LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwfq mataduree 61
  • Dhugaa Baatonni Yihowaa Buusii Godhamu Akkamitti Itti Fayyadamu?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dhugaa Baatonni Yihowaa Buusii Godhamu Akkamitti Itti Fayyadamu?
  • Dhugaa Baatota Yihowaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Sochiiwwan Keenya Tokko Tokko
  • “Kennaa Yihowaadhaaf Kennamu”
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2018
  • Waaqa Waan Hundumaa Qabuuf kan Kenninu Maaliifi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
  • Hojii Addunyaa Maratti Hojjennuuf Deggersi Qarshii Kan Argamu Akkamitti?
    Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?
  • Jaalala Keessaniif Yihowaa ni Galateeffanna
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
Dabalataan Ilaaluuf
Dhugaa Baatota Yihowaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman
ijwfq mataduree 61
Fakkii: Hojiiwwan amantii fi gargaarsa namummaa Dhugaa Baatota Yihowaa buusii godhamuun hojjetaman. 1. Dhugaa Baatonni Galma Walgaʼii tokko yommuu ijaaran. 2. Dhugaa Baatuun fedhiidhaan hojii gargaarsaa hojjetu dubartii tokkoof bishaan yommuu kennu. 3. Dhugaa Baatuun tokko gaarii barreeffamaa biratti birooshura “Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu” jedhamurraa mata duree tokko yommuu mariisistu.

Dhugaa Baatonni Yihowaa Buusii Godhamu Akkamitti Itti Fayyadamu?

Buusii argannu hojii amantii fi gargaarsa namummaa jaarmiyaan keenya raawwatu deggeruuf itti fayyadamna. Sochiiwwan kun ergama keenya isa guddaa, jechuunis namoonni barattoota Yesuus Kiristoos akka taʼan gargaaruu keessaa tokko akka taʼanitti ilaalla.—Maatewos 28:19, 20.

Buusii argannu nama kamiyyuu sooromsuuf itti hin fayyadamnu. Jaarsolii ykn tajaajiltoota mindaan kaffalamuuf hin qabnu, akkasumas Dhugaa Baatonni Yihowaa manaa gara manaa deemuu isaaniitiif hin kaffalamuuf. Qaama Olaanaa dabalatee, namoonni waajjiroota damee fi waajjira muummee keenyatti tajaajilan miseensota sirna waldaa amantii keenyaa mindaa malee hojjetanidha.

Sochiiwwan Keenya Tokko Tokko

  • Maxxansuu: Waggaa waggaadhaan Kitaabota Qulqulluu fi barreeffamoota Kiristiyaanaa miliyoonaan lakkaaʼaman ni hiikna, ni maxxansina, iddoo garagaraatti ni geessina akkasumas ni raabsina; taʼus, kana hundumaa tolaan goona. Kana malees, weebsaayitiin keenya jw.org jedhamuu fi appilikeeshiniin JW Library gatii ykn beeksisa malee barreeffamoonni bifa elektirooniksiitiin akka argaman godhu.

    Dhugaa Baatuun meeshaa maxxansaarratti hojjetu tokko Kitaaba Qulqulluu haaraa maxxanfame qulqullina isaa yommuu ilaalu.
  • Ijaarsaa fi Suphaa: Gumiiwwan keenya bakka mijataa itti walitti qabamanii fi Waaqayyoon jajatan akka argatan gargaaruuf, addunyaa maratti iddoowwan waaqeffannaa mijataa taʼan ni ijaarra, akkasumas ni suphina. Waajjiroota damee fi waajjiroota hiikkaatiifis akkasuma goona. Hojiin kun baayʼeen isaa namoota fedhiidhaan of dhiheessaniin kan hojjetamu yeroo taʼu, kunis baasii hirʼisuuf gargaara.

    Dhugaa Baatuun tokko gamoo waaqeffannaaf tajaajilu biratti miʼa irra dhaabbatanii hojjetan yommuu qopheessu.
  • Hojii geggeessuu: Hojiiwwan waajjira muummee, waajjiroota damee fi waajjiroota hiikkaa, akkasumas sochiiwwan daawwattoota olaanaa, buusii hojii addunyaa maraa keenyaaf godhamuun deggerama.

    Dhugaa Baatuun Yihowaa minjaala bira taaʼe tokko hojii biiroo yommuu hojjetu.
  • Lallaba: Dhugaa Baatonni misiraachoo lallabuuf ykn “dubbii Waaqayyoo” warra kaan barsiisuuf qarshiin isaaniif hin kaffalamu. (2 Qorontos 2:17) Taʼus, akkuma Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa godhan, tajaajiltoonni filatamanii fi leenjiʼan, akkasumas yeroo isaanii gara caalaa lallabarratti dabarsan, mana jireenyaa giddu galeessaa taʼee fi wantoota buʼuuraa jireenyaaf barbaachisan akka argatan deggersi isaaniif ni godhama.—Filiphisiyus 4:16, 17; 1 Ximotewos 5:17-18

    Hiriyoonni gaaʼelaa tokko tajaajilarratti hirmaachaa jiru. Viidiyoo Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼe namicha tokkotti argisiisaa jiru.
  • Barsiisuu: Walgaʼiiwwan aanaa fi walgaʼiiwwan naannoo keenya qarshii buusii taʼuun deggeramu. Kana malees, sagalee fi viidiyoodhaan barumsa Kitaaba Qulqulluu ni qopheessina. Akkasumas manneen barumsaa jaarsolii fi tajaajiltoonni yeroo guutuu ramaddii isaaniirratti caalaatti buʼa qabeeyyii akka taʼan leenjisan ni qopheessina.

    Namoonni walgaʼii naannoorra jiran bakka walgaʼii guddaa tokkotti viidiyoo ilaalaa jiru.
  • Gargaarsa yeroo balaa: Namoota balaan uumamaa fi balaan nam-tolchee isaan mudate, nyaata, bishaanii fi mana akka argatan ni goona. Gargaarsi namummaa kun “warra amantiidhaan nutti firooman” qofa utuu hin taʼin, warra Dhugaa Baatota hin taanes ni fayyada.—Galaatiyaa 6:10.

    Mana kuusaa tokko keessatti, Dhugaa Baatonni hedduun xaawulaa miʼa gargaarsaa ittiin erguuf oolu yommuu qopheessan.
    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi