LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g20 Lakk. 3 ful. 6-7
  • Miira Namaa Hubadhaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Miira Namaa Hubadhaa
  • Dammaqaa!—2020
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Rakkina Jiru
  • Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu
  • Miira Namaa Hubachuun Akkamitti Nu Gargaara?
  • Wanta Gochuu Dandeessu
  • Miira Namootaa Hubadhaa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
  • Waaqayyo Namaaf ni Gaddaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2018
  • Jireenya Maatii fi Michummaa
    Dammaqaa!—2019
  • Dandeettii Tajaajilarratti Qabnu Fooyyeffachuu—Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo Sodaa Malee Dubbachuu
    Tajaajila Mootummaa—2014
Dabalataan Ilaaluuf
Dammaqaa!—2020
g20 Lakk. 3 ful. 6-7
Faranjiin tokkoo fi namni amantii hindii hordofu tokko xiyyaara irratti wal bira taaʼaa jiru. Gammachuudhaan waliin haasaʼaa jiru.

Miira Namaa Hubadhaa

Rakkina Jiru

Garaagarummaa nuu fi warra kaan gidduu jiru irratti yoo xiyyeeffanne, garaagarummaan kun hirʼina akka taʼe yaaduu dandeenya. Kanaafuu, warra nu irraa adda taʼan akka gad aanootti ilaaluu dandeenya. Warra kaaniif ilaalcha dogoggoraa akkasii erga qabaannee booda, miira isaanii hubachuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Miira isaanii hubachuu dadhabuun immoo rakkina cimaa, jechuunis jibba halaalaa akka qabnu argisiisuu dandaʼa.

Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu

“Warra gammadanii wajjin gammadaa; warra booʼanii wajjin booʼaa.”—ROOMAA 12:15.

Maal jechuu dha? Caqasni kun miira namaa hubachuu akka qabnu nu barsiisa. Miira namaa hubachuun dandeettii iddoo nama sanaa of kaaʼanii wanta isatti dhagaʼamu beekuu ti.

Miira Namaa Hubachuun Akkamitti Nu Gargaara?

Miira nama tokkoo yommuu hubannu, nama sanaa wajjin hammam akka wal fakkaannu beekna. Inni ykn ishiin miirri kan keenyaa wajjin wal fakkaatu itti dhagaʼamuu fi wantuma nuti goonu gochuu akka dandaʼan hubanna. Miira namaa hubachuun, akkaataan guddinaa isaanii maal iyyuu yoo taʼe, namoonni hundi kutaa maatii tokkoo akka taʼan hubachuuf nu gargaara. Wanta wal nu fakkeessu irratti yoo xiyyeeffanne, carraan dogoggoraan isaan hubachuuf qabnu ni xiqqaata.

Miira namaa hubachuun warra kaan kabajuufis nu gargaara. Aan Maarii, ishiin Seneegaal jiraattu, namoota saba gad aanoo akka taʼanitti ilaalaman keessaa dhufan ni tuffatti turte. Miira namaa hubachuun akkamitti akka ishii gargaare akka itti aanutti ibsiteetti: “Dhiphina namoota miseensa saba kanaa taʼan irra gaʼu yommuun argu, utuun iddoo isaanii taʼee maaltu natti dhagaʼama jedheen of gaafadhe. Kanaan kan kaʼes, namoota kana akkan hin caalle hubachuun jalqabe. Wanta akkan isaan irra wayyu na godhu homaa hin raawwanne.” Eeyyee, rakkina nama kan biraa hubachuuf yoo yaalle, isa ceephaʼuu mannaa carraan miira isaa hubachuuf qabnu ni balʼata.

Wanta Gochuu Dandeessu

Garaagarummaa qabdu dhiisiitii wanta sii fi saba akka gad aanootti ilaaltu wal fakkeessu argachuuf yaali. Fakkeenyaaf, yommuu wantoota kana godhan wanta isaanitti dhagaʼamu yaadi

Miira namaa hubachuun namoonni hundi kutaa maatii tokkoo akka taʼan hubachuuf nu gargaara

  • maatii isaanii wajjin yommuu nyaatan

  • hojii cimaa hojjechaa oolanii yommuu xumuran

  • michoota isaanii wajjin yommuu yeroo dabarsan

  • muuziqaa jaallatan yommuu dhaggeeffatan

Itti aansee immoo wanti isaan irra gaʼu si irra gaʼaa akka jiru godhii yaadi. Akkas jedhii of gaafadhu:

  • ‘Namni tokko gatii akkan hin qabne akka natti dhagaʼamu yoo godhe maalan godha?’

  • ‘Warri kaan utuu na hin beekin natti murteessanii maaltu natti dhagaʼama?’

  • ‘Utuun saba kana keessaa tokko taʼee, namoonni akkamitti akka na qabanan barbaada?’

Faranjiin kunii fi namni amantii hindii hordofuu kun suuraa maatii isaanii, tapha jaallatanii fi hojii isaanii argisiisu wal jijjiiraa jiru.

Seenaa Dhugaa: Roobart (Singaappoor)

“Kanaan dura namoonni gurri isaanii hin dhageenye adda akka taʼan, sammuu dadhabaa akka qabanii fi dafanii akka aaran godheen yaada ture. Kanaaf, isaanitti hin dhihaadhu. Taʼus, ilaalchi koo nama kam iyyuu kan miidhu waan hin fakkaanneef, jibba halaalaa akkan qabu hin yaadne.

“Miira namoota gurri isaanii hin dhageenyee hubachuun koo jibba halaalaa moʼuuf na gargaareera. Fakkeenyaaf, warra gurri isaanii hin dhageenye yommuun haasofsiisu callisanii waan na ilaalaniif, dandeettiin yaaduu isaanii gad buʼaa akka taʼe natti dhagaʼama. Kanaafuu, namni tokko yommuu natti dubbatu utuun hin dhagaʼu taʼee, wanta natti dhagaʼamu yaaduufan yaale. Anis calliseen ilaala ture! Meeshaa dhaggeeffachuuf gargaaru utuun qabaadhee illee, wanti fuula koo irraa mulʼatu dhaggeeffachuufis, ‘hubachuufis qabsaaʼaa akkan jiru’ kan argisiisuu taʼa.

“Iddoo nama gurri isaa hin dhageenyee yommuun of kaaʼu jibbi halaalaa ani qabu ni bade.”

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi