Dandeettii Tajaajilarratti Qabnu Fooyyeffachuu—Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo Sodaa Malee Dubbachuu
Barbaachisaa Kan Taʼe Maaliifi? Qajeelfama ifa taʼeefi 2 Ximotewos 1:7, 8rratti kenname hordofuu yoo barbaanne, waaʼee Mootummichaa sodaa malee dubbachuu qabna. Ija jabina Mootummicha beeksisuuf nu dandeessisu akkamitti argachuu dandeenya?
Jiʼa Kanatti Akkas Gochuuf Yaali:
Nama dhugaa baʼuufii barbaaddan tokko filadhaa. Ija jabinaafi carraa nama sana itti haasofsiisuu dandeessan argachuuf Yihowaa kadhadhaa.