LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • fg barumsa 14 gaaffilee 1-4
  • Waaqayyo, Jaarimiyaa Qabaachuun Kan Isa Barbaachise Maaliifi?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Waaqayyo, Jaarimiyaa Qabaachuun Kan Isa Barbaachise Maaliifi?
  • Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Waaqayyo Jaarmiyaa Qabaachuun Kan Isa Barbaachise Maaliifi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Gumiin kan Gurmaaʼee fi kan Geggeeffamu Akkamitti?
    Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
  • Akkaataa Dhugaa Baatonni Yihowaa Itti Gurmaa’an
    Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa?
  • Yihowaan Waaqa Qindoominaan Hojjetudha
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
Dabalataan Ilaaluuf
Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!
fg barumsa 14 gaaffilee 1-4

BARUMSA 14

Waaqayyo, Jaarmiyaa Qabaachuun Kan Isa Barbaachise Maaliifi?

1. Waaqayyo saba Israaʼel durii kan gurmeesse maaliifi?

1. Saba Waaqayyoo Israaʼel durii keessatti; 2. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa gurmaaʼinaan yommuu lallaban

Waaqayyo, sanyii Abrahaam isa abbaa amantii akka saba tokkootti erga gurmeessee booda seera ittiin bulan kenneeraaf. Saba sanas “Israaʼel” jedhee kan waame siʼa taʼu, waaqeffannaa dhugaafi dubbisaa isaaniif kenneera. (Faarfannaa 147:19, 20) Kunis sabni biyya lafaa hundi Israaʼelootarraa faayidaa akka argatan godheera.​—Uumama 22:18 dubbisi.

Waaqayyo, Israaʼeloota dhugaa baatotasaa godhee filateera. Namoonni seera Waaqayyootiif yommuu abboomaman akkamitti akka fayyadaman seenaa Israaʼeloota duriirraa hubachuun ni dandaʼama. (Keessa Deebii 4:6) Kanaaf, namoonni kaan Israaʼeloota ilaaluudhaan isaanirraa barumsa argachuu dandaʼu.​—Isaayaas 43:10, 12 dubbisi.

2. Kiristiyaanonni dhugaan gurmaaʼuun kan isaan barbaachise maaliifi?

Yeroo booda, Israaʼeloonni Waaqayyo biratti fudhatama kan dhaban siʼa taʼu, Yihowaanis saba sana gumii Kiristiyaanaatiin bakka buuseera. (Maatewos 21:43; 23:37, 38) Kanaaf yeroo ammaa, bakka Israaʼelootaa buʼuudhaan dhugaa baatota Yihowaa taʼanii kan tajaajilan Kiristiyaanota dhugaati.​—Hojii Ergamootaa 15:14, 17 dubbisi.

Yesus, duuka buutonnisaa akka lallabaniifi saba hundumaa keessaa namoota bartoota akka godhaniif isaan gurmeesseera. (Maatewos 10:7, 11; 24:14; 28:19, 20) Kan jiraannu guyyoota gara dhumaa keessa yommuu taʼu, hojiin kunis yeroo ammaatti xumuramuuf jedha. Yihowaan, seenaa keessatti yeroo jalqabaatiif, namoota miliyoonaan lakkaaʼamaniifi saba hundumaa keessaa dhufan waaqeffannaa dhugaatiin tokko godheera. (Mulʼata 7:9, 10) Kiristiyaanonni dhugaa kan gurmaaʼan, wal jajjabeessuufi wal gargaaruufidha. Addunyaa maratti, bakka walgaʼiisaaniitti barumsa Macaafa Qulqulluu wal fakkaatutu isaaniif kennama.​—Ibroota 10:24, 25 dubbisi.

3. Jaarmiyaan Dhugaa Baatota Yihowaa, bara keenyatti hojiisaa kan jalqabe akkamitti?

Dhugaa Baatonni Yihowaa jalqaba bara 1900 fi yeroo ammaatti yommuu lallaban; barreeffamoonni Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf gargaaraan afaan garaa garaatiin.

Bara 1870mmanitti, barattoonni Macaafa Qulqulluu muraasni, dhugaa Macaafa Qulqulluu bara dheeraadhaaf dhokatee ture deebisanii argachuu jalqaban. Yesus, gumii Kiristiyaanaa kan hundeesse hojii lallabaatiif taʼuusaa waan hubataniif, Mootummaa Waaqayyoo addunyaa maratti labsuuf duula jalqaban. Bara 1931⁠tti maqaa Dhugaa Baatota Yihowaa jedhamuun waamamuu jalqaban.​—Hojii Ergamootaa 1:8; 2:1, 4; 5:42 dubbisi.

4. Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo ammaatti kan gurmaaʼan akkamitti?

Jaarraa jalqabaatti, gumiin Kiristaanaa biyyoota hedduutti argaman, Qaama Olaanaa Yesusiin akka Mataa gumiitti ilaalurraa qajeelfama argatu turan. (Hojii Ergamootaa 16:4, 5) Haaluma wal fakkaatuun harʼas, Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti argaman jaarsolii muuxannoo qabaniifi Qaama Olaanaa taʼanii tajaajilanirraa qajeelfama argatu. Qaamni Olaanaan barreeffamoota Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf gargaaraniifi waajjiroonni damee Dhugaa Baatota Yihowaa hiikan, maxxansaniifi afaan 600 ol taʼuun raabsan olaantummaadhaan toʼata. Kanaaf, Qaamni Olaanaan gumiiwwan 100,000 ol taʼaniif jajjabinaafi qajeelfama Caaffata Qulqullaaʼoorratti hundaaʼe kenna. Gumii hunda keessatti, dhiironni gaʼumsa qaban, jaarsolii ykn ilaaltuu olaanaa taʼanii tajaajilu. Dhiironni kun karra hoolota Waaqayyoo jaalalaan kunuunsu.​—1 Phexros 5:2, 3 dubbisi.

Dhugaa Baatonni Yihowaa kan gurmaaʼan misiraachicha lallabuufi namoota bartoota gochuufidha. Akkuma ergamoota Yesus, nuyis manaa gara manaa dhaqnee lallabna. (Hojii Ergamootaa 20:20) Namoonni garaa qajeelaa qabaniifi dhugaa jaallatanis, Macaafa Qulqulluu akka qayyabatan afeerra. Haataʼu malee, Dhugaa Baatonni Yihowaa akkasumaan jaarmiyaa qofa miti. Nuyi miseensa maatii Abbaa jaalala qabeessa taʼe qabudha. Kana malees, akka obboleessaafi obboleettiitti waliif yaanna. (2 Tasaloniiqee 1:3) Sabni Yihowaa, Waaqayyoon gammachiisuufi namoota gargaaruuf waan gurmaaʼaniif, lafa kanarratti hunda caalaa maatii gammachuu qabu taʼaniiru.​—Faarfannaa 33:12; Hojii Ergamootaa 20:35 dubbisi.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa? jedhamu boqonnaa 19 ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi