LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb21 Adoolessa ful. 9
  • Garaa Namootaa Tuqaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Garaa Namootaa Tuqaa
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Gammachuu Tajaajila Irraa Argattan Guddifadhaa—Gaaffii Gaafadhaa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
  • Gammachuu Tajaajila Irratti Argattan Guddifadhaa—Dubbii Waaqayyootti Fayyadamaa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
  • Kadhannaadhaan Gargaarsa Yihowaa Fudhadhaa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
  • Barattoonni Keessan Barsiifata Xuraaʼaa Akka Injifatan Gargaaraa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2022
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
mwb21 Adoolessa ful. 9

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI | GAMMACHUU TAJAAJILA IRRATTI ARGATTAN GUDDIFADHAA

Garaa Namootaa Tuqaa

Waaqayyoof ajajamuun garaa irraa madda. (Fak 3:1) Kanaafuu, yeroo barsiisnu garaa dhaggeeffattoota keenyaa tuquuf carraaqqii gochuu qabna. Akkamitti?

Barataa keessan dhugaa Kitaaba Qulqulluu yeroo barsiistan, wanti baratu jireenya isaa fi walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabu kan tuqu akkamitti akka taʼe akka hubatus isa gargaaraa. Ulaagaaleen Kitaaba Qulqulluu jaalala, gaarummaa fi qajeelummaa Waaqayyoo kan calaqqisan akkamitti akka taʼe akka hubatu isa gargaaraa. Gaaffiiwwan wanta baratu ilaalchisee maaltu akka isatti dhagaʼamu qoruuf isa gargaaran malaan isa gaafadhaa. Ilaalcha ykn barsiifata gaarii hin taane dhiisuun isaa faayidaa akkamii akka isaaf argamsiisu akka yaadu isa gargaaraa. Barataan keessan garaadhaa Yihowaa akka jaallatu yommuu argitan gammachuun keessan ni dabala.

VIIDIYOO GAMMACHUU BARATTOOTA GOCHUUN ARGAMSIISU ARGADHAA—DANDEETTII KEESSAN FOOYYEFFADHAA—GARAA NAMOOTAA TUQUUDHAAN JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Suuraa, viidiyoo ‘Gammachuu Barattoota Gochuun Argamsiisu Argadhaa—Dandeettii Keessan Fooyyeffadhaa—Garaa Namootaa Tuquudhaan’ jedhamu irraa fudhatame. Maartaan qoʼannaa isaanii irratti yommuu Saaraa gaaffii gaafattu.

    Maartaan, “Wanta gaafa Wiixataa mariʼanne irratti yaaddee turtee?” jettee Saaraa kan gaafatte maaliifi?

  • Suuraa, viidiyoo ‘Gammachuu Barattoota Gochuun Argamsiisu Argadhaa—Dandeettii Keessan Fooyyeffadhaa—Garaa Namootaa Tuquudhaan’ jedhamu irraa fudhatame. Yommuu Maartaan caqasoota irratti hundoofte ibsa kennitu.

    Maartaan ulaagaaleen Kitaaba Qulqulluu jaalala Yihowaan ishiidhaaf qabu kan argisiisan akka taʼan akka hubattu Saaraa kan gargaarte akkamitti?

  • Suuraa, viidiyoo ‘Gammachuu Barattoota Gochuun Argamsiisu Argadhaa—Dandeettii Keessan Fooyyeffadhaa—Garaa Namootaa Tuquudhaan’ jedhamu irraa fudhatame. Saaraan Maartaa dhaggeeffachaa jirti.

    Barataan keenya wanti baratu garaa isaa yoo tuqe guddina gochuuf ni kakaʼa

    Maartaan karaa jaalala Waaqayyoof qabdu argisiisuu itti dandeessu irratti akka yaaddu Saaraa kan gargaarte akkamitti?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi