BOQONNAA 17
Halkaniin Niqodimoosiin Barsiise
YESUUS NIQODIMOOSII WAJJIN HAASAʼE
‘LAMMATA DHALACHUU’ JECHUUN MAAL JECHUU DHA?
Yesuus Dh.K.B. bara 30 tti, Ayyaana Faasikaa kabajuuf Yerusaalem keessa utuu jiruu dinqiiwwan guguddaa raawwate. Kanaan kan kaʼes, namoonni hedduun isatti amanan. Niqodimoos Fariisichi inni miseensa mana murtii ol aanaa Saanhediriin jedhamee waamamuu taʼe baayʼee dinqisiifate. Waaʼee isaa waan dabalataa beekuu waan barbaadeef, halkaniin Yesuus bira dhufe; halkaniin kan dhufe tarii yoo isa argan geggeessitoota Yihudootaa kaan biratti maqaan isaa baduu akka dandaʼu waan sodaateef taʼuu dandaʼa.
Niqodimoos, “Rabbii, ati barsiisaa Waaqayyo biraa dhufe taʼuu kee beekna; sababiin isaas, Waaqayyo yoo isaa wajjin taʼe malee namni dinqiiwwan ati hojjettu kana hojjechuu dandaʼu hin jiru” jedhe. Yesuusis, namni tokko Mootummaa Waaqayyootti galuuf ‘lammata dhalachuu’ akka qabu Niqodimoositti hime.—Yohaannis 3:2, 3.
Haa taʼu malee, namni tokko lammata dhalachuu kan dandaʼu akkamitti? Niqodimoos, namni tokko “Gadameessa haadha isaatti galee lammata dhalachuu dandaʼaa?” jedhee gaafate.—Yohaannis 3:4.
Lakki, lammata dhalachuu jechuun akkas jechuu miti. Yesuus, “Eenyu illee bishaanii fi hafuura irraa yoo dhalate malee, Mootummaa Waaqayyootti galuu hin dandaʼu” jedhe. (Yohaannis 3:5) Yesuus yeroo cuuphamee fi yeroo hafuurri qulqulluun isa irra buʼetti, “bishaanii fi hafuura” irraa dhalateera. Yeroo sanatti sagaleen tokko samii irraa, “Kun Ilma koo isa jaallatamaa ani itti gammadu dha” jedhe. (Maatewos 3:16, 17) Haala kanaan, Waaqayyo Yesuus ilma isaa isa hafuuraa abdii Mootummaa isa samiitti galuu qabu akka taʼu gochuu isaa beeksise. Yeroo booda, Dh.K.B. bara 33, guyyaa Phenxeqosxeetti hafuurri qulqulluun namoota cuuphaman irratti ni dhangalaʼa; achiis lammata dhalatanii ilmaan Waaqayyoo warra hafuuraa taʼu.—Hojii Ergamootaa 2:1-4.
Mootummicha ilaalchisee wanta Yesuus barsiisaa jiru hubachuun Niqodimoosiif ulfaataa dha. Kanaaf, Yesuus Ilma Waaqayyoo isa nama taʼe taʼuudhaan shoora akkamii akka qabu dabalataan ibse. Akkana jedhe: “Akkuma Museen lafa onaa keessatti bofa fannise, Ilmi namaas fannifamuu qaba; kunis, isatti kan amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuufi.”—Yohaannis 3:14, 15.
Bara dheeraa dura, Israaʼeloonni bofoota hadhaa qabaniin hiddaman fayyuu akka dandaʼaniif, bofa sibiila boorrajjii irraa hojjetamee fannifame ilaaluu qabu turan. (Lakkoobsa 21:9) Haaluma wal fakkaatuun, ilmaan namootaa duʼa irraa fayyanii jireenya bara baraa argachuu akka dandaʼaniif Ilma Waaqayyootti amanuun isaanii barbaachisaa dha. Yesuus itti fufuudhaan gaʼee jaalala irratti hundaaʼee fi Yihowaan dhimma kana irratti qabu Niqodimoositti akkana jechuudhaan himeera: “Isatti kan amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Waaqayyo Ilma isaa isa tokkicha hamma kennuufitti addunyaa kana baayʼee jaallateera.” (Yohaannis 3:16) Kanaaf, Yesuus as Yerusaalem keessatti tajaajila isaa jalqabee jiʼa jaʼa booda, karicha isa ilmaan namootaa fayyinatti geessu taʼuu isaa ifa godhe.
Yesuus Niqodimoosiin, “Waaqayyo Ilma isaa gara addunyaatti kan erge . . . akka inni addunyaatti murteessuuf miti” jedhe. Akkas jechuun, akka badan gochuudhaan ilmaan namootaa irratti gara jabinaan akka murteessuuf hin ergamne jechuu dha. Kanaa mannaa, akkuma Yesuus jedhe, kan inni ergame ‘addunyaan karaa isaa akka fayyuufi’ dha.—Yohaannis 3:17.
Niqodimoos waan sodaateef gara Yesuus kan dhufe halkaniini dha. Kanaaf, Yesuus Niqodimoosiin akka armaan gadii jechuudhaan haasaa isaa xumuruun isaa kan nama hawwatu dha: “Wanti murtiidhaaf buʼuura taʼu kana dha: Ifni [Yesuus akkaataa jireenyaa fi barumsawwan barsiiseen ifa taʼe] gara addunyaa dhufeera; namoonni garuu hojiin isaanii hamaa waan taʼeef ifa mannaa dukkana jaallatan. Wanta hamaa hojjechuu kan amaleeffate hundi ifa ni jibba; hojiin isaa akka hin saaxilamneef gara ifaatti hin dhufu. Wanta dhugaa kan hojjetu hundi hojiin isaa fedhii Waaqayyoo wajjin kan wal simu taʼuun isaa akka mulʼatuuf gara ifaatti dhufa.”—Yohaannis 3:19-21.
Kanaaf, amma Niqodimoos Fariisichi inni barsiisaa Israaʼel taʼe, gaʼee Yesuus kaayyoo Waaqayyoo keessatti qabu ilaalchisee wanta dhagaʼe irratti xiinxaluun filannaa isaa ti.