LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • yc barumsa 13 ful. 28-29
  • Ximotewos Namoota Gargaaruu Barbaada Ture

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Ximotewos Namoota Gargaaruu Barbaada Ture
  • Ijoollee Keessan Barsiisaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Ximotewos Tajaajiluuf Fedhiidhaan Of Qopheessee Ture
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Dargaggootaa Galmawwan Waaqayyoof Ulfina Fidan Hordofaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2007
  • Guddinni Keessan Akka Argamu Godhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
  • Itti Gaafatamummaa Keessaan Hinaaffaadhaan Raawwadhaa!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
Dabalataan Ilaaluuf
Ijoollee Keessan Barsiisaa
yc barumsa 13 ful. 28-29
Ximotewos phaawulos wajjin markabaan yeroo deemu

BARUMSA 13

Ximotewos Namoota Gargaaruu Barbaada Ture

Ximotewos dargaggeessa namoota gargaaruun isa gammachiisu ture. Namoota gargaaruuf iddoo baayʼee dhaqeera. Kunimmoo gammachuu akka argatu isa godheera. Waaʼeesaa dhagaʼuu barbaaddaa?—

Haatii fi Akkoon Ximotewos waa’ee Yihowaa isa barsiisaniiru

Ximotewos magaalaa Lisxiraa jedhamtu keessatti guddate. Akkoonsaa Loʼisiifi haatisaa Ewuniiqeen ijoollummaasaatii jalqabee waaʼee Yihowaa isa barsiisaa turan. Ximotewos yeroo guddachaa deemu, namoonni waaʼee Yihowaa akka baratan gargaaruu barbaade.

Ximotewos dargaggeessa yeroo ture Phaawulos, iddoowwan kan biraatti lallabuuf isaa wajjin akka deemu isa gaafate. Ximotewos deemee warra kaan gargaaruuf qophaaʼaa waan tureef, ‘Tole!’ jedhe.

Ximotewos Phaawulosii wajjin gara magaalaa Tasaloniiqee ishee Giriik keessa jirtuu dhaqe. Achi dhaquuf, karaa dheeraa deemanii markaba yaabbachuu qabu turan. Dhumarratti yeroo achi gaʼan, namoonni baayʼeen waaʼee Yihowaa akka baratan isaan gargaaran. Namoonni tokko tokko garuu, waan isaanitti aaraniif isaan miidhuuf yaalan. Kanaafuu, Phaawulosiifi Ximotewos magaalaa sanaa baʼanii bakka kan biraatti lallaban.

Ximotewos phaawulos wajjin markabaan yeroo deemu

Ximotewos jireenya gammachuu qabu jiraateera

Jiʼoota muraasa booda, Phaawulos, Ximotewos gara Tasaloniiqeetti deebiʼee obboloonni haala akkamiirratti akka argaman akka ilaalu isa gaafate. Magaalaa nama sodaachistu sanatti deebiʼuun ija jabina guddaa gaafata ture. Taʼus, Ximotewos obboloota achi jiraniif waan yaadeef ni dhaqe. Achiis oduu gaarii qabatee gara Phaawulositti deebiʼe. Obboloonni Tasaloniiqee keessa jiran nagaasaanii turan.

Ximotewos waggaa baayʼeedhaaf Phaawulosii wajjin tajaajileera. Yeroo tokko Phaawulos, gumiiwwan gargaaruuf namoota erguu dandaʼu keessaa hundarra kan caalu Ximotewos akka taʼe dubbatee ture. Phaawulos akkas kan jedhe, Ximotewos Yihowaafi namoota waan jaallatuuf ture.

Namoota ni jaallattaa? Waaʼee Yihowaa akka baratan isaan gargaaruuhoo ni barbaaddaa?— Akkas kan gootu yoo taʼe, atis akkuma Ximotewos gammachuu argachuu ni dandeessa!

MACAAFA QULQULLUU KEERRAA DUBBISI

  • 2 Ximotewos 1:5; 3:15

  • Hojii Ergamootaa 16:1-5; 17:1-10

  • 1 Tasaloniiqee 3:2-7

  • Filiphisiiyus 2:19-22

GAAFFII:

  • Ximotewos eessatti guddate?

  • Ximotewos Phaawulosii wajjin deemuu ni barbaada turee? Maaliif?

  • Ximotewos gara Tasaloniiqeetti kan deebiʼe maaliifi?

  • Atis akka Ximotewos gammachuu argachuu kan dandeessu akkamitti?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi