LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • rq barumsa 2 ful. 4-5
  • Waaqni Dhugaa Eenyuu?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Waaqni Dhugaa Eenyuu?
  • Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa?
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Waaqayyoo fi Kiristoosiin Ilaalchisee Dhugaa Jiru
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2020
  • Waaqayyo Eenyudha?
    Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!
  • Yihowaan Waaqa Dhugaa Waan Ta’eef Ol Ol Isa Godhi
    Waaqa Dhugaa Isa Tokkicha Waaqeffadhu
  • Waaqayyo Eenyudha?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
Dabalataan Ilaaluuf
Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa?
rq barumsa 2 ful. 4-5

Barumsa 2

Waaqni Dhugaa Eenyuu?

Waaqni dhugaa eenyuu? Maqaansaa hoo? (1, 2)

Qaama akkamii qabaa? (3)

Amalawwansaa maal fa’ii? (4)

Yeroo isa Waaqeffannu fakkiiwwaniin gargaaramuu qabnaa? (5)

Kraan itti waayee Waaqayyoo baruu dandeenyu lamaan maal fa’ii? (6)

1. Namoonni wanta adda addaa waaqeffatu. Macaafni qulqulluun garuu Waaqni DHUGAA tokko qofa ta’uusaa nutti hima. Wantoota lafaafi Samiirra jiran hundaa kan uume isa. Jireenya kan argannee isarraa waan ta’eef waaqeffachuu kan qabnu isa qofa.—1 Qorontos 8:5, 6; Mul’ata 4:11.

2. Waaqayyo maqaa ulfinaa adda addaa qabaatuyyuu, maqaan ittiin waamamu garuu tokko qofa. Maqaansaas YIHOWAA dha. Maqaan Waaqayyoo hiika Macaafa qulqulluu baay’ee keessaa baafamee maqaawwan ulfinaa kan akka GOFTAA fi WAAQAYYO jedhamuun iddoo buufameera. Yeroo Macaafni qulqulluun barreeffameetti garuu, maqaan Yihowaa jedhamu Macaafa qulqulluu keessatti al 7,000 argama ture!— Ba’uu 3:15; Faarfannaa 83:18 NW.

3. Yihowaan qaama qaba; qaamnisaa garuu qaama nuyi qabnnurraa kan adda ta’edha. Macaafni qulqulluun “Waaqayyoo hafuura” jedha. (Yohannis 4:24) Hafuurrimmoo qaama nuyi qabnuurraa kan adda ta’edha. Waaqayyoon kan arge namni tokkollee hin jiru. Yihowaan kan jiraatu samii keessa ta’uyyuu, wanta hundumaa arguu ni danda’a. (Faarfannaa 11:4, 5; Yohannis 1:18) Hafuurri qulqulluun maalinnii? Akka Waaqaa qaama mataasaa kan qabu miti. Kanaa mannaa, sosochoosaa humna Waaqaati.—Faarfannaa 104:30.

4. Macaafni qulqulluun amalawwan Yihowaa nuuf ibsa. Amalawwansaa gurgudaan kunis jaalala, murtoo mudaa hin qabne, ogummaafi humna akka ta’an ibsa. (Keessa Deebii 32:4; Iyoob 12:13; Isaayaas 40:26; 1 Yohannis 4:8) Kana malees Macaafni qulqulluun Yihowaan oo’a qabeessa, gaarii, araara qabeessa, arjaafi obsa qabeessa ta’uusaa nuuf ibsa. Nuyis akka ijoollee ajajamootti isa fakkaachuuf dhama’uu nubarbaachisa.—Efesoon 5:1, 2.

5. Waaqeeffannaa keenya keessatti waaqa tolfamaadhaafi fakkiiwwaniif sagaduu ykn isaan kadhachuu qabnaa? Gonkumaa kana gochuu hin qabnu! (Ba’uu 20:4, 5) Yihowaan isuma qofa waaqeffachuu akka qabnu dubbateera. Ulfinasaa eenyuufillee hin hiru. Fakkiiwwan humna nugargaaruuf isaan dandeessisu hin qaban.—Faarfannaa 115:4-8; Isaayaas 42:8.

6. Waaqayyoon akkamitti caalaatti beekuu dandeenyaa? Karaan inni duraa wanta inni uume ilaaluufi uumamawwan kun waan isaan nutti himan gadi fageenyaan yaaduudha. Uumamawwan Waaqayyoo humnaafi ogummaa qabaachuusaa nuhubachiisu. Wanta innii uume hundumaarraa jaalalasaa arguu dandeenya. (Faarfannaa 19:1-6; Roomaa 1:20) Waayee Waaqayyoo karaan itti baruu dandeenyu garabiraanimmoo, Macaafa qulqulluu qayyabachuudha. Macaafni qulqulluun inni Waaqa akkamii akka ta’e nutti hima. Kana malees, kaayyoonsaa maal akka ta’eefi maal gochuu akka qabnu nutti hima.—Amos 3:7; 2 Ximotewos 3:16, 17.

[Fakkii fuula 5rra jiru]

Uumamaafi Macaafa qulqulluurraa waayee Waaqayyoo ni barra

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi