LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lmd barumsa 8
  • Obsa Qabaadhu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Obsa Qabaadhu
  • Namoota Jaalladhu—Barattoota Godhi
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yesuus Maal Godhe?
  • Yesuusirraa Maal Baranna?
  • Fakkeenya Yesuus Hordofi
  • Obsuu Kee Itti Fufi
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
  • Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Barsiisuuf Viidiyoowwanitti Fayyadamuu
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii(2016)
  • Faayidaa Aarsaa Yesuusirraa Argamu
    Mata Dureewwan Dabalataa
  • Fedhii Namootaatiif Xiyyeeffannaa Kenni
    Namoota Jaalladhu—Barattoota Godhi
Dabalataan Ilaaluuf
Namoota Jaalladhu—Barattoota Godhi
lmd barumsa 8

HORDOFANII GARGAARUU

Yesuus obboleessi isaa Yaaqoob hojii anaaxummaa utuu hojjetuu isa haasofsiisaa jira. Yaaqoob yeroo isa argu naʼeera.

Yoh. 7:3-5; 1 Qor. 15:3, 4, 7

BARUMSA 8

Obsa Qabaadhu

Dhugaa buʼuuraa: “Jaalalli ni obsa.”—1 Qor. 13:4.

Yesuus Maal Godhe?

Yesuus obboleessi isaa Yaaqoob hojii anaaxummaa utuu hojjetuu isa haasofsiisaa jira. Yaaqoob yeroo isa argu naʼeera.

VIIDIYOO: Yesuus Obboleessa Isaa Obsaan Gargaareera

1. VIIDIYICHA ilaali ykn Yohaannis 7:3-5 fi 1 Qorontos 15:3, 4, 7 dubbisi. Achiis gaaffilee armaan gadiirratti yaadi:

  1. Obboloonni Yesuus jalqabarratti ergaa isaatiif deebii akkamii kennan?

  2. Yesuus obboleessa isaa Yaaqoobitti abdii akka hin kutanne wanti argisiisu maalidha?

Yesuusirraa Maal Baranna?

2. Namoonni tokko tokko misiraachicha fudhachuuf namoota kaan caalaa yeroo dheeraa waan isaanitti fudhatuuf obsa qabaachuun nu barbaachisa.

Fakkeenya Yesuus Hordofi

3. Mala garaa garaatti fayyadami. Namni sun Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf fedhii hin qabu taanaan isa hin dirqisiisin. Dandaʼamnaan viidiyoo ykn mata duree tokkotti fayyadamiitii qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu kan geggeessinu akkamitti akka taʼee fi faayidaa akkamii akka isaaf argamsiisu akka hubatu isa gargaari.

4. Namoota wal bira hin qabin. Namni hundi garaa garummaa qaba. Miseensi maatii ykn deddeebiin gaaffii tokko Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu ykn barumsa Kitaaba Qulqulluu tokko fudhachuurraa duubatti yoo jedhe, sababii isaa hubachuuf yaali. Barumsi amantaan isaa barsiisuu fi iddoo guddaa kennuuf jiraa? Firoota isaa ykn namoota kan biroorraa dhiibbaan isarra gaʼaa jiraa? Wanta ati dubbatterratti yaaduu fi wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu hubachuu akka dandaʼuuf yeroo gaʼaa isaaf kenni.

5. Waaʼee nama fedhii argisiise sanaa kadhadhu. Ilaalcha gaarii fi mala qabaachuuf akka si gargaaru Yihowaa kadhadhu. Namni tokko fedhii akka hin qabne argisiisaa jira taanaan, yeroo sirrii nama sana mariisisuu dhiisuu itti qabdu hubachuuf akka si gargaaru kadhadhu.—1 Qor. 9:26.

CAQASOOTA KANAS ILAALI

Mar. 4:26-28; 1 Qor. 3:5-9; 2 Phe. 3:9

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi