—keessumaa jaalala qabaachuu.

  • yaadawwanii fi fedhiiwwan hamoo taʼan irraa fagaachuu.

  • rakkoowwan yoo jiraatanis Waaqayyo irratti amantii qabaachuu.

  • waaʼee Waaqayyoo namoota barsiisuu.

Maatiin tokko maanguddoo takkaaf nyaata yeroo geessu

Amantiin dhugaa hojii gaarii hojjechuuf nu gargaara

Amantii Dhugaa Qabaachuu kan Dandeessu Akkamitti?

Nama irree isaa cimsuuf sochii qaamaa gochaa jiru

Amantiin akkuma irree yeroo itti fayyadamnu ni guddata

Waaqayyo akka si gargaaru isa gaafadhu. Museen raajichi, “Maaloo, . . . akkan si beekuu fi si duratti fudhatama argachuu koo akkan itti fufuuf daandiiwwan kee na beeksisi” jedhee Waaqayyoon kadhatee ture.a Waaqayyo kadhannaa isaa dhagaʼeera, deebiis isaaf kenneera. Museen amantii qabaachuudhaan fakkeenya gaarii taʼeera. Waaqayyo atis amantii dhugaa akka qabaattu si gargaara.

Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf yeroo ramadi. Kitaabonni gaggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffaman kanneen akka Tooraa, Faarfannaa fi Wangeelotaa jiran Kitaaba Qulqulluu isa addunyaa irratti balʼinaan hiikamee fi raabsame keessatti argamu. Kitaaba gaggeessaa hafuuraatiin barreeffame kana qabdaa?

Gorsa Kitaaba Qulqulluu jireenya kee keessatti hojii irra oolchi. Amantiin akkuma irree yeroo itti fayyadamnu ni guddata. Amantii kee hojiidhaan yommuu argisiistu guddachaa deema. Gorsi Waaqayyoo sirrii akka taʼe ofuma keetii ni argita. Dhuguma iyyuu gorsi hojii irra ooluu dandaʼuu fi Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu jireenya namoota hedduu jijjiireera. Fakkeenya muraasa ilaaluuf dubbisuu kee itti fufi.

a Baʼuu 33:13.

Maal Jettee Deebista?

  • Amantiin dhugaa maal irratti hundaaʼa?

  • Amantiin dhugaa hojiiwwan gaggaarii akkamiitiif nu kakaasa?

  • Amantii dhugaa qabaachuu kan dandeessu akkamitti?

Waaqayyo Dubbii Isaa ni Eega

Waaqayyo Kitaabni Qulqulluun osoo hin faalamin hanga harʼaatti akka nuuf turu akka taasise mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Waaqni Hundumaa Dandaʼu dubbii isaatiif eegumsa gochuu ni dandaʼa. Dubbiin isaa, “Margi lalisaan ni goga, daraarichis ni coolliga, dubbiin Waaqa keenyaa garuu bara baraaf jabaatee ni dhaabbata” jedha.—Isaayyaas 40:8.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi