LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • jy boq. 16 ful. 42-ful. 43 key. 8
  • Yesuus Waaqeffannaa Dhugaatiif Hinaaffaa Argisiise

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yesuus Waaqeffannaa Dhugaatiif Hinaaffaa Argisiise
  • Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Qaanaa Keessatti Dinqii Isa Lammaffaa Hojjete
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Dinqii Isa Jalqabaa Raawwate
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Yesus Namoota Gadhee Mana Qulqullummaa Keessaa Ari’e
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Tajaajila Isaa Galiilaa Keessatti Babalʼise
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
jy boq. 16 ful. 42-ful. 43 key. 8
Yesuus namoota qarshii jijjiiran mana qulqullummaa keessaa yommuu gad baasu

BOQONNAA 16

Yesuus Waaqeffannaa Dhugaatiif Hinaaffaa Argisiise

YOHAANNIS 2:12-22

  • YESUUS MANA QULQULLUMMAA QULQULLEESSE

Yesuus cidha Qaanaatti geggeeffame booda gara Qifirnaahom deeme. Haati isaa fi obboloonni isaa—Yaaqoob, Yoseef, Simoonii fi Yihudaan isaa wajjin deemaa jiru.

Haa taʼu malee, Yesuus gara Qifirnaahom kan deemu maaliifi? Magaalaan kun Naazireetii fi Qaanaa caalaa beekamtuu dha; guddoos taʼuu hin ooltu. Akkasumas, barattoonni Yesuus warri haaraan hedduun isaanii Qifirnaahom keessa ykn naannoo ishii jiraatu. Kanaaf, Yesuus naannoo jireenyaa isaaniitti leenjii tokko tokko isaaniif kennuu dandaʼa.

Yesuus yeroo Qifirnaahom keessa turutti dinqiiwwanis ni raawwata. Kanaaf, namoonni magaalattii keessaa fi naannoo ishii jiraatan hedduun waaʼee wantoota inni achitti raawwachaa jiruu dhagaʼaa jiru. Haa taʼu malee, Yesuus namoota isa duukaa jiranii fi Yihudoota hinaaffaa qaban taʼanii wajjin Ayyaana Faasikaa Dh.K.B. bara 30 tti kabajamu irratti argamuuf gara Yerusaalem deemuu qaba.

Mana qulqullummaa Yerusaalem keessa utuu jiranii, barattoonni Yesuus, isaa wajjin haala wal qabateen wanta isa kanaan dura argan irraa adda taʼee fi baayʼee isaan dinqisiisu argan.

Seerri Waaqayyoo, Israaʼeloonni gara mana qulqullummaa dhufanii aarsaa horii akka dhiheessan ajaja; namoonni yommuu achi turanitti immoo nyaatni isaan barbaachisa. Kanaaf, Seerichi namoonni biyya fagoodhaa gara Yerusaalem dhufan qarshii “sangaa yookiis hoolaa,” akkasumas wantoota yommuu achi turanitti isaan barbaachisan ittiin bitatan akka qabatan ni heyyama. (Keessa Deebii 14:24-26) Kanaaf, daldaltoonni Yerusaalem keessa jiran horiiwwanii fi simbirroota dalluma mana qulqullummaa keessatti gurguru. Isaan keessaa tokko tokko immoo uummatatti gatii baayʼisuudhaan isaan gowwoomsaa jiru.

Yesuus wanti isaan godhan waan isa aarseef saantima namoota qarshii jijjiiranii dhangalaase, minjaala isaanii garagalche, akkasumas namoota sana ariʼee gad baase. Achiis, “Wantoota kana asii baasaa! Mana Abbaa koo mana daldalaa gochuu keessan dhiisaa!” isaaniin jedhe.—Yohaannis 2:16.

Barattoonni Yesuus yommuu kana argan raajii Ilma Waaqayyoo ilaalchisee, “Hinaaffaan ani mana keetiif qabu na guba” jedhamee barreeffame yaadatan. Yihudoonni garuu, “Wantoota kana hojjechuuf aangoo akka qabdu mallattoo akkamii nutti argisiisuu dandeessa?” jedhanii isa gaafatan. Yesuusis, “Mana qulqullummaa kana diigaa, anis guyyaa sadiitti deebisee nan ijaara” jedhee isaaniif deebise.—Yohaannis 2:17-19; Faarfannaa 69:9.

Yihudoonni waaʼee mana qulqullummaa Yerusaalem keessa jiruu waan dubbachaa jiru isaanitti fakkaatee, “Manni qulqullummaa kun waggaa 46 tti ijaarame; ati immoo guyyaa sadiitti deebistee ijaartaa?” isaan jedhan. (Yohaannis 2:20) Haa taʼu malee, Yesuus mana qulqullummaa yommuu jedhu, waaʼee qaama isaa dubbachuu isaa ture. Barattoonni isaa waggaa sadii booda, yeroo inni duʼaa kaʼetti jechoota kana yaadataniiru.

  • Cidha Qaanaa keessatti geggeeffame booda Yesuus iddoowwan kamfaa deeme?

  • Yesuus wanta mana qulqullummaa keessatti argetti kan aare maaliifi? Achii hoo maal godhe?

  • Yesuus “mana qulqullummaa kana” kan jedhe maaliini? Yeroo akkas jedhu maal jechuu isaa ti?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi