LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lmd barumsa 10
  • Kutannoo Qabaadhu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kutannoo Qabaadhu
  • Namoota Jaalladhu—Barattoota Godhi
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yesuus Maal Godhe?
  • Yesuusirraa Maal Baranna?
  • Fakkeenya Yesuus Hordofi
  • Yesuus Niqodimoosiin Barsiise
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Barattoonni Kitaaba Qulqulluu Dhugaa Cinaa Akka Dhaabbatan Gargaaraa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Qoʼattoonni Kitaaba Qulqulluu Guddina Godhanii Akka Cuuphaman Gargaaruu—Kutaa Tokko
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
  • ‘Dhaqaatii Namoota Barattoota Godhaa’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
Dabalataan Ilaaluuf
Namoota Jaalladhu—Barattoota Godhi
lmd barumsa 10

BARATTOOTA GOCHUU

Yesuusii fi Niqodimoos galgala mooraa keessatti haasaʼaa jiru.

Yoh. 3:1, 2

BARUMSA 10

Kutannoo Qabaadhu

Dhugaa buʼuuraa: “Misiraachoo Waaqayyoo qofa utuu hin taʼin, lubbuu keenya illee isinii kennuuf murteessinee turre; sababiin isaas, isin nu biratti baayʼee jaallatamoo turtan.”—1 Tas. 2:8.

Yesuus Maal Godhe?

Yesuusii fi Niqodimoos galgala mooraa keessatti haasaʼaa jiru.

VIIDIYOO: Yesuus Niqoodimosiin Barsiise

1. VIIDIYICHA ilaali ykn Yohaannis 3:1, 2 dubbisi. Achiis gaaffilee armaan gadiirratti yaadi:

  1. Niqoodimos gara Yesuus halkan keessa kan dhufe maaliif taʼuu dandaʼa?—Yohaannis 12:42, 43 ilaali.

  2. Yesuus halkan keessa Niqoodimos wajjin wal arguun isaa barattoota gochuuf kutatee akka ture kan argisiisu akkamitti?

Yesuusirraa Maal Baranna?

2. Hojii barattoota gochuurratti hirmaachuuf wanta dandeenyu hunda gochuudhaan namootatti jaalala argisiisna.

Fakkeenya Yesuus Hordofi

3. Yeroo fi iddoo barataa keetiif mijataa taʼetti qoʼadhaa. Barataan kee torban keessaa guyyaa filatu ykn guyyaa keessaa saʼaatii filatu qaba taʼa. Qoʼachuun kan isatti tolu iddoo hojiitti, mana isaatti moo iddoo kan biraatti? Hamma siif dandaʼame, yeroo fi iddoo isaaf mijatutti isa qoʼachiisuuf sagantaa keerratti sirreeffama godhi.

4. Sagantaa dhaabbataa qabaadhaa. Deemtee qoʼachiisuu hin dandeessu taanaan, beellama isaa jalaa hin haqin. Kanaa mannaa, kanarratti yaadi:

  1. Torbanuma sana keessatti yeroo biraa isa qoʼachiisuu dandeessaa?

  2. Bilbilaan ykn viidiyookonfiransiidhaan isa qoʼachiisuu dandeessaa?

  3. Babalʼisaa kan biraan akka isa qoʼachiisu gochuu dandeessaa?

5. Ilaalcha sirrii qabaachuuf kadhadhu. Barataan kee yeroo hunda kan hin qoʼanne ykn wanta baratu dafee hojiirra kan hin oolchine yoo taʼellee, abdii akka isatti hin kutanne akka si gargaaru Yihowaa kadhadhu. (Filp. 2:13) Barataan kee amaloota gaggaarii hedduu qabaachuu dandaʼa; amaloota sanarratti xiyyeeffachuuf akka si gargaaru Yihowaa kadhadhu.

CAQASOOTA KANAS ILAALI

Fak. 3:27; HoE. 20:35; 2 Qor. 12:15

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi