LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • rq barumsa 14 ful. 28-29
  • Akkaataa Dhugaa Baatonni Yihowaa Itti Gurmaa’an

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Akkaataa Dhugaa Baatonni Yihowaa Itti Gurmaa’an
  • Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa?
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Waaqayyo, Jaarimiyaa Qabaachuun Kan Isa Barbaachise Maaliifi?
    Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!
  • Waaqayyo Jaarmiyaa Qabaachuun Kan Isa Barbaachise Maaliifi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Gumichi Jajjabaachaa Haa Adeemu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2007
  • Dhugaa Baatonni Yihowaa Buusii Godhamu Akkamitti Itti Fayyadamu?
    Dhugaa Baatota Yihowaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman
Dabalataan Ilaaluuf
Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa?
rq barumsa 14 ful. 28-29

Barumsa 14

Akkaataa Dhugaa Baatonni Yihowaa Itti Gurmaa’an

Dhugaa Baatonni Yihowaa bifa haraadhaan socho’uu kan jalqaban yoomii? (1)

Walga’iin Dhugaa Baatota Yihowaa akkamitti geggeeffamaa? (2)

Baasii hojiisaanii ittiin geggeessan eessaa argatuu? (3)

Tokkoon tokkoon Hojii gumii keessaa kan olaantummaadhaan geggeessan eenyu fa’ii? (4)

Walga’iiwwan gurguddaan waggaa waggaan geggeeffaman kam fa’ii? (5)

Waajjira muummichaa Dhugaa Baatota Yiihowaafi dameewwansaanii jalatti hojiiwwan akkamiitu hojjetamaa? (6)

1. Dhugaa Baatonni Yihowaa bifa haaraadhaan socho’uu kan jalqaban bara 1870 tti. Jalqabatti Barattoota Macaafa qulqulluu jedhamanii waamamu turan. Bara 1931 eegale garuu, maqaa Dhugaa Baatota Yihowaa jedhamuun waamamuu jalqaban. (Isaayaas 43:10) Jaarmiyaan kun sadarkaa xiqqoodhaa ka’ee, biyyoottan 230 ol ta’aniifi Dhugaa Baatota miliyoonatti lakkaa’amaniin gurmaa’eera.

2. Gumiin Dhugaa Baatota Yihowaa baay’een torbanitti al sadii walga’u. Walga’ii kanarratti akka argamtu afeeramteetta. (Ibroota 10:24, 25) Barumsi kennamu Macaafa qulqulluurratti kan hundaa’edha. Walga’ichi kan jalqabamuufi kan xumuramu kadhannaadhaani. Kana malees, “faarfannaan hafuuraa” miira onneerra maddeen faarfatama. (Efesoon 5:18, 19) Ol lixxee dhageeffachuuf qarshiin kan hin kafalamne yeroo ta’u, qodaan qarshiin ittisassaabamus gumii keessa hin naanneffamu.—Maatewos 10:8.

3. Gumiiwwan baay’een walga’iisaanii kan geggeessan Galma walga’ii Mootummaa keessatti. Galmawwan walga’ii kan ijaaraman Dhugaa Baatota fedhasaaniitiin hojjetaniini. Galma walga’ii keessatti fakkiin, fannoon ykn wanti kanaan wal fakkaatu hin argamu. Baasiin ijaarsa galmichaa kan argamu kennaa fedhaan Kennamuuni. Namoota Buusii qarshii gochuu barbaadaniif saanduqni busii qophaa’eera.—2 Qorontos 9:7.

4. Tokkoon tokkoo gumii keessa, jaarsolii ykn ilaaltonni olaanaa ni argamu. Jaarsoliin hojii gumicha barsiisuurratti ni hirmaatu. (1 Ximotewos 3:1-7; 5:17) Hojiisaanii kanarrattis gargaarsa tajaajiltootaa ni argatu. (1 Ximotewos 3:8-10, 12, 13) Namoonni kun miseensota kaanirra aangoodhaan ykn ulfinaan caalmaa hin qaban. (2 Qorontos 1:24) Maqaa taayitaa ittiin addaan baafamanii beekaman hin qaban. (Maatewos 23:8-10) Akkaataan uffannaasaaniis warra kaaniirraa kan adda ta’e miti. Hojii hojjetaniif mindaan kafalamuuf hin jiru. Jaarsoliin fedhasaaniitiin nagaa gumii eegu. Yeroo rakkinni ga’utti jajjabinaafi qajeelfama kennuu danda’u.—Yaaqoob 5:14- 16; 1 Phexros 5:2, 3.

5. Kana malees, Dhugaa Baatonni Yihowaa waggaa waggaatti walga’ii gurguddaa geggeessu. Yeroo akkasiitti gumiiwwan baay’een bakka tokkotti walga’anii qajeelfama Macaafa qulqulluu argatu. Cuuphaan barattoota haaraa, sagantaa walga’ii gurguddaa keessaa isa tokkodha.—Maatewos 3:13-17; 28:19, 20.

6. Waajjirri muummicha Dhugaa Baatota Yihowaa Brukiliin Niiwu Yorkitti argama. Waajjira muummichaa kana keessatti, gummii addunyaa maraa olaantummaadhaan kan ilaalan jaarsoliin muuxannoo qaban gurmaa’aniiru. Gurmuun kun Qaama Bulchiinsaa jedhama. Kana malees addunyaa maratti waajjiroota damee 100 ol ta’antu argama. Waajjiroota kana keessatti namoonni fedhasaaniitiin ofdhiheessan, hojii barreeffamawwan Macaafa qulqulluurratti hundaa’an maxxansuufi gumiiwwan biyyoota adda addaatiif erguurratti hirmaatu. Akkasumas, hojii labsii kana gurmeessuuf qajeelfama barbaachisaa ta’etu kennama. Maaliif waajjira damee naannoo keetti argamu daawwachuuf sagantaa hin baafattuu?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi