LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g20 Lakk. 3 ful. 8-9
  • Cimina Warra Kaanii Hubadhaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Cimina Warra Kaanii Hubadhaa
  • Dammaqaa!—2020
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Rakkina Jiru
  • Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu
  • Wanta Gochuu Dandeessu
  • Jibba Halaalaa—Si Qabeeraa?
    Dammaqaa!—2020
  • Halaalatti Nama Jibbuun Kan Hafu Yoomi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Rakkina Addunyaa Maraa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Akkuma Yihowaa fi Yesuus Tokkummaa Qaban, Hundi Keenya Tokkummaa haa Qabaannu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
Dabalataan Ilaaluuf
Dammaqaa!—2020
g20 Lakk. 3 ful. 8-9
Fakkii: 1. Hiriyoonni gaaʼelaa tokko ariitiidhaan deemaa utuu jiranii dubartiin qaroo hin qabne tokko fuuldura isaanii yommuu qaxxaamurtu ni aaran. 2. Booda hiriyoonni gaaʼelaa kun dubartittiin qophii tokko irratti muuziqaa yommuu taphattu ni dinqisiifatan.

Cimina Warra Kaanii Hubadhaa

Rakkina Jiru

Of jajuun gara jibba halaalaatti geessa. Namni of jaju tokko waaʼee barbaachisummaa ofii isaa ilaalcha keessa baʼaa qaba. Namni akkasii ofii isaa warra kaan akka caalutti, warra isa irraa adda taʼan immoo gad aanoo akka taʼanitti ilaala. Namni kam iyyuu kiyyoo kanaan qabamuu dandaʼa. Insaayikilooppiidiyaa Biritaanikaan akkas jedheera: “[Aadaawwan] hedduu keessatti namoonni akkaataan jireenyaa, nyaataa, uffannaa, barsiifataa, amantaa, naamusaa isaanii fi kan kana fakkaatan kan warra kaanii irra akka caalu itti dhagaʼama.” Ilaalcha dogoggoraa kana irraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti?

Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu

“Gad of qabuudhaan warri kaan akka isin irra caalan godhaa yaadaa.”—FILIPHISIYUS 2:3.

Maal jechuu dha? Koora keessa baʼaa balleessuuf, amala gad of qabuu isa faallaa isaa taʼe horachuu qabna. Gad of qabuun karaa taʼe tokkoon warri kaan akka nu caalan hubachuuf nu gargaara. Sabni amala gaarii hundumaa fi dandeettii hundumaa qabu hin jiru.

Mee fakkeenya Isteefan haa ilaallu. Inni biyya Kooministiitti kan guddate taʼus, jibba halaalaa namoota biyya Kooministii hin taane irraa dhufaniif qabu moʼuu dandaʼeera. Akkas jedheera: “Warri kaan akka nu caalanitti yaaduun jibba halaalaa moʼuuf barbaachisaa akka taʼe nan amana. Waan hundumaa hin beeku. Nama hundumaa irraa waan tokko barachuu nan dandaʼa.”

Wanta Gochuu Dandeessu

Ofii keetiif ilaalcha sirrii qabaadhu, akkasumas dogoggora kee amanii fudhadhu. Kallattii ati dadhabina qabduun warri kaan cimoo akka taʼan amani fudhadhu. Namoonni saba tokko keessaa taʼan hundi hirʼina wal fakkaatu qabu jettee hin yaadin.

Nama saba taʼe tokko keessaa dhufeef ilaalcha sirrii hin taane qabaachuu mannaa, akkas jedhii of gaafadhu:

Gama ati dadhabina qabduun warri kaan cimoo akka taʼan amanii fudhadhu

  • ‘Amalli nama sanaa ani jibbu dhuguma gadhee dha moo adduma waan taʼeef qofan jibbe?’

  • ‘Namni kun ana irratti dogoggora argachuu ni dandaʼaa?’

  • ‘Namni kun karaa kamiin ana caalaa dandeettii qaba?’

Gaaffiiwwan kana haqaan yoo deebiste, jibba halaalaa moʼuu qofa utuu hin taʼin, wanta nama sana akka dinqisiifattu si taasisu argachuu dandeessa.

Seenaa Dhugaa: Neelsan (Yunaayitid Isteetis)

“Kanan guddadhe, bakka namoonni baayʼeen isaanii sanyii tokkoo fi akkaataa guddinaa wal fakkaatu qaban keessatti dha. Taʼus, umuriin koo waggaa 19 yommuu taʼu warshaa tokko keessa hojjechuuf gara magaalaa guddaa tokkoo yeroon deemetti namoota sanyii, akkaataa guddinaa fi aadaa gara garaa qaban gidduu jiraachuufan dirqame.

“Warra na waliin hojjetan yommuun beekuu fi michoota godhadhu, bifni, afaan dhalootaa fi biyyi isaanii, hammam jabaatanii akka hojjetan, amanamoo akka taʼan ykn miira akkamii akka qaban beekuuf akka na hin gargaarren hubadhe.

“Booda dubartii biyyi dhalootaa ishii fi sanyiin ishii kan koo irraa adda taʼe fuudheera, akkasumas gosa nyaataa adda addaa fi muuziqaa naaf haaraa taʼe, barachuun koo gammachuu guddaa naaf argamsiiseera. Jireenyi, hundi keenya amala gaariis taʼe gadhee akka qabnu na barsiiseera. Dhugaa isaa dubbachuuf, amala gaarii namoonni sanyii fi aadaa kan koo irraa adda taʼe qaban dinqisiifachuu fi hordofuun koo nama gaarii akkan taʼu na gargaareera.”

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi