LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • hf kutaa 5 ful. 15-17
  • Firoota Keessanii Wajjin Nagaadhaan Jiraachuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Firoota Keessanii Wajjin Nagaadhaan Jiraachuu
  • Maatiin Keessan Gammachuu Qabaachuu Ni Dandaʼa
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • 1 FIROOTA KEESSANIIF ILAALCHA SIRRII QABAADHAA
  • 2 YEROO BARBAACHISAA TAʼETTI EJJENNOO CIMAA QABAADHAA
  • Walii Keessaniif Amanamaa
    Maatiin Keessan Gammachuu Qabaachuu Ni Dandaʼa
  • Gaaʼela Gaarii Qabaachuuf Gargaarsa Waaqayyoo Gaafadhaa
    Maatiin Keessan Gammachuu Qabaachuu Ni Dandaʼa
  • Hiriyaa Gaaʼelaakee Kabaji
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Guyyaa Cidhaa Booda
    Jaalala Waaqayyoo Keessa Jiraadhaa
Dabalataan Ilaaluuf
Maatiin Keessan Gammachuu Qabaachuu Ni Dandaʼa
hf kutaa 5 ful. 15-17
Dubartii haati manaa ilma ishee yeroo nyaata qopheessitu karaa akka itti hin gammanne argisiisuun ishee ilaalaa jiru

KUTAA 5

Firoota Keessanii Wajjin Nagaadhaan Jiraachuu

“Gaarummaa, gad of deebisuu, garraamummaa obsas akka uffataatti uffadhaatii keessa jiraadhaa!”—Qolosaayis 3:12

Gaaʼelli maatii haaraan akka uumamu godha. Warra keessan yoomiyyuu kan jaallattaniifi kan kabajjan taʼus, erga gaaʼela godhattanii booda namoota lafarra jiran hunda caalaa iddoo guddaa kan kennitan hiriyaa gaaʼelaa keessaniifidha. Kana amananii fudhachuun firoota keessan tokko tokkotti ulfaachuu dandaʼa. Haataʼu malee, gama kanaan madaallii keessan eeguudhaan hariiroo hiriyaa gaaʼelaa keessanii wajjin qabdan utuu hin miidhin, firoota keessanii wajjin nagaa qabaachuu akka dandeessaniif, seerri buʼuuraa Macaafa Qulqulluu isin gargaaruu dandaʼa.

1 FIROOTA KEESSANIIF ILAALCHA SIRRII QABAADHAA

Hiriyoota gaaʼelaa warra isaan wajjin yeroo waliin dabarsaa jiran

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA? “Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni!” (Efesoon 6:2) Umriinkee hammamiyyuu yoo taʼe, yoomiyyuu taanaan abbaakeefi haadhakee kabajuu qabda. Akkasumas, hiriyaan gaaʼelaakees warrasaa ykn warrasheetiif xiyyeeffannaa kennuu akka qabu ykn akka qabdu hin dagatin. “Jaalalli hin hinaafu.” Kanaaf, hariiroon hiriyaan gaaʼelaakee warrashee wajjin qabdu, dhiibbaa akka sirraan geessisu sitti hin dhagaʼamin.—1 Qorontos 13:4; Galaatiyaa 5:26.

WANTA GOCHUU DANDEESSU:

  • Yaadawwan kanneen akka “Warrikee yeroo hunda ilaalcha sirrii anaaf hin qaban” ykn “Wantin godhu haadhakee matumaa hin gammachiisu” jedhan dubbachuurraa of eeggadhu

  • Dhimmicha iddoo hiriyaa gaaʼelaakee taʼiitii ilaaluuf yaali

2 YEROO BARBAACHISAA TAʼETTI EJJENNOO CIMAA QABAADHAA

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA? “Dhiirri abbaa isaa fi haadha isaa in dhiisa, haadha manaa isaattis in maxxana; isaan lachanuus foon tokko in taʼu.” (Uumama 2:24) Erga gaaʼela dhaabbattee boodas, warrikee ammayyuu waaʼeenkee akka isaan ilaallatu itti dhagaʼamuu dandaʼa; kanaaf hamma barbaachisaa taʼe caalaa gaaʼelakee keessa seenuu barbaadu.

Gaaʼela keessan keessa hammam seenuu akka qaban kan murteessuu siifi hiriyaa gaaʼelaakeeti; murtoo gootanis utuu isaan hin mufachiisin itti himaa. Amala hin taane utuu isaanitti hin argisiisin ifaafi kallattiidhaan itti himuu dandeessu. (Fakkeenya 15:1) Gad of deebisuu, garraamummaafi obsa qabaachuun firootakee wajjin hariiroo gaarii akka qabaattuufi ‘jaalalaan wal dandaʼuuf’ si gargaara.—Efesoon 4:2.

Abbaa manaa fi haadha manaa waliin haasaʼaa jiran; abbaa manaa fi haadha manaa warra isaaniitiif kennaa kennaa jiran

WANTA GOCHUU DANDEESSU:

  • Firoonnikee gaaʼela keessan keessa baayʼee akka seenan yoo sitti dhagaʼame, haallisaa yommuu mijatutti hiriyaa gaaʼelaakee wajjin mariʼadhu

  • Dhimmichaaf furmaata akkamii akka kennitanis waliin taʼaatii murteessaa

HAALASAA HUBACHUUF YAALAA

Miiraafi ilaalcha warra keessanii hubachuun keessan barbaachisaadha. Gaaʼela keessan keessa kan seenan miidhaa isinirraan gaʼuu barbaadanii miti. Garaadhaa isiniif yaadu. Maatii of dandaʼee jiraatu akka taatanitti isin ilaaluun isaanitti ulfaachuu dandaʼa. Akka qofaatti hafan isaanitti dhagaʼamuullee ni dandaʼa. Haataʼu malee, seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuufi ifaan waliin mariʼachuudhaan, gaaʼela keessan utuu hin miidhin warra keessan akka kabajjan argisiisuu ni dandeessu.

AKKAS JEDHII OF GAAFADHU . . .

  • Waaʼeen gaaʼela keenyaa, warra hiriyaa gaaʼelaakoo yaaddessuunsaa kan nama hin dinqisiisne maaliifi?

  • Hiriyaa gaaʼelaakootiif dursa kennuufi warrakoo kabajuu kanan dandaʼu akkamitti?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi