TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI | GAMMACHUU TAJAAJILA IRRATTI ARGATTAN GUDDIFADHAA
Barattoonni Keessan Barsiifata Xuraaʼaa Akka Injifatan Gargaaraa
Yihowaa wajjin hariiroo cimaa qabaachuu kan dandaʼan namoota naamusa qulqulluu qaban qofa dha. (1Ph 1:14-16) Barattoonni Kitaaba Qulqulluu barsiifata gadhee yommuu injifatan, maatiin isaanii faayidaa argata, gama fayyaa fi maallaqaatiinis faayidaa argatu.
Ulaagaawwan naamusaa Yihowaan baase maalfaa akka taʼan, maaliif akka baasee fi faayidaa ulaagaawwan kana hojii irra oolchuun qabu isaaniif ibsaa. Ilaalcha wanta tokkoof qaban akka jijjiiran barattoota keessan yoo gargaartan, wanta Yihowaan barbaadu gochuuf kakaʼuu dandaʼu. (Efe 4:22-24) Gargaarsa Yihowaatiin barsiifata moʼuun isaanitti ulfaachaa ture illee moʼuu akka dandaʼan isaaniif mirkaneessaa. (Flp 4:13) Cubbuu akka raawwatan keessi isaanii yommuu dhiibbaa isaan irratti godhu Yihowaatti wawwaannaa akka dhiheessan isaan barsiisaa. Haalawwan isaan qoruu dandaʼan hubatanii akka irraa fagaatan isaan gargaaraa. Barsiifatawwan xuraaʼoo taʼan sochiiwwan gaggaarii taʼaniin akka bakka buusan isaan jajjabeessaa. Barattoonni keessan gargaarsa Yihowaatiin yommuu jijjiirama godhan arguun keessan isin gammachiisa.
VIIDIYOO BARATTOONNI KITAABA QULQULLUU KEESSAN BARSIIFATA GADHEE AKKA DHIISAN GARGAARAA JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:
Jaarsolii fi Maartaan, Saaraa irratti amanannaa akka qaban kan argisiisan akkamitti?
Maartaan Saaraadhaaf gargaarsa dabalataa kan goote akkamitti?
Saaraan gargaarsa Yihowaa argachuuf kan yaalte akkamitti?