LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • yc barumsa 14 ful. 30-31
  • Mootummaa Guutummaa Lafaa Bulchu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Mootummaa Guutummaa Lafaa Bulchu
  • Ijoollee Keessan Barsiisaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Michoonni Waaqayyoo Jannata Keessa Jiraatu
    Michuu Waaqayyoo Taʼuu Dandeessa!
  • Kaayyoon Waaqayyo Lafaaf Qabu Maalinnii?
    Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa?
  • Eenyufaatu Duʼaa Kaʼa? Isaanoo Eessa Jiraatu?
    Barsiisaa Guddicharraa Baradhu
  • “Jannata Keessatti Wal Argina!”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
Dabalataan Ilaaluuf
Ijoollee Keessan Barsiisaa
yc barumsa 14 ful. 30-31
Yesus Kiristos lafa jannata taatu irratti Mootii ta’ee yommuu bulchu

BARUMSA 14

Mootummaa Guutummaa Lafaa Bulchu

Waaʼee Mootummaa isa kamii dubbachaa akka jirru beektaa?— Eeyyee, waaʼee Mootummaa Waaqayyooti. Mootummaan kun lafa jannata godha. Waaʼee Mootummaa kanaa caalaatti beekuu barbaaddaa?—

Mootummaan hundumtuu mootii qaba. Mootiin tokko namoota biyyasaa keessa jiran bulcha. Mootiin Mootummaa Waaqayyoo eenyu akka taʼe beektaa?— Yesus Kiristosidha. Inni kan jiraatu samiirradha. Yeroo dhihootti, namoota lafarra jiran hundarratti Mootii taʼa! Yeroo Yesus guutummaa lafaarratti Mootii taʼu waan gammannu sitti hin fakkaatuu?—

Wanti Jannata keessatti arguu barbaaddu maalidha?

Eeyyee, baayʼee gammanna! Jannata keessatti namoonni wal hin lolan, waraannis hin jiraatu. Namni hundi wal jaallata. Eenyuyyuu hin dhukkubsatu ykn hin duʼu. Namoonni ijisaanii hin argine ijisaanii ni banamaaf, namoonni gurrisaanii hin dhageenye ni dhagaʼu, warri miillisaanii deemuu hin dandeenyes ni fiigu ykn ni utaalu. Namni hundumtuu nyaata baayʼee qabaata. Bineensonni, waliisaanii wajjinis taʼe nuu wajjin nagaadhaan jiraatu. Namoonni duʼan ni kaʼu. Namoonni birooshura kana keessatti waaʼeesaanii baratte kan akka Ribqaa, Rahaab, Daawitiifi Eliyaas duʼaa ni kaʼu! Yeroo duʼaa kaʼan isaan argachuu hin barbaadduu?—

Yihowaan waan si jaallatuuf akka gammaddu barbaada. Waaʼeesaa barachuufi isaaf ajajamuukee yoo itti fufte, jannata keessa barabaraaf jiraatta! Jannata keessa jiraachuu ni barbaaddaa?—

MACAAFA QULQULLUU KEERRAA DUBBISI

  • Isaayaas 2:4; 11:6-9; 25:8; 33:24; 35:5, 6

  • Yohannis 5:28, 29; 17:3

GAAFFII:

  • Mootiin Mootummaa Waaqayyoo eenyudha?

  • Yesus eenyurratti Mootii taʼa?

  • Yeroo Yesus lafa kana bulchu haallisaa maal fakkaata?

  • Jannata keessa barabaraan jiraachuu yoo barbaadde maal gochuu qabda?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi