KUTAA 7
Yesus Eenyudha?
Yihowaan Yesusiin gara lafaatti ergeera. 1 Yohannis 4:9
Yihowaa gammachiisuu yoo barbaanne, qaamni bakka guddaa qabuufi dhaggeeffachuu qabnu kan biraanis akka jiru hubachuun nu barbaachisa. Yihowaan Addaamiin utuu hin uumin yeroo dheeraa dura, qaama hafuuraa humna guddaa qabu uumeera.
Yeroo booda, Yihowaan qaamni kun durba Maariyaam jedhamtuufi mandara Betlihem jiraatturraa akka dhalatu godheera. Maqaan mucichaas Yesus jedhama.—Yohannis 6:38.
Yesus yeroo nama taʼee lafarra jiraate amalawwan Waaqayyoo akka gaariitti argisiiseera. Garraamii, jaalala kan qabuufi salphaatti kan namatti dhihaatu ture. Sodaa tokko malee waaʼee Yihowaa dhugaasaa namoota barsiiseera.
Yesus waan gaarii kan raawwate taʼus jibbameera. 1 Phexros 2:21-24
Barumsa sobaa isaan barsiisaniifi karaasaanii isa hamaa waan saaxileef, geggeessittoonni amantii Yesusiin jibbaniiru.
Yesus namoota dhukkubsatan fayyiseera; warra duʼanis duʼaa kaaseera.
Geggeessittoonni amantii, warri Roomaa Yesusiin akka reebaniifi akka isa ajjeesan isaan amansiisaniiru.