LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lmd barumsa 9
  • Miira Namaa Hubadhu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Miira Namaa Hubadhu
  • Namoota Jaalladhu—Barattoota Godhi
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yesuus Maal Godhe?
  • Yesuusirraa Maal Baranna?
  • Fakkeenya Yesuus Hordofi
  • Miira Namootaa Hubadhaa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
  • Miira Namaa Hubadhaa
    Dammaqaa!—2020
  • “Baayʼee Isaaniif Gadde”
    “Kottuutii Duuka Buutuu Koo Taʼi”
  • Gaarummaa Argisiisi
    Namoota Jaalladhu—Barattoota Godhi
Dabalataan Ilaaluuf
Namoota Jaalladhu—Barattoota Godhi
lmd barumsa 9

HORDOFANII GARGAARUU

Yesuusii fi barattoonni isaa bidiruurraa buʼanii gara namoota hedduu qarqara galaanaatti isaan eegaa jiranii deemaa jiru.

Mar. 6:30-34

BARUMSA 9

Miira Namaa Hubadhu

Dhugaa buʼuuraa: “Warra gammadanii wajjin gammadaa; warra booʼanii wajjin booʼaa.” —Rom. 12:15.

Yesuus Maal Godhe?

Yesuusii fi barattoonni isaa bidiruurraa buʼanii gara namoota hedduu qarqara galaanaatti isaan eegaa jiranii deemaa jiru.

VIIDIYOO: Yesuus Namoota Hedduu Argeef Baayʼee Gadde

1. VIIDIYICHA ilaali ykn Maarqos 6:30-34 dubbisi. Achiis gaaffilee armaan gadiirratti yaadi:

  1. Yesuusii fi ergamoonni isaa “kophaa isaanii taʼuu” kan barbaadan maaliif ture?

  2. Yesuus namoota hedduu sana akka barsiisu maaltu isa kakaase?

Yesuusirraa Maal Baranna?

2. Miira namootaa kan hubannu taʼuun keenya, waaʼee ergaa keenyaa qofa utuu hin taʼin, waaʼee isaaniis yaaduuf nu kakaasa.

Fakkeenya Yesuus Hordofi

3. Sirriitti dhaggeeffadhu. Namni haasofsiistu miira isaa akka ibsu isaaf heyyami. Miira isaa, wanta isa yaaddessu ykn sababii wanta tokko itti mormu yeroo ibsu addaan isa hin kutin. Sirriitti isa dhaggeeffachuudhaan ilaalcha isaatiif kabaja akka qabdu argisiisuu dandeessa.

4. Waaʼee nama fedhii qabu sanaa yaadi. Marii isa wajjin gooterratti hundaaʼuudhaan akkana jedhii of gaafadhu:

  1. ‘Dhugaa dhagaʼuun kan isa barbaachisu maaliifi?’

  2. ‘Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun isaa yeroo ammaatti jireenya isaa kan fooyyessuu fi gara fuulduraatti kan isa fayyadu akkamitti?’

5. Waaʼee wanta dhuunfaatti isa barbaachisuu isa mariisisi. Hamma siif dandaʼame dafiitii, Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun isaa gaaffilee isaatiif deebii argachuuf kan isa gargaaruu fi faayidaa kan isaaf argamsiisu akkamitti akka taʼe isaaf ibsi.

CAQASOOTA KANAS ILAALI

Rom. 10:13, 14; Filp. 2:3, 4; 1 Phe. 3:8

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi