LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • jy boq. 20 ful. 54-ful. 55 key. 8
  • Qaanaa Keessatti Dinqii Isa Lammaffaa Hojjete

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Qaanaa Keessatti Dinqii Isa Lammaffaa Hojjete
  • Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Dinqii Isa Jalqabaa Raawwate
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Raajiiwwan Masiihicha irratti Raawwataman
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii(2016)
  • Yesuus Waaqeffannaa Dhugaatiif Hinaaffaa Argisiise
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • A7-C Wantoota Guguddaa Jireenya Yesuus isa Lafa Irraatti Raawwataman—Tajaajila Guddaa Yesuus Galiilaatti Raawwate (Kutaa 1)
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
jy boq. 20 ful. 54-ful. 55 key. 8
Abaan taayitaa mootummaa baayʼee gaddee jiru tokko Yesuus mana isaa dhaqee ilma isaa akka fayyisu yommuu isa kadhatu

BOQONNAA 20

Qaanaa Keessatti Dinqii Isa Lammaffaa Hojjete

MAARQOS 1:14, 15 LUQAAS 4:14, 15 YOHAANNIS 4:43-54

  • YESUUS, ‘MOOTUMMAAN WAAQAYYOO DHIHAATEERA’ JEDHEE LALLABE

  • FAGOODHAA MUCAA TOKKO FAYYISE

Yesuus Samaariyaa keessa guyyaa lamaaf erga turee booda gara naannoo bakka jireenyaa isaa deeme. Yihudaa keessatti iddoowwan hedduutti kan lallabe taʼus, gara Galiilaatti deebiʼaa kan jiru boqochuuf miti. Kanaa mannaa, biyya keessatti guddatetti tajaajila guddaa eegaluuf jedha. Akkuma Yesuus jedhe, ‘raajiin biyya isaatti waan hin kabajamneef’ naannoo kanatti akka gaariitti na simatu jedhee hin eegu taʼa. (Yohaannis 4:44) Barattoonni isaa isaa wajjin turuu mannaa, gara maatii isaanii fi gara hojii kanaan dura hojjechaa turanitti deebiʼan.

Ergaan Yesuus lallabuu jalqabe maali dha? “Mootummaan Waaqayyoos dhihaateera. Kanaaf, yaada geddaradhaa; misiraachichattis amanaa” kan jedhu dha. (Maarqos 1:15) Namoonni deebii akkamii kennan? Namoonni Galiilaa hedduun ulfina isaaf kennuudhaan akka gaariitti isa simataniiru. Kan akkas godhan garuu ergaa inni isaanitti hime irratti hundaaʼanii miti. Namoonni Galiilaa tokko tokko Ayyaana Faasikaa jiʼoota muraasa dura Yerusaalemitti kabajame irratti argamanii dinqiiwwan guguddaa Yesuus hojjete arganiiru.—Yohaannis 2:23.

Yesuus tajaajila guddaa Galiilaatti raawwate kan eegale eessatti? Qaanaa, bakka yeroo tokko qophii cidhaa irratti bishaan gara wayiniitti jijjiiretti dha. Yesuus yeroo lammataatiif bakka kana yeroo dhufetti mucaan tokko baayʼee dhukkubsatee duʼuuf akka jedhu dhagaʼe. Mucaan kun mucaa tajaajilaa mootii Heroodis Antiiphaas jedhamuu fi yeroo booda morma Yohaannis Cuuphaa kuchisiisee ti. Tajaajilaan mootii kun, Yesuus Yihudaadhaa gara Qaanaa akka dhufe dhagaʼe. Kanaaf, Yesuusiin barbaacha mana isaa isa Qifirnaahomitti argamuu gara Qaanaa dhufe. Tajaajilaan mootii baayʼee gaddee jiru kun, “Yaa Gooftaa, mucaan koo duʼuu isaa dura gad naa buʼi” jedhee Yesuusiin mudde.—Yohaannis 4:49.

Yesuus, “Dhaqi; ilmi kee fayyeera” yeroo isaan jedhetti tajaajilaan mootii kun ajaaʼibsiifamee taʼuu qaba. (Yohaannis 4:50) Tajaajilaan Heroodis kun Yesuusiin amanee gara mana isaatti deebiʼuuf karaa jalqabe. Karaa irratti garboota isaa misiraachoo isatti himuuf ariitiidhaan dhufaa jiranii wajjin wal arge. Eeyyee, mucaan isaa fayyeera! Innis haala isaa walitti fidachuuf jedhee “saʼaatii meeqatti akka isatti wayyaaʼe” isaan gaafate.

Isaanis, “Dhaqna gubaan sun kaleessa saʼaatii torbatti isa gadhiise” jedhanii deebisaniif.—Yohaannis 4:52.

Abbaan taayitaa sun garboota isaa wajjin wal argee, ilma isaa isa Yesuus fayyise ilaaluuf gara manaa deeme

Tajaajilaan mootii kunis kun saʼaatii Yesuus, “Ilmi kee fayyeera” itti jedhe akka taʼe hubate. Sana booda, namichi sooressi garboota qabu kunii fi maatiin isaa hundi barattoota Kiristos taʼan.

Kanaaf, Yesuus Qaanaa keessatti dinqiiwwan lama hojjeteera. Jalqaba bishaan gara wayiniitti jijjiire, booda immoo fageenya gara kiiloo meetira 26 irraa mucaa tokko fayyise. Dinqiiwwan inni hojjete kana qofa miti. Haa taʼu malee, dinqii inni mucaa kana fayyisuudhaan hojjete Galiilaatti deebiʼuu isaa namootaaf kan mirkaneessu waan taʼeef iddoo guddaa qaba. Inni dhuguma raajii Waaqayyo biratti fudhatama argate dha. Haa taʼu malee, ‘raajiin kun biyya isaatti hammam kabajama’ laata?

Kun kan mirkanaaʼu yeroo Yesuus gara Naazireet deemu dha. Achitti maaltu isa eeggata?

  • Yesuus gara Galiilaatti yeroo deebiʼe ergaa akkamii lallabuu jalqabe? Namoonni hoo deebii akkamii kennan?

  • Yesuus Qaanaatti erga deebiʼee booda dinqii akkamii hojjete? Kun hoo namoota dhimmichi isaan ilaallatu irratti dhiibaa akkamii geessise?

  • Akkaataa Yesuus mucaa tokko Qifirnaahomitti itti fayyisee wajjin haala wal qabateen xiyyeeffannaa namaa kan harkisu maali dha?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi