LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb21 Adoolessa ful. 3
  • Miira Namootaa Hubadhaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Miira Namootaa Hubadhaa
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Waaqayyo Namaaf ni Gaddaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2018
  • Miira Namaa Hubadhaa
    Dammaqaa!—2020
  • Gammachuu Tajaajila Irraa Argattan Guddifadhaa—Gaaffii Gaafadhaa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
  • Garaa Namootaa Tuqaa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
mwb21 Adoolessa ful. 3

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI | GAMMACHUU TAJAAJILA IRRATTI ARGATTAN GUDDIFADHAA

Miira Namootaa Hubadhaa

Namni dandeettii miira namaa hubachuu qabu namni tokko maal akka yaadu, maaltu akka isatti dhagaʼamu, wantoota akkamiitiif iddoo guddaa akka kennuu fi wantoonni isa barbaachisan maalfaa akka taʼan ni hubata. Namoonni miira isaanii yeroo isaaniif hubannu kana salphaatti hubatu; warra kaan gargaaruuf garaadhaa barbaaduun keenya miira isaanii hubachuuf nu dandeessisa. Tajaajila irratti miira namootaa akka hubannu yommuu argisiisnu akkuma Yihowaa namoota akka jaallannuu fi akka isaaniif yaannu argisiisna; kun immoo Yihowaatti akka dhihaatan isaan kakaasa.—Flp 2:4.

Miira namootaa hubachuun mala barsiisuuf itti fayyadamnu qofa miti; akkaataa itti dhaggeeffannuun, akkaataa itti dubbannuun, ilaalcha keenyaan, ibsa qaamaa fi miira fuula keenya irraa mulʼatuun miira namootaa akka hubannu argisiisuu dandeenya. Akkasumas xiyyeeffannaa guutuu isaaniif kennuudhaan akka isaaniif yaannu argisiisuu dandeenya. Fedhii, amantii fi haala nama sanaatiif xiyyeeffannaa ni kennina. Wanta isa fayyadu kan isatti himnuu fi gargaarsa kan isaaf goonu taʼus jijjiirama akka godhu dhiibbaa irratti hin goonu. Namoonni gargaarsa isaaniif goonu fudhatanii deebii gaarii yeroo kennan gammachuun tajaajila irratti argannu ni dabala.

VIIDIYOO GAMMACHUU BARATTOOTA GOCHUUN ARGAMSIISU ARGADHAA—DANDEETTII KEESSAN FOOYYEFFADHAA—MIIRA NAMOOTAA HUBACHUUDHAAN JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Suuraa, viidiyoo ‘Gammachuu Barattoota Gochuun Argamsiisu Argadhaa—Dandeettii Keessan Fooyyeffadhaa—Miira Namootaa Hubachuudhaan’ jedhamu irraa fudhatame. Saaraan mana buna itti dhugan keessatti guyyaa sana maaliif qoʼachuu akka hin dandeenye ibsaa jirti.

    Maartaan yeroo Saaraan barfattee dhuftetti miira ishii akka ishiidhaaf hubattu kan argisiiste akkamitti?

  • Suuraa, viidiyoo ‘Gammachuu Barattoota Gochuun Argamsiisu Argadhaa—Dandeettii Keessan Fooyyeffadhaa—Miira Namootaa Hubachuudhaan’ jedhamu irraa fudhatame. Maartaan akka gaariitti dhaggeeffachaa jirti.

    Maartaan yeroo Saaraan baayʼee dhiphachuu ishiitiin kan kaʼe qoʼachuu akka hin dandeenye dubbattetti miira ishii akka ishiidhaaf hubattu kan argisiiste akkamitti?

  • Suuraa, viidiyoo ‘Gammachuu Barattoota Gochuun Argamsiisu Argadhaa—Dandeettii Keessan Fooyyeffadhaa—Miira Namootaa Hubachuudhaan’ jedhamu irraa fudhatame. Maartaan kutaa ishii sirreessuu irratti Saaraa gargaaraa jirti.

    Namoonni miira isaanii yeroo isaaniif hubannu Yihowaatti dhihaatu

    Maartaan yeroo Saaraan qindoomina akka hin qabne dubbattetti miira ishii akka ishiidhaaf hubattu kan argisiiste akkamitti?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi