LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • fg barumsa 1 gaaffilee 1-3
  • Misiraachoon Kun Maalidha?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Misiraachoon Kun Maalidha?
  • Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Waaqayyorraa Kan Barannu Maaliifi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Kaayyoon Waaqayyo Lafaaf Qabu Maalidha?
    Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!
  • Waaqayyo Gara Fuulduraatti Maal Raawwata?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2019
  • Waaqayyo Eenyudha?
    Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!
Dabalataan Ilaaluuf
Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!
fg barumsa 1 gaaffilee 1-3

BARUMSA 1

Misiraachoon Kun Maalidha?

1. Misiraachoon Waaqayyo biraa dhufe maalidha?

Namoonni jireenya lafa irraatti yommuu gammadan

Waaqayyo, namoonni lafa kanarra gammachuudhaan akka jiraatan barbaada. Lafa kanaafi wantoota isheerratti argaman kan uume ilmaan namootaa waan jaallatuufidha. Lafti kun namoota bakka hundaatti argamaniif mijooftuu akka taatu gochuufis yeroo dhihootti tarkaanfii fudhata. Wantoota dhiphinaaf sababii taʼan balleessuudhaan ilmaan namootaatiif boqonnaa argamsiisa.​—Ermiyaas 29:11 dubbisi.

Mootummaan ilmaan namootaa kamiyyuu, yakka, dhukkuba ykn duʼa hambisuu hin dandeenye. Haataʼu malee, misiraachoon nama gammachiisu jira. Waaqayyo yeroo dhihootti bulchiinsi ilmaan namootaa bulchiinsasaatiin akka bakka buufamu godha. Namoonni bulchiinsa Waaqayyoo jalatti bulanis nagaafi fayyaa guutuu argatu.​—Isaayaas 25:8; 33:24; Daaniʼel 2:44 dubbisi.

2. Misiraachichi ariifachiisaa kan taʼe maaliifi?

Dhiphinni kan hafu yommuu Waaqayyo namoota hamoo lafarraa balleessutti qofadha. (Sefaaniyaa 2:3) Haataʼu malee kun yoom taʼa? Dubbiin Waaqayyoo, wantoota yeroo ammaatti ilmaan namootaa dhiphisan dursee raajiidhaan dubbateera. Wantoonni gadheen yeroo ammaatti raawwatamaa jiran, yeroon Waaqayyo tarkaanfii itti fudhatu dhihaachuusaa argisiisu.​—2 Ximotewos 3:1-5 dubbisi.

3. Maal gochuu qabna?

Macaafa Qulqulluurraa waaʼee Waaqayyoo barachuu qabna. Macaafni Qulqulluun xalayaa abbaan jaalala qabeessa taʼe tokko nuu ergee wajjin wal fakkaata. Yeroo ammaatti jireenya gaarii jiraachuu, gara fuulduraattimmoo jireenya barabaraa argachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe nutti hima. Namoonni tokko tokko Macaafa Qulqulluu akka hubattuuf gargaarsa sii godhamaa jirutti akka hin gammanne beekamaadha. Haataʼu malee Waaqayyo jireenya gammachiisaa akka argannu abdii waan nuu kenneef, namoonni kaan waaʼee Macaafa Qulqulluu barachuu akka nu dhowwan heyyamuu hin qabnu.​—Fakkeenya 29:25; Mulʼata 14:6, 7 dubbisi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi