BARUMSA 8
Waaqayyo, Hammeenyiifi Dhiphinni Akka Jiraatu Maaliif Heyyame?
1. Hammeenyi kan jalqabe akkamitti?
Waaqayyo, namoonni yeroo dheeraadhaaf akka bulchan heyyamuunsaa, namoonni rakkoowwan isaan mudataniif furmaata argamsiisuu akka hin dandeenye mirkaneesseera
Hammeenyi yeroo Seexanni jalqaba lafarratti soba dubbatetti jalqabe. Seexanni jalqaba mudaa kan hin qabne taʼus, “inni dhugaa irra hin dhaabanne.” (Yohannis 8:44) Fedhiin inni, waaqeffannaa Waaqayyoof qofa malu argachuuf qabu keessasaatti akka guddatu godhe. Hewwaanitti soba dubbachuudhaan Waaqayyoof utuu hin taʼin isaaf akka abboomamtu ishee amansiise. Addaamis Hewwaaniin deggeruudhaan Waaqayyoof utuu hin abboomamin hafeera. Kunis dhiphinaafi duʼa geessiseera.—Uumama 3:1-6, 19 dubbisi.
Seexanni, Waaqayyoof akka hin abboomamne yommuu Hewwaanitti dubbate, olaantummaa Yihowaa ykn mirga Waaqayyo bulchuuf qabu mormuusaa ture. Namoonni garri caalaanis, Seexana deggeruudhaan Waaqayyoon akka Bulchaasaaniitti utuu hin fudhatin hafaniiru. Kanaaf, Seexanni ‘isa biyya lafaa seerratu’ taʼeera.—Yohannis 14:30; 1 Yohannis 5:19 dubbisi.
2. Uumamawwan Waaqayyoo mudaa qabu turanii?
Hojiin Waaqayyoo hundi mudaa hin qabu. Namoonniifi ergamoonni Waaqayyo uume dandeettii guutummaatti Waaqayyoof abboomamuuf isaan dandeessisu qabu turan. (Keessa Deebii 32:4, 5) Waaqayyo, waan gaarii ykn waan hamaa gochuu filachuuf mirga akka qabaannu godhee nu uume. Kunimmoo jaalala Waaqayyoof qabnu argisiisuuf carraa nuu bana.—Yaaqoob 1:13-15; 1 Yohannis 5:3 dubbisi.
3. Waaqayyo hanga ammaatti hammeenyi akka jiraatu kan heyyame maaliifi?
Yihowaan, mormiin olaantummaasaarratti kaʼe hanga harʼaatti akka turu heyyameera. Maaliif? Carraaqqiin gargaarsasaatiin ala namoota bulchuuf godhamu akka hin milkoofne mirkaneessuufidha. (Lallaba 7:29; 8:9) Seenaan namoonni waggaa 6,000f dabarsan kana mirkaneessa. Bulchiinsi namootaa waraana, yakka, jalʼinaafi dhukkuba hambisuu hin dandeenye.—Ermiyaas 10:23; Baʼuu 9:16 dubbisi.
Bulchiinsi Waaqayyoo, bulchiinsa namootaarraa haala adda taʼeen namoota isa filataniif faayidaa argamsiisa. (Isaayaas 48:17, 18) Yihowaan yeroo dhihootti bulchiinsa namootaa hunda ni balleessa. Lafa kanarra kan jiraatan namoota Waaqayyoof buluu filatan qofadha.—Isaayaas 11:9.—Daaniʼel 2:44 dubbisi.
Viidiyoo, Waaqayyo Rakkinni Akka Jiraatu kan Heyyame Maaliifi? jedhu ilaali.
4. Obsi Waaqayyoo carraa akkamii nuuf argamsiisa?
Seexanni, namni jaalala ofittummaarraa walaba taʼeen kakaʼee Yihowaa hin tajaajilu jedhee falmeera. Kun soba taʼuusaa mirkaneessuu ni barbaaddaa? Barbaannaan ni dandeessa! Obsi Waaqayyoo, bulchiinsasaafi bulchiinsa namootaa keessaa isa kam akka filannu argisiisuuf carraa nuu baneera. Kanas akkaataa jireenyaa keenyaan argisiisna.—Iyoob 1:8-12; Fakkeenya 27:11 dubbisi.
5. Waaqayyoon Bulchaa keenya goonee akka filanne akkamitti argisiisuu dandeenya?
Filannoon goonu Waaqayyo Bulchaa keenya akka taʼu filachuufi dhiisuu keenya argisiisa
Waaqeffannaa dhugaa Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼe yoo barbaanneefi isaa wajjin walsimnee yoo jiraanne, Waaqayyoon Bulchaa keenya goonee akka filanne argisiisna. (Yohannis 4:23) Akkuma Yesus, siyaasa keessa seenuufi waraanarratti hirmaachuu dhiisuudhaan, Seexanni bulchaa keenya akka hin taane argisiisna.—Yohannis 17:14 dubbisi.
Seexanni jireenya gadhiisiifi akkaataa jireenyaa miidhaa geessisu babalʼisa. Wanta akkasiirraa yommuu fagaannu, michoonniifi firoonni keenya tokko tokko nutti gaʼisuu ykn nu mormuu dandaʼu. (1 Phexros 4:3, 4) Yeroo kanatti filannaa gochuuf dirqamna. Warra Waaqayyoon jaallatanii wajjin michoomuu barbaannaa? Seera Waaqayyoo isa ogummaafi jaalalarratti hundaaʼeefoo ni abboomamnaa? Taanaan, falmii Seexanni eenyuyyuu wanta Waaqayyo jedhe raawwachuu hin dandaʼu jechuudhaan kaase soba taʼuusaa mirkaneessina.—1 Qorontos 6:9, 10; 15:33 dubbisi.
Jaalalli Waaqayyo namootaaf qabu hammeenyiifi dhiphinni yeroo dhihootti akka badu mirkaneessa. Warri bulchiinsi Waaqayyoo sirrii taʼuusaa amananiifi Isa Bulchaasaanii godhanii filatan barabaraaf gammachuudhaan lafarra jiraatu.—Yohannis 3:16 dubbisi.