Bitaa: Yeroo balaan uumametti, gargaarsa Siwiizarlaandirraa obboloota keenya Jarmanitti argamaniif ergame, bara 1946; Mirga: Obomboleettii Jaappaanitti kaʼe booda Galma Mootummaa deebiʼee ijaaramaa jiru, bara 2011
KUTAA 6
Mootummicha Deggeruu—Iddoo Waaqeffannaa Ijaaruufi Yeroo Balaan Gaʼu Gargaarsa Gochuu
GALMA MOOTUMMAA keessan dhaqxanii iddoonsaa haaraa isinitti taʼe haa jennu. Galma Mootummaa kana yeroo hunda ni dinqisiifattu turtan. Tarii waggoota muraasa dura ijaarsa galma kanaarratti hirmaattaniittu taʼa. Amma garuu bakka kanatti yeroodhaaf obboloota balaadhaan miidhamaniif gargaarsi godhamaa jira. Obomboleettiin dhiheenyatti kaʼee ture lolaan naannoo keessan akka mancaasu waan godheef, Koreen Waajjira Damee dafee haala mijeessuudhaan obboloonni balaan kun isaan miidhe nyaata, uffata, bishaan dhugaatiifi gargaarsa gara biraa akka argatan gochaa jira. Buusiiwwan yeroo kanaaf oolan qophaaʼaniiru. Obboloonni hedduun gara galma kanaa dhufan, gama hundaan wanta isaan barbaachisu waan argataniif, gammachuudhaan imimmaansaanii dhangalaasaa jiru.
Yesus amalli guddaan bartoonnisaa ittiin beekaman jaalala akka taʼe dubbateera. (Yoh. 13:34, 35) Kutaa kana keessatti, jaalalli Kiristiyaanota gidduu jiru, hojii ijaarsaa Dhugaa Baatonni Yihowaa raawwataniifi gargaarsa isaan yeroo balaan uumamu godhanirratti kan mulʼate akkamitti akka taʼe ilaalla. Jaalalli akkasii bulchiinsa Mootummaa Yesus jala akka jirru kan argisiisudha.