LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • fg barumsa 2 gaaffilee 1-5
  • Waaqayyo Eenyudha?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Waaqayyo Eenyudha?
  • Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Waaqayyo Eenyudha?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Waaqayyo Eenyu?
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • Waaqayyoon Ilaalchisee Barumsi Sirrii Taʼe Isa Kami?
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Waaqni Dhugaa Eenyuu?
    Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa?
Dabalataan Ilaaluuf
Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!
fg barumsa 2 gaaffilee 1-5

BARUMSA 2

Waaqayyo Eenyudha?

1. Waaqayyoon waaqeffachuu kan qabnu maaliifi?

Wantoota hunda kan uume Waaqa dhugaati. Inni jalqabas taʼe dhuma hin qabu. (Faarfannaa 90:2) Maddi misiraachoo Macaafa Qulqulluu Isadha. (1 Ximotewos 1:11) Jireenya kan nuu kenne Waaqayyo waan taʼeef isa qofa waaqeffachuu qabna.​—Mulʼata 4:11 dubbisi.

2. Waaqayyo maal fakkaata?

Waaqayyo Hafuuradha; jechuunis qaama uumamawwan lafarra jiran hunda caalu waan taʼeef, namni kamiyyuu matumaa isa arguu hin dandaʼu. (Yohannis 1:18; 4:24) Haataʼu malee, wantoota Waaqayyo uume ilaaluudhaan amalawwansaa hubachuu dandeenya. Fakkeenyaaf, akaakuu kuduraaleefi abaaboowwan addaddaa ilaaluudhaan jaalalaafi ogummaa inni qabu hubachuu dandeenya. Balʼinni uumama cufaas humnisaa hangam guddaa akka taʼe nu hubachiisa.​—Roomaa 1:20 dubbisi.

Macaafa Qulqulluu dubbisuudhaanis waaʼee amalawwan Waaqayyoo caalaatti barachuu dandeenya. Fakkeenyaaf, Macaafni Qulqulluun Waaqayyo maal akka jaallatuufi akka jibbu, namoota akkamitti akka qabuufi haalawwan addaddaa keessatti tarkaanfii akkamii akka fudhate nuu ibsa.​—Faarfannaa 103:7-10 dubbisi.

3. Waaqayyo maqaa qabaa?

Maqaan Waaqayyoo inni Yihowaa jedhamu afaan garaa garaatiin

Yesus, “Yaa isa waaqa irra jirtu abbaa keenyaa! Maqaan kee qulqulluu taʼee haa eegamu” jedheera. (Maatewos 6:9) Waaqayyo maqaawwan ulfinaa hedduu qabaatuyyuu, maqaansaa garuu tokko qofadha. Afaan hunda keessatti karaa garaagaraatiin waamama. Yeroo baayʼee afaan Ingiliffaatiin “Jehovah” jedhamee waamama. Namoonni tokko tokko garuu “Yaahwee” jedhanii isa waamu.​—Uumama 22:14 dubbisi.

Hiikawwan Macaafa Qulqulluu hedduun, maqaa Waaqayyoo keessaa baasanii maqaawwan ulfinaa Gooftaa ykn Waaqayyo jedhamaniin bakka buusaniiru. Macaafni Qulqulluun jalqaba yommuu barreeffame garuu, maqaan Waaqayyoo al 7,000 taʼu argama ture. Yesus waaʼee Waaqayyoo yeroo namoota barsiisaa ture, maqaan Waaqayyoo akka beekamu godheera.​—Yohannis 17:26 dubbisi.

Viidiyoo, Waaqayyo Maqaa Qabaa? jedhu ilaali.

4. Yihowaan waaʼee keenya ni yaadaa?

Abbaa fi haati tokko mucaa isaanii isa dhukkubsate yommuu kunuunsan

Akkuma abbaa jaalala qabeessa taʼe kanaa, Waaqayyo faayidaa barabaraa akka argannuuf jecha tarkaanfii fudhata

Rakkinni baayʼachuunsaa Yihowaan waaʼee keenya akka hin yaanne argisiisaa? Namoonni tokko tokko Waaqayyo nu qoruuf jedhee akka dhiphannu godha jedhu; kun garuu dhugaa miti.​—Yaaqoob 1:13 dubbisi.

Waaqayyo, ilmaan namootaa mirga filannaa gochuuf isaan dandeessisu akka qabaatan gochuudhaan akka isaan kabaju argisiiseera. Waaqayyoon tajaajiluu filachuuf mirga argachuu keenya hin dinqisiifannuu? (Iyaasuu 24:15) Haataʼu malee namoonni hedduun wanta gadhee warra kaanirratti raawwachuu waan filataniif, dhiphinni garmalee babalʼateera. Yihowaan jalʼina akkasii yommuu argu baayʼee gadda.​—Uumama 6:5, 6 dubbisi.

Yihowaan nuu yaada. Gammachuu akka argannus ni barbaada. Yeroo dhihootti dhiphinaafi qaamota dhiphinaaf sababii taʼan ni balleessa. Hammasitti garuu, yeroo murtaaʼeef dhiphinni akka jiraatu heyyamuuf sababii gaʼaa qaba. Waaʼee kanaa caalaatti Barumsa 8⁠ffaarratti baranna.​—2 Phexros 2:9; 3:7, 13 dubbisi.

5. Waaqayyotti dhihaachuu kan dandeenyu akkamitti?

Dubartiin tokko yommuu gara Waaqayyootti kadhannaa dhiheessitu

Yihowaan kadhannaadhaan akka isatti dhihaannu nu afeera. Dhuunfaattis xiyyeeffannaa nuu kenna. (Faarfannaa 65:2; 145:18) Akkasumas dhiifama gochuuf qophaaʼaadha. Yeroo tokko tokko kan dogoggorru taanuyyuu, carraaqqii isa gammachiisuuf goonu ni hubata. Kanaaf mudaa kan qabnu yoo taanellee, michuu Waaqayyoo taʼuu ni dandeenya.​—Faarfannaa 103:12-14; Yaaqoob 4:8 dubbisi.

Jireenya kan nuu kenne Yihowaa waan taʼeef, eenyuyyuu caalaa isa jaallachuu qabna. (Maarqos 12:30) Jaalala Waaqayyoof qabdu argisiisuuf, waaʼeesaa caalaatti barachaa yommuu adeemtuufi wanta inni sirraa barbaadu raawwachuukee yommuu itti fuftu, caalaatti isatti dhihaatta.​—1 Ximotewos 2:4; 1 Yohannis 5:3 dubbisi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi