BOQONNAA 7
Namoonni Urjii Lakkaaʼan Yesuusiin Ilaaluu Dhufan
NAMOONNI URJII LAKKAAʼAN URJII ILAALAA GARA YERUSAALEM, ACHIIS GARA YESUUS DHAQAN
Namoonni muraasni Baha Biiftuutii dhufan. Namoonni kun urjii lakkaaʼu; namoonni urjii lakkaaʼan iddoo urjiilee qorachuudhaan taʼeewwan jireenya namootaa keessatti hiika akkamii akka qaban dubbachuu ni dandeenya jedhu. (Isaayaas 47:13) Biyya isaanii gara Baha Biiftuutti argamu utuu jiranii urjii tokko kan argan siʼa taʼu, urjii kana hordofaa kiiloo meetira dhibbaan lakkaaʼamu deeman. Urjiin kun gara Beetaliheem utuu hin taʼin gara Yerusaalemitti isaan geesse.
Namoonni urjii lakkaaʼan kun yeroo achi gaʼan, “Mootiin Yihudootaa inni dhalate eessa jira? Nuti yommuu Baha Biiftuu turre urjii isaa arginee isaaf sagaduu dhufneerra” jedhan.—Maatewos 2:1, 2.
Heroodis Mootiin Yerusaalem kana dhagaʼee baayʼee aare. Kanaaf, dura buutota lubootaa fi geggeessitoota amantii Yihudii waamee bakka Kiristoos itti dhalatu isaan gaafate. Isaanis Kitaabota Qulqulluu irratti hundaaʼuudhaan, ‘Beetaliheemitti’ jedhanii isaaf deebisan. (Maatewos 2:5; Miikiyaas 5:2) Achiis, Heroodis warri urjii lakkaaʼan kun dhoksaadhaan gara isaa akka dhufan godhe. Akkana isaaniin jedhe: “Dhaqaatii of eeggannoodhaan mucicha barbaadaa; yommuu isa argattan anis dhaqee akkan isaaf sagaduuf deebiʼaatii anatti himaa.” (Maatewos 2:8) Haa taʼu malee, Heroodis mucaa kana kan barbaade isa ajjeesuufi dha.
Namoonni urjii lakkaaʼan kun Heroodis biraa erga deemanii booda urjiin isaan Bahaa Biiftuu utuu jiranii argan isaan dura buʼee deeme. Urjiin kun urjii yeroo kaan mulʼatu irraa adda kan taʼee fi isaaniin geggeessuuf kan qophaaʼe akka taʼe ifa dha. Namoonni kun hamma urjiin sun mana Yoseefii fi Maariyaam ilma isaanii wajjin keessa jiraatan gubbaa dhaabatutti isa hordofan.
Namoonni urjii lakkaaʼan kun yeroo manicha seenan, Maariyaamii fi mucaa ishii Yesuusiin argan. Yeroo kanatti namoonni kun isaaf sagadan. Akkasumas warqii, ixaana adii fi qumbii kennaa isaaf kennan. Sana booda, yeroo isaan gara Heroodisitti deebiʼuuf jedhan, Waaqayyo achitti akka hin deebine abjuudhaan isaan akeekkachiise. Kanaaf, karaa kan biraatiin gara biyya isaaniitti deebiʼan.
Urjii namoota kana geggeesse kan qopheesse eenyu sitti fakkaata? Urjiin kun kallattiidhaan Beetaliheem bakka Yesuus jiru akka isaan hin geessine yaadadhu. Kanaa mannaa Yerusaalem, bakka Heroodis inni Yesuusiin ajjeesuu barbaadu jirutti isaan geesse. Dhuguma immoo utuu Waaqayyo gidduu seenee warri urjii lakkaaʼan bakka Yesuus jiru isatti akka hin himne hin goone taʼee, Heroodis Yesuusiin ni ajjeesa ture. Yesuus akka ajjeefamu kan barbaade Seexana isa diina Waaqayyoo taʼe akka taʼe beekamaa dha; kaayyoo isaa kana galmaan gaʼuufis mala kanatti fayyadameera.