LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • fg barumsa 11 gaaffilee 1-4
  • Seerawwan Bu‵uuraa Macaafa Qulqulluu Kan Nu Fayyadan Akkamitti?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Seerawwan Bu‵uuraa Macaafa Qulqulluu Kan Nu Fayyadan Akkamitti?
  • Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Seerawwan Waaqayyoo Kan Nu Fayyadan Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Seerrii fi Qajeelfamni Waaqayyoo Qalbii Keessan Akka Leenjisu eyyamaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
  • Karaa Hundumaan Qajeelfama Waaqayyoo Barbaadaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Qalbii Keessan Leenjisuu Keessan Itti Fufaa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2019
Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!
fg barumsa 11 gaaffilee 1-4

BARUMSA 11

Seerawwan Buʼuuraa Macaafa Qulqulluu Kan Nu Fayyadan Akkamitti?

1. Qajeelfamni kan nu barbaachisu maaliifi?

Karaawwan Seerri buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu itti hojii irra oolu: Haati tokko mucaan ishee qabattoo konkolaataa akka hidhattu yommuu gootu; abbaa fi ilmi isaa baarmexaa kaawwatanii yommuu biskileettii oofan; dubartii ulfa, hojjetaa hojii irratti of eeggannoo godhu

Seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu, wantoota balaa geessisan raawwachuurraa akka fagaannu kan nu kakaasan akkamitti? —FAARFANNAA 36:9.

Uumaan keenya ogummaa nurra caalu qaba. Inni Abbaa jaalala qabeessa waan taʼeef nuu yaada. Isarraa adda baanee ofiin akka of geggeessinus kaayyoosaa hin turre. (Ermiyaas 10:23) Kanaaf, akkuma ijoolleen xixinnoon qajeelfamni warrasaanii isaan barbaachisu, hundi keenyayyuu qajeelfamni Waaqayyoo nu barbaachisa. (Isaayaas 48:17, 18) Seerri buʼuuraa Macaafa Qulqulluu qajeelfama Waaqayyo biraa nuu kennamedha.​—2 Ximotewos 3:16 dubbisi.

Seerriifi seerri buʼuuraa Yihowaa, yeroo ammaa jireenya hundarra caalu akka jiraannu nu barsiisa; gara fuulduraattis, eebba barabaraa argachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe nu hubachiisa. Waaqayyo Uumaa keenya waan taʼeef qajeelfama inni nuu kenne dinqisiifannaadhaan hordofuu qabna.​—Faarfannaa 19:7, 11; Mulʼata 4:11 dubbisi.

2. Seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu maalidha?

Seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu, dhugaawwan buʼuuraa achi keessatti ibsaman kan argisiisanidha. Seerawwanimmoo, haalawwan adda taʼanii wajjin wal qabatanii kennaman taʼuu dandaʼu. (Keessa Deebii 22:8) Seera buʼuuraa tokko haala adda taʼe tokko keessatti hojiirra oolchuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe beekuuf, dandeettii hubannaa keenyatti fayyadamuu qabna. (Fakkeenya 2:10-12) Fakkeenyaaf, Macaafni Qulqulluun jireenyi kennaa Waaqayyoo akka taʼe barsiisa. Seerri buʼuuraa kun, bakka hojiitti, mana keessatti, akkasumas yommuu karaa deemnu nu geggeessuu dandaʼa. Wantoota balaa geessisan raawwachuurraa akka fagaannu gochuudhaanis nu geggeessa.​—Hojii Ergamootaa 17:28 dubbisi.

3. Seerawwan buʼuuraa gurguddaan lamaan kamfaʼi?

Yesus seerawwan buʼuuraa hunda caalaa barbaachisaa taʼan lama dubbateera. Seerri buʼuuraa inni jalqabaa, kaayyoo itti uumamne, jechuunis Waaqayyoon beekuu, isa jaallachuufi amanamummaadhaan isa tajaajiluu kan ibsudha. Murtoo goonu hundaarratti seera buʼuuraa isa jalqabaa kanaaf xiyyeeffannaa kennuu qabna. (Fakkeenya 3:6) Namoonni seera buʼuuraa kanaa wajjin walsimanii jiraatan, Waaqayyoo wajjin michooma jabaa qabaatu; akkasumas gammachuu dhugaafi jireenya barabaraa argatu.​—Maatewos 22:36-38 dubbisi.

Seerri buʼuuraa inni lammaffaanimmoo, namoota kaanii wajjin walitti dhufeenya gaarii akka qabaannu gochuudhaan nu geggeessa. (1 Qorontos 13:4-7) Seera buʼuuraa isa lammataa kana hojiirra oolchuun, fakkeenya gaarii Yihowaan itti namoota qabe hordofuu dabalata.​—Maatewos 7:12; 22:39, 40 dubbisi.

4. Seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu kan nu fayyadan akkamitti?

A happy family

Seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu maatiiwwan jaalalaan tokko taʼuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe barsiisa. (Qolosaayis 3:12-14) Kana malees, Dubbiin Waaqayyoo seera buʼuuraa qajeelfama taʼee tajaajilu garabiraa, jechuunis gaaʼelli yeroo hundumaaf dhaabbataa taʼuu akka qabu barsiisuudhaan maatiidhaaf eegumsa godha.​—Uumama 2:24 dubbisi.

Seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu hordofuun, wanta jireenyaaf nu barbaachisu akka hin dhabne nu gargaara; miira keenyas nuu eega. Fakkeenyaaf, yeroo baayʼee abbootiin qabeenyaa hojjetoota seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu wajjin haala walsimuun jiraachuudhaan amanamoo taʼaniifi jabaatanii hojjetan qacaruu filatu. (Fakkeenya 10:4, 26; Ibroota 13:18) Kana malees, Dubbiin Waaqayyoo wanta qabnutti gammannee akka jiraannuufi qabeenya kamiyyuu caalaa hariiroo Waaqayyoo wajjin qabnuuf bakka guddaa akka kenninu nu barsiisa.​—Maatewos 6:24, 25, 33; 1 Ximotewos 6:8-10 dubbisi.

Seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuun fayyaa keenya nuu eeguu dandaʼa. (Fakkeenya 14:30; 22:24, 25) Seera Waaqayyo machiirraa akka fagaannuuf baasetti qabamnee jiraachuun keenya, balaafi dhukkuba duʼaaf nu saaxilurraa nu eega. (Fakkeenya 23:20) Yihowaan dhugaatii alkoolii akka dhugnu heyyamus garmalee dhuguu garuu ni dhowwa. (Faarfannaa 104:15; 1 Qorontos 6:10) Seerawwan buʼuuraa Waaqayyoo, gocha keenya qofa utuu hin taʼin yaada keenyas akka toʼannu nu barsiisuudhaan faayidaa nuuf argamsiisu. (Faarfannaa 119:97-100) Haataʼu malee, Kiristiyaanonni dhugaan ulaagaa Waaqayyo qajeelummaadhaaf baase kan kabajan waan isaan fayyaduuf qofa miti. Kana kan godhan Yihowaadhaaf ulfina kennuuf jedhaniiti.​—Maatewos 5:14-16 dubbisi.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa? jedhamu boqonnaa 12fi 13 ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi