LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • rk kutaa 1 ful. 3
  • Waaqayyo Waaʼee Keenya ni Yaadaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Waaqayyo Waaʼee Keenya ni Yaadaa?
  • Amantii Dhugaa—Furtuu Jireenya Gammachuu Qabu Argamsiisu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Amantiin Dhugaa Maali Dha?
    Amantii Dhugaa—Furtuu Jireenya Gammachuu Qabu Argamsiisu
  • Jijjiirama Mucaan Gaaʼelarratti Fidu
    Maatiin Keessan Gammachuu Qabaachuu Ni Dandaʼa
  • Jaalalli Waaqayyoo, Jaalala Haadhaarratti Ni Mul’ata
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • “Gara Laafina Guddaa Waaqa Keenyaa”
    Yihowaatti Dhihaadhu
Dabalataan Ilaaluuf
Amantii Dhugaa—Furtuu Jireenya Gammachuu Qabu Argamsiisu
rk kutaa 1 ful. 3

KUTAA 1

Waaqayyo Waaʼee Keenya ni Yaadaa?

YEROO harʼaatti addunyaan rakkinaan guutameera. Waraanni, balaan uumamaa, dhukkubni, hiyyummaan, malaanmaltummaa fi wantoonni hamoon kan biroon namoota miliyoonaan lakkaaʼaman miidhaa jiru. Atis guyyaa guyyaatti wantoonni si yaaddessan si mudatu taʼa. Maarree, eenyutu nu gargaaruu dandaʼa? Qaamni nuuf yaadu hoo jiraa?

Haadha daaʼima ishii baattee jirtu

Jaalalli Waaqayyo nuuf qabu jaalala haati daaʼima ishiitiif qabdu irra ni caala

Waaqayyo dhugumaan akka nuuf yaadu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Inni Dubbii isaa keessatti, “Haati takka mucaa ishii isa hoosistu irraanfachuu dandeessii? Ilma ishii isa gadameessa ishii keessaa baʼeef hoo garaa hin laaftuu? Dubartoonni kun yoo irraanfatan illee, ani matumaa si hin irraanfadhu” jedheera.a

Kana beekuun nama hin jajjabeessuu? Jaalalli Waaqayyoo gara laafina haati daaʼima ishiitiif qabduu fi walitti dhufeenya ilmaan namootaa isa cimaa jedhamu irra illee kan caalu dha. Waaqayyo yoom iyyuu nu hin dhiisu! Ammuma iyyuu haala dinqisiisaa taʼeen akka nu gargaaru argineerra. Akkamitti? Amantii dhugaa yoo qabaanne gammachuu akka argannu nu hubachiisuudhaani.

Amantii dhugaa qabaachuun kee gammachuu siif argamsiisa. Amantiin akkasii rakkoowwan hedduu si irraa dhowwuu fi rakkoowwan hambisuu hin dandeenye immoo haala buʼa qabeessa taʼeen damdamachuuf si gargaara. Akkasumas, nagaa sammuu siif argamsiisuudhaan Waaqayyotti akka dhihaattu si gargaara. Amantiin dhugaa gara fuulduraattis barabaraaf Jannata keessa jiraachuuf si dandeessisa!

Haa taʼu malee, amantiin dhugaa maali dha? Amantii qabaachuu kan dandeessu hoo akkamitti?

a Isaayyaas 49:15 Kitaaba Qulqulluu irraa ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi