LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w13 7/1 ful. 11-12
  • Rakkina Addunyaa Maraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Rakkina Addunyaa Maraa
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • DHIMMA DHUUNFAA
  • Halaalatti Nama Jibbuun Kan Hafu Yoomi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Jibba Halaalaa—Si Qabeeraa?
    Dammaqaa!—2020
  • Akkuma Yihowaa fi Yesuus Tokkummaa Qaban, Hundi Keenya Tokkummaa haa Qabaannu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
  • Barumsi Waaqayyoo Halaalatti Nama Jibbuu ni Injifata
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii(2016)
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
w13 7/1 ful. 11-12
[Fakkii fuula 11⁠rra jiru]

Halaalatti Nama Jibbuu

Rakkina Addunyaa Maraa

JOONAATAAN inni maatii sanyii Kooriyaa taʼanirraa Ameerikaatti dhalate ijoollummaasaatti jibbiinsi sanyii isarra gaʼee ture. Erga guddatee booda, bakka namoonni bifa ykn qomoosaarratti hundaaʼuudhaan halaalatti isa jibban hin jirre barbaaddachaa ture. Biyya Ameerikaa, magaalaa kaaba Alaaskaatti argamtu tokkotti iddoo namoonni inni yaalii fayyaa godhuuf keessaa baayʼeensaanii bifa isaa wajjin wal fakkaatu qaban itti argaman dhaquudhaan doktoora taʼee hojjechuu jalqabe. Naannoo Arkitiikii diilallaaʼaa taʼe kana jiraachuudhaan jibbiinsa isarra gaʼu jalaa miliquu akka dandaʼu abdatee ture.

Haataʼu malee, dubartii umrii waggaa 25tiif yaalii fayyaa yeroo godhetti abdiinsaa kun jalaa dukkanaaʼe. Dubartiin sababa dhukkubasheetiin of wallaaltee turte kun akkuma of barteen fuula Joonaataan yommuu argitu, jibbiinsa warra Kooriyaatiif qabdu ibsuuf iyyitee jechoota gadhee itti dubbatte. Haalli kun carraaqqiin inni jibbiinsa isarra gaʼu jalaa miliquuf godhe akka isaaf hin milkoofne isa hubachiiseera.

Muuxannoon Joonaataan haala gaddisiisaa jiru tokko kan ibsudha. Halaalatti nama jibbuun amala addunyaarratti babalʼatee jirudha. Amalli kun bakka namoonni jiran hunda jira.

Halaalatti nama jibbuun kan babalʼate taʼus namoonni baayʼeen ni balaaleffatu. Haataʼu malee, wanti tokko utuma baayʼee jibbamuu babalʼachuu kan dandaʼu akkamitti? Namoonni amala halaalatti nama jibbuu balaaleffatan, isaanis amala akkasii akka qaban hin hubatan. Atoo gama kanaan akkami?

HALAALATTI NAMA JIBBUUN MAALIDHA?

Namoonni tokko tokko, “halaalatti nama jibbuun, ilaalcha ykn miira gadhee namoonni, namni tokko miseensa garee tokkoo waan taʼeef qofa isaaf qaban kan argisiisu akka taʼe dubbatu.” Kaanimmoo, ilaalchi kun “odeeffannoo gaʼaa utuu hin qabaatin, nama miseensa garee sanaa taʼeef ilaalcha gadhee qabaachuu” akka argisiisu dubbatu. Sanas taʼe kana, halaalatti nama jibbuun, garaagarummaa sanyii, ulfaatina qaamaa, saala, afaan, amantii ykn garaagarummaa taʼe tokko sababeeffachuudhaan nama jibbuu kan argisiisu taʼuu dandaʼa.

DHIMMA DHUUNFAA

Hubannes hubachuu baannes, halaalatti nama jibbuun hamma tokko keessa keenya jiraachuusaa beekuun rakkisaadha. Macaafni Qulqulluun sababasaa yommuu ibsu, “Garaan namaa waan hundumaa irra jalʼaa dha” jedha. (Ermiyaas 17:9) Kanaafuu, namoota hundumaa wajjin waliif dandeenyee jiraachaa akka jirru yaaduudhaan of gowwoomsina taʼa. Yookiinimmoo qomoo taʼe tokkoof ilaalcha gadhee qabaachuuf sababa gaʼaa akka qabnu yaanna taʼa.

[Fakkii fuula 12⁠rra jiru]

Haalli Akkasii Utuu Si Mudatee Maaltu Sitti Dhagaʼama?

Jibbiinsa keessa keenya jiru hubachuun rakkisaa taʼuusaa ilaaluuf haala kanarratti yaadi: Halkan dukkana keessa kophaakee karaarra deemaa jirta haa jennu. Dargaggoonni kanaan dura matumaa argitee hin beekne lama sitti dhufaa jiru. Dargaggoonni kun qaamaan ciccimoodha; inni tokko waa harkatti qabateera.

Dargaggoonni kun miidhaa narraan geessisu jettee sodaattaa? Haalli kanaan dura si mudate of eeggannoo gochuu akka qabdu kan si hubachiise taʼus, muuxannoonkee kun dargaggoonni kun miidhaa sirraan geessisuu akka dandaʼan yaaduunkee sirrii akka taʼe kan mirkaneessudhaa? Yeroo kanatti, Dargaggoota kana sanyii ykn qomoo isa kam keessatti ramadda? Deebiin gaaffii kanaaf kennitu halaalatti nama jibbuufi dhiisuukee argisiisa. Deebiin ati kennitus halaalatti nama jibbuun hamma tokko dhiibbaa sirratti akka geessise kan argisiisu taʼuu dandaʼa.

Hundi keenya haqaan yoo of qorre, hamma tokko jibbi keessa keenya akka jiru baruu dandeenya. Macaafni Qulqulluun ‘namni fuula ilaalee’ akka murteessu dubbachuudhaan, akaakuu halaalatti nama jibbuu beekamaa taʼe tokko ibsa. (1 Saamuʼel 16:7) Hundi keenya amala halaalatti nama jibbuu isa yeroo baayʼee miidhaa guddaa geessisu waan qabnuuf, amala kana moʼuu ykn hambisuu ni dandeenyaa? Gara fuulduraatti yeroon addunyaan kun halaalatti nama jibbuurraa walaba itti taatuhoo ni dhufaa?

HALAALATTI NAMA JIBBUU—RAKKINA ADDUNYAA MARAA

Kaanaadaa: “Garaagarummaa [biyyattii keessa] jiru amananii fudhachuufi mirga qomoo garaagaraa eegsisuuf seeraafi imaammanni baayʼeen kan baʼe taʼuyyuu, qomoo wal caalchisuun ammayyuu rakkina guddaa mirga ilmaan namootaa sarbu taʼuusaa itti fufeera.”—Gabaasa Amnastii Intarnaashinaal Kaanaadaa ilaalchisee baase, 2012.

Awurooppaa: “Namoota Awurooppaa keessa jiraatan keessaa parsantiin 48, sanyiidhaan namoota wal caalchisuu isa biyyasaanii keessa jiru balleessuuf carraaqqiin tokkoyyuu akka hin godhamne itti dhagaʼama.”—Intolaraansi, Priijudiis eend Diskirimineeshin: Ee Yurooppiyaan Riippoort, 2011.

Afriikaa: “Hamminniifi jibbiinsi biyyoota hedduu keessatti dubartootarra gaʼaa jiru, ammayyuu hin hirʼanne.”—Amnastii Intarnaashinaal Riippoort 2012.

Neeppaal: Hawaasni “Daaliitis (“kan itti hin siqamne”) keessumaa karaa dinagdee, hawaasummaafi aadaa jibbiinsa cimaatu irra gaʼa.”—Hiyumaan Raayitsi Waach Worlid Riippoort, 2012.

Baha Awurooppaa: “Sabni baha Awurooppaa Roomaa jedhaman, biyyasaanii keessatti halaalatti kan jibbamaniifi biyya kan biraa yeroo dhaqanimmoo maqaansaanii kan balleeffamu siʼa taʼu, namni siyaasaa rakkina isaaniin wal qabatee uumamu keessa galuu barbaadu hin jiru.”—Za Ikonoomisti, Fulbaana 4, 2010.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi